BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
MM Abiy Ahimad Yaa'ii BRICS irratti hirmachuuf Indiyaa jira
Yaa’ii BRICS cinaatti MM Abiy har’a Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin marii gaggeesseera jechuun fuula Feesbukiisaa irratti maxxanse. Abiy akka hogganaan Itoophiyaa jedhutti, mariin isaanii haala Galaana Diimaa fi nageenya bal’aa naannichaa, akkasumas barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannoo irratti xiyyeeffate.
KALLATTIIN, MM Abiy fi Pirezidantiin Iraan "waan amma Galaana Diimaarratti mul'achaa jirurratti" mariyatan
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Pirezidantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin mariyachuu isaanii beeksisan. Gaggeessitoonni lamaan Kora BRICS 18ffaa Indiyaa, magaalaa Niiwu Deelhii keessatti gaggeeffamurratti wal arguun “haala yeroo Galaana Diimaarratti ta’aa jiruu fi haala waliigalaa nageenya qaxanaa irratti marii xiyyeeffate” taasisuu isaanii MM Abiy ibsaniiru.
Saffisni Huutiin lafa to'achaa jirtuun waraana Iraan waliin deemaa jirutti balaa haaraa hamaa uumuu mala
Hidhattoonni Huutii mootummaa Iraaniin deegaraman saffisa cimaan guutummaa kibbaatti babal'achuun magaalaa gammoojji qarqara Yaman taate Tihamaah qabachuun isaanii waan aja'aabaati jedhamaa jira.
Sa'udiin haleellaa diroonii irratti raawwatameen ujummoo ittiin boba'aa dabarsitu murteessaa cufte
Sa'ud Arabiyaan haleellaa diroonii irratti raawwatameen ujummoon boba'aa uumama aittii dabarsitu haleelamnaan akka cufamu gooteetti. Kun ammoo walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessaa keessa jiru babal'achaa deemuu isaa agarsiisa jedhamaa jira.
Dubartiin ajjeechaa haadhasheef abbaa irratti ragaa baate boqotte
Deenise Kooskoo jedhamti. Bara 2009tti, haati ishee ajjeefamuu booda, ajjeechaa ishee irratti abbaa ishee irratti ragaa baate. Dilbata darbe miidhaan cimaan irra ga'uun hospitaala geeffamte; boodarra hospitaala Roomaa keessatti du'aan boqotte. Of ajjeeste jedhamee amanama.
Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate hanga ammaa kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof dhaabbachuu Dhaabbanni KEFI jedhamu beeksiseera.
Haalota ajaa'ibaa biyyoonni adda addaa Bara Haaraa itti simatan
Itoophiyaafi biyyaanni sirna lakkoofsa baraa Juuliyaan hordofan muraasni Fulbaana 1 bara haaraa kabajatu.
Viidiyoo bootteewwan Wallagga Lixaatti gubatan mul'isu BBC'n mirkaneesse
Konkolaattonni boba'aa baataniifi boottee jedhamanii waamaman Lixa Oromiyaatti gubachuu BBC'n viidiyoowwan qoodamanirraa mirkaneesse.
AI'n nama 'lafa irraa fixuuf' deemaa? qorannoon waan argisiisu qaba
Qorataan hubannoo namtolchee Jeekob Kaaksan, “hubannoon namtolchee beekumsa olaanaa qabuufi ofiin of fooyyessu hojjechutti fiigaa jiru,dhaabbilee AI lubbuu keenyaanis tirgaa (qumaara) taphachaa jiru” jechuun hojii gadi dhiisuusaa beeksiseera. AI to’annoo namaan ala ta’uusaan yaaddoo kaasaa jira.
FBI'n ragaa basaasaa Sa'udiiti jedhamee haleellaa 9/11 keessaa gahee qabaachuu agarsiisu dhokseera?
Himannaa doolaara tiriliyoona tokkoo maatiin miidhamtoota haleellaa 9/11, Sa'ud Arabiyaa irratti bananiin walqabatee namni maqaansaa eerame Omaar al-Baayumii angawoota mootummaa Sa'udii walin hidhata bal'aa qabaachuunsaa mirkanaa'e.
