Ertiraan hamma maallaqa callaa namoonni qabachuu danda'an daangessite

Pireezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baankiin Biyyoolessaa Eertiraa qajeelfama haaraa maallaqa callaa namootni dhuunfaa fi dhaabbileen daldalaa baankiidhaan alatti yeroo murtaa'eef qabachuu danda'an daangessu ifoomse.

Akka qajeelfama haaraa baankichi baasee kan gaazexaa biyyattii irratti gaafa Robii kaleessaa Fulbaana 9, 2026 maxxanfame mul'isutti sochiin maallaqa Eertiraa kan ta'e Naaqfaa karaa baankii fi dhaabbata faayinaansii qofaan ta'uu akka qabu eera.

''Namni dhuunfaa tokko Naaqfaa kuma 25 ol harkatti qabaatee guyyoota 15 ol turuu hin danda'u'' jedha qajeelfamni kun.

Dhaabbileen daldalaa sadarkaa adda addaa sadiitti kan qoodaman yoo ta'u, gosa isaanii irratti hundaa'uun hanga Naaqfaa kuma 50, kuma 100 fi kuma 150 tti maallaqa callaa harkatti qabaachuu danda'u. Garuu maallaqa kana guyyoota 15 oliif qabatanii turuun hin hayyamamu.

Haa ta'u malee, dhaabbilee fi namoota dhuunfaa sababa quubsaa tokko malee maallaqa hayyamamee fi yeroo murtaa'e ol qabatanii argaman irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu akeekkachiiseera.

Baankiin Giddugaleessa Eertiraa qajeelfamni dhimma maallaqa callaa qabachuu irratti bahe kun guyyaa beeksifame (guyyaa Roobii) kanarraa eegalee kan hojiirra oolu ta'uu ibse.

Maaliif daangessi maallaqaa kun kaa'ame?

Eertiraa keessatti daldalli fi kaffaltiin hedduun ammallee maallaqa callaa harkaa harkatti kennamu fayyadamuun raawwatama. Tajaajilli baankii fi sirni kaffaltii dijitaalaa guutuu biyyattii keessatti ammallee hin babal'anne.

Mootummaan Eertiraas sochii maallaqaa fi maallaqaa gabaarratti ykn namoota dhuunfaa harka jiru to'achuuf yeroo adda addaatti to'annoo cimaa taasisaa ture.

Baatii Adoolessaa darbe Baankiin Giddugaleessaa Eertiraa lammiileen fi dhaabbileen maallaqa biyyattii callaa harka qaban hunda baankii akka galchan ajajee ture, kunis hojiirra ooleera.

Yeroo sanatti baankichi ibsa baaseen lammiileen fi dhaabbileen hundi maallaqa biyyaalessaa biyyattii, naqfaa qofa fayyadamuu akka qaban, akkasumas daldala kamiifuu naqfaa qofa fayyadamuun dirqama akka ta'e beeksise.

Naafqaa Eertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Akkasumas namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen maallaqa isaanii hunda baankii keessa galchuu akka qaban, garuu kanneen maallaqa callaa of harkatti qabuun tursiisan seeraan ala ta'uu akeekkachiiseera.

Qajeelfamni kun mootummaan Eertiraa waggoota kurnan lamaan darbaniif to'annoo cimaa sharafa alaa, daddabarsa maallaqaa fi meeshaalee fayyadamaa biroo irratti taasisuun kan walsimuu dha.

Waggaa kudhan dura mootummaan Eertiraa maallaqa haaraa yeroo hojiirra oolchetti, maallaqni harka ummataa jiru hundi adeemsa keessa gara sirna baankii keessa galfamu dirqisiise.

Yeroo sanatti mootummaan Eertiraa jijjiirraa maallaqaa "dabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuu fi dinagdee biyyattii tasgabbeessuuf" sababa jedhu eera.

Adeemsa jijjiirraa kanaan hanga maallaqa baankota keessatti kuufamu to'achuu waan danda'eef, ergasii mootummaan hanga maallaqa lammiileen Eertiraa kamiyyuu sochoosuu danda'an irratti daangaa cimaa kaa'ee jira.

Haaluma kanaan Eertiraa keessatti namoonni herrega baankii qaban herrega baankii isaanii irraa hangi maallaqaa baasuu danda'an ji'atti naqfaa kuma shanitti daangeessee jira.

Daangeffamni hanga maallaqa baankii irraa baafamuu danda'u kun jireenya guyyaa guyyaa ummataa irratti dhiibbaa hedduu geessiseera.

Lammiileen Eertiraa bittaa gurguddaafi baasii biroof maallaqa barbaadan sababa uggura cimaa kaa'ameen ji'oota hedduudhaaf maallaqa baankii keessaa baasuun maallaqa qusachuuf dirqamu.

Kana malees, taateewwan gurguddaa tokko tokko kan akka cidhaaf, maallaqa baankii irraa baasuuf xalayaa hayyamaa bulchiinsa naannoo isaanii irraa dhiyeeffachuuf dirqamu.

Mootummaan Eertiraa ji'oota lamaan darbaniif lammiileen maallaqa harka isaanii keessa jiru baankii keessa akka galchan erga gaafatee booda, amma immoo hanga maallaqa callaa qabatanii fi fi turtii yeroo namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen of harka tursiisuu danda'an irratti daangaa haaraa kaa'eera.

Eertiraan biyyoota Afrikaa sirna baankii to'annoo maallaqaa cimaa taasisan keessaa tokkodha.

Biyyattii keessatti tajaajilli jijjiirraa maallaqaa fi baankii ammayyaa ta'e dhabamuu irraa kan ka'e, dabarsi maallaqaa fi daldalli irra caalaan isaa maallaqa callaan kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.