Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa angawaa olaanaa US waliin maal mari'atan?

Madda suuraa, MoFA of Ethiopia
Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsi akka hin jiraanne Itoophiyaan sochii akka cimsitu aangawaan olaanaa Yunaayitid Isteet gorsan.
Ministira Dhimma Alaa Ameerikaatti hogganaa itti-aanaa dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaatu kana dubbate.
Aangawaan US biyyoota Afrikaa daawwataa jiran kuni guyyaa Jimaataa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwos waliin Finfinneetti mari'ataniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Waajjirri Dhimoota Afrikaafi Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka beeksisetti Gaarsiyaan Dr Geediyoon waliin dhimmoota garagaraarratti mari'atan.
''Hariiroo kallattii nagaafi guddina dinagdee ibsuun,'' Gaarsiyaan ''nageenya naannichaafi Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsi tasgabbeessuurratti jijjiiramni'' akka mul'atu gorsuu Ministeerri Dhimma Alaa US ibse.
Daawwannaan isaanii kuni yeroo Kaaba Itoophiyaatti muddamni cimetti mudate.
Dhaabi TPLF kan Naannoo Tigraay to'atee jiru dirooniin dhukaafamuufi kanaafis mootummaa federaalaa Itoophiyaa himate.
Gama mootummaa federaalaa dhimma kanarratti deebiin kenname jiraachuu baatus.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi humnoonni Tigraay ji'a dura bakka Sharariinaa jedhamutti walitti bu'aniiru.
Eegasii Gamtaan Afrikaafi biyyoonni Lixaa walitti bu'iinsi akka hin hammaanne waamicha taasisaniiru.
Gama Lixa Itoophiyaa Sudaan daangessuttis, waraanni Sudaan Itoophiyaan humnoota RSF'f dahoo kennite, dirooniin gama Itoophiyaatii ce'e jechuun himataa jira.
Gama Itoophiyaatis himannaa kanaaf deebiin teellana kennamees baatu kana dura garuu aangawoonni Itoophiyaa waakkataniiru.
Inumaa Sudaan humnoota TPLF'f dahoo kennite, deeggarsa lojistikiis kennite jechuun himataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaas gama isaan aangawoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture cimsuuf mari'achuu hime.
Kunis, dinagdee, invastimantiifi hariiroo daldalaa biyyoota lamaa cimsuu fa'i akka ta'e hime.
Akkasumas, dhimoota waloo keessumaa nageenya naannichaa irratti mari'achuu isaanii hime.
Gaarsiyaan Ministira Faayinaansii Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee waliinis marii gaggeessuu Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaatti waajjirri dhimma Afrikaa dubbateera.
Aangawaan Ameerikaa dhaabbilee US ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuufi Albuuda Qanxichaa keessa hirmaachuuf sosso'aa jiran deeggaranii dubbachuu ibse.
Buufata xiyyaaraa yeroo xumuramu sadarkaa Afrikaatti guddicha ta'a jedhame kanarratti hirmaachuuf dhaabbileen US fi Chaayinaa dorgommii cimaatti akka jiran gabaafama.
Guyyaadhuma aangawaan Ameerikaa Finfinneetti marii gaggeessan, ollaa Itoophiyaa, Ertiraatti Pirezidantiin Ertiraafi hogganaan Sudaan mariirra turan.
Mariin isaanii hariiroo biyyoota lamaanii cimsuufi dhimma waloo isaaniirratti kan xiyyeeffate ta'u Ministirri Odeeffannoo Ertiraa ibsaniiru.
Al Burhaan ejjennoo Ertiraan Sudaan irratti qabdu dinqisiifachuullee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti qoodaniin beeksisan.
Booda kana hariiroon Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet cimaa jira fakkaata.
Jilli Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Hagayya keessa gara Ameerikaatti imale biyyoota lamaan gidduutti "gama humna ittisaafi nageenyaatiin tumsi waliigalaa tarsiimawaa akka hundeeffamuu" danda'uuf waliigaltee raawwateera.
Kunis, "naannoo Gaanfa Afrikaa keessatti nagaa waara'aa mirkaneessuurratti" kan bu'uureffate ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa yeroos beeksiseera.
Ibsi Ministeera Dhimma Alaa, "tumsa waraanaa fi dippilomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru gara boqonnaa haaraafi cimaa ta'etti ceesisuuf waliigalteerra gahameera," jedheera.
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet waliigaltee waloo Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii fooyyessuuf gargaaru baatii Caamsaa keessa ifa godhaniiru.
Inni jalqabaa badhaadhina dinagdee, daldalaafi invastimantiidha. Inni lammataa wal ta'umsa waraanaafi nageenyaati.
Itoophiyaan waggoota dheeraaf hariiroo jabaa Itoophiyaa waliin itti tolfatte keessaa tokko waraanadha.
Keessumaa gaanfa Afrikaatti sochii hidhattoota al-Shabaab qolachuufi Baha Afrikaatti nagaa buusuu keessatti qooda bahataa turteetti.
Inni ijoo biraa nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuurratti walta'umsaan sosso'uudha.



