Dhuguma daraaraan Adaa Itoophiyaa keessatti qofa biqilaa?
Abaaboon keelloo (daraaraan adaa) miidhagina Fulbaanaadha. Keessumaa nannoo baaddiyyaa keessa daa'immaan jiran waqtii kanatti kan isaan ittin bashannanidha. Dhiyeenya ammoo magaalota gurguddoo keessatti akka miidhaginaatti uffanaa irratti ni maxxanfama.
Dubartiin seenaa Xaaliyaanii keessatti yeroo dheeraaf biyya bulchite, Joorjiyaa Meloonii eenyu?
Melooniin Roomitti kan argamu, Paartii Niyoo Faashitii keessatti yeroo umriinshee ganna 20 hin guunne keessa damee dargaggootaa keessatti hirmaachuun daandii siyaasaa eegalte.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
Viidiyoo, Dhimma Afrikaarratti harki mirgaa Tiraamp waan Itoophiyaaf dhaaman
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Hogganaan Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa dhihoo guyyoota shaniif Itoophiyaa daawwataniiru.
Viidiyoo, Chaayinaan waan Itoophiyaa ilaallatuun Masrii deeggaraa jirtii?
Chaayinaan tibbana waliigaltee faallaa Itoophiyaa fakkaatu Masrii waliin mallatteessiteetti.
Viidiyoo, Biyyoota jaha keessatti 'hanna qaama saalaan' namootni 80 ta'an ajjeefaman
''Qaamni saalaa dhabamuu'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota hedduu gaaga'e.
Viidiyoo, Eebbisaan ajjeefamuun akkamiin jireenya maatiisaa miidhe?
Weellisaa Eebbisaa waggaa 30 dura erga ajjeefamee hanga yoonaa haqi isaa hin baane jechuun harmeensaa himatu.
Viidiyoo, Qorichi qaama furdisuuf fudhatamu umurii gabaabsa - Qorannoo
Qorannoon bara kana bahe tokko dorgommii boca qaamaatiif kanneen qorichaan qaama isaanii furdisan miidhaawaan adda addaaf saaxilamaa jiraachuu ifa godhe.
Viidiyoo, 'Teessoon Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hordofee fayyaakoo dhabee'
Sochii barattootaa tureen bara 1996 reebicha humnoota mootummaan irratti raawwatamee hedduu miidhamuu dubbatu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humni qilleensaa biyyoota Gaanfa Afrikaa birqabaan yoo ilaalamu- Biyya kamtu Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, kaanis humnasaanii cimsachuurratti argamu.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Gadda baayyee ulfaataadha': Maatii Ijoolleen isaanii Sa'ud Arabiyaatti ajjeefamanii reeffi isaanii hin ergamne
Akka Humaan Raayit woch jedhetti, murtii du'aa Saawudii Arabiyaan kan gaafa Waxabajjii 25tin murtiin ajjeechaa namoota 116 irratti raawwatame.
Obasaanjoon himannaa TPLF federaalaaf loogu jedhu waakkatan
Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjo himannaa dhaabni TPLF Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi akka hin dhalanne walaba ta'anii sosso'aa hin jiran jedhee himate waakkatan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Chaayinaan dhimma Abbayyaafi Galaana Diimaa irratti ejjennoo Masrii agarsiisuun Itoophiyaaf maali?
Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing biyyi isaanii hariiroo dippiloomaasii Masrii wajjin eegalte waggaa 70ffaa sababeeffachuun torbee kana Kaayirootti imalanii ture.
Yunivarsiitiiwwan Tigraay keessaa 'hidhattoonni' yoo bahan malee barataa hin ramadnu - Ministeera Barnootaa
Yunivarsiitiiwwan afur Naannoo Tigraay keessatti argaman dallaa isaanii ''sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa'' akka godhan Ministeerri Barnootaa akeekkachiise.
Ilfinash Qannoo - Artistii walakkaa jaarraaf aartiin qabsaa'aa turte
Artist Ilfinesh Qannoo Fulbaana 6, 2026 Sanbata ganama du'aan addunyaa kanarraa boqochuu ishee maatiin BBC'f mirkaneessan.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa angawaa olaanaa US waliin maal mari'atan?
Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsi akka hin jiraanne Itoophiyaan sochii akka cimsitu aangawaan olaanaa Yunaayitid Isteet gorsan.
MM Abiy torban sadii booda ummatatti mul'atan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga fuula ummataarraa badanii torban sadii booda mul'atan.
US AGOA hanga 2028tti dheeressite, Itoophiyaan itti deebitii?
Kongireesiin Ameerikaa sagantaa daldalaa qaraxa irraa bilisaa AGOA hanga Muddee 31, 2028tti akka itti fufu murteesseera.
Sa'udiitti ajjeechaa garee godaantota Itoophiyaan walqabatee '100 ol to'ataman'
Godaantonni Itoophiyaa gammoojjii Sa'udi Arabiyaa keessatti gareen wal ijaaranii nama ajjeesan to'atamaa akka jiran Embasiin Itoophiyaa Riyaaditti argamu beeksise.
Ispoortii
Arsenaal qormaata kamiyyu darbaa jira - Odegaard gahumsa addaarra jira
Arsenaal bara darbe injifannoo waancaa dachaa milkeessuuf fiixeerra gahanii ture. Piriimer Liigii milkeessaniiru, Shaampiyoons Liigii ammoo waancaaf dhiyaatanii peenaaliitiirra gahanii PSGn mo'aman.
Shaampiyoons Liigiin deebiyeera - barana eenyu mo'ata, taphattoota kam daawwachuu hawwitu?
Shaampiyoons Liigiin kilaboota ciccimoo Awurooppaa gidduutti waggaa waggaan gaggeeffamu deebiyeera. Morkii guddaa Waxabajji 5, 2027 Maadiriiditti goolabamu kana mo'atee eenyutu 'waancaa gurra guddatu' kana harka galfata?
Jijjiirraa taphattoota baranaa baayyee qaalii ta'an 20
Kilabooonni Piriimer Liigii bara kana jijjiirraa taphattootaaf baasii seenaa keessatti rikkardii ta'e baasaniiru. Walumaagalatti jijjiirraa ganna baranaa kanaan Paawondii Biuliyoona 3.5 baasaniiru.
Meesii: 'Gaggeessuu hin danda'u' jedhamuu irraa hanga olaantummaa ajaa'ibaa galmeessuutti
Meesii:- 'Gaggeessuu hin danda'u' jedhamuu irraa hanga olaantummaa ajaa'ibaa galmeessuutti
Jijjiirraan taphattootaa cufamuu dura waan beekuu qabdan
Jijjiirraan taphattootaa Waxabajjii 15 eegale halkan kana xumuramuu dura kilaboonni Piriimer Liigii hedduun ammallee taphataa iji isaanii irra bu'e adamsaa jiru.
Gooliin kubbaa Maguwaayer 'harkaan tuqe' irraa argame maaliif hin haqamne?
Taateen wal xaxaan taphataan kubbaa harkaan tuquun uumamu yeroo mara osoo hin taane darbee darbee waan mudatuudha.Taateen sun Dilbata galgala Oldi Tiraaforditti mudateera.
Ispoortessitoonni ijaarsa qaamaa (body builders) maaliif dargaggummaatti du'u?
Lammiin Biraaziil Mayilsan Arawujoo Ji'a Adoolessaa darbe boca qaamaa isaa mana jiimii keessatti suura ka'ee maxxanse. Ogeessa ijaarsa qaamaa Piroofeeshinaalaa fi hordoftoota Kumaatamaan lakkaa'aman akka argatu kan isa godhe ijaarsa qaama isaa kana.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.





































































































