Walakkaa jaarraaf aartiin qabsaa'aa kan turte Artist Ilfinash Qannoo boqotte

Madda suuraa, Social Media
Artist Ilfinesh Qannoo har'a ganama du'aan addunyaa kanarraa boqochuu ishee maatiin BBC'f mirkaneessan.
Dhiha Oromiyaa naannawa magaalaa Naqamteetti dhalattee magaalattii keessatti guddattee, hojii muuziqaas achumatti eegalte.
Sirboota qabsootiin beekamti. Jaalalaan qabdee hacuuccaa ummatasheerra ga'u ibsiti.
Isa booda mootummaa Dargiitiin magaalaa Naqamteerraa hari'amtee gara magaalaa Finfinnee deemtee achitti sirboota qabsoo itti fufte.
Waggoota Dheeradhaaf biyya Noorway magaalaa Bergen jiraata turte. Erga yeroo dhihoo as ammoo gara Itoophiyaatti deebitee dhukkubsattee Hospitaala Kooriyaa keessatti wal'aanamaa turuu BBC odeeffateera.
Namootni siyaasaa, artistootni fi namootni bebbeekamoon du'a artist Ilfinesh Qannoon gadda itti dhaga'ame ibsataa jiru.
Jawaar Mohammad , gama miidiyaa hawasaa isaan 'gadda onnee nama cabsu ganamaan dhageenye. Haadha teenya Ilfinash Qannoo, arraata qabsoo Oromoo santu nurraa gara fuula Rabbii godaane, amanuuf nama dhiba.'' jechuun gadda isaa Ibsate.
Akkasumas Miseensootni paartii ABO hedduun ''Urjii Aartii Oromoo, mallattoo cichoominaa, faajjii Oromummaa kan taate,'' artist Ilfinash Qannoo du'aan of biraa dhabutti gadda isaanii ibsaa jiru.
Miiltoo hojii ishee kan ta'e artist Daawite Mokonnin ''waan baayyee waliin taane waan baayyees waliif taane.
Jireenya keetti waan gaabbitu hin qabdu. Saba ofiif jiraatanii dabruu caalaa wanti nama boonsu hin jiru. Addunyaan dabareedha wal duraa duuba taane malee karaan achumaani.'' jechuun gadda isaa ibsate.
Artist Kadir Martuu ammo sirba kana dura isheef sirbe irra deebi'ee qooduun akkas jechuun gadda isaa ibsate.
''Shamarran Oromoo wal Hammatanii
Alaabaa uffatanii babbareedanii
Ilfinesh qannoo faffakaatanii
Goota oromoo sanii.''
Artistootni fi Miltoon hojii ishee biroo heddunis gadda isaanii ibsachaa jiru
''Geerarsa baayyeen jaalladha''
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ilfinash Qannoo seenaa ishee ilaalchisee turtii kana dura BBC waliin taasifteen hojii aartii keessatti miidhaan jabaan akka irra ga'e dubbatte.
Mataa gogaa qaruuraa cabaadhaan haadamuu, mana hidhaatti dararamuufi mirga sirbuu dhabaa akka turte himte.
Ta'us garuu ifaajeen ishee akka lafatti hin hafne, dhaloonni ammaa jabaatee artii Oromoo akka ol kaasee himte Ilfinash Qannoo.
Jiruufi jireenya Oromoo keessatti artiin iddoo guddaa qabaachuu kan dubbattu Ilfinash, hawaasni keessatti guddatte gara sirbaatti akka galtuuf akka ishee kakaase dubbatte.
Haalota rakkidsaa heddu keessa darbuun hanga kaassettoota kudhanii ol akka hojjattee qabdullee dubbatte
Durumaa kaastee geeraruu akka jaalattuus dubbatteetti.
Godina Wallaggaa Bahaa naannoo magaalaa Naqamtee bakka Sibuu Guutoo jedhamtu kan dhalatte Aartisti Ilfinash Qannoo bara 1969 AlI tti qabsootti makamtee achumaan hojii artii akka eegalte BBC'tti himteetti.
Hojii artiitti dhiiga ijoollummaa fixeeera kan jettu Aartist Ilfinash Qannoo haalli jiruufi jireenya hawaasa keessatti guddattee ogummaanshee garanatti akka luucca'uuf sababa ta'uu ibsiteetti.
''Warri keenya yeroo qotiisa qotan, yeroo haramaa haraman, ciraa ciran, meesii meesan ni geeraruu, ni sirbuu, cidharratti ni sirbuu, isa kanan baadiyyaa keessatti argaa guddadhe'' jetti Ilfinash.
Geerarsa baayyeen jaalladha kan jettu Ilfinash Qannoo geerarsa jalqabaa keessaa muraasa BBC'f gumaachiteetti.
'Jaalala fakkeesseen ergaa siyaasaa dabarsa'
Sirboota isheen ittiin beekamtu keessaa 'malli maali' kan jedhu keessa ergaan siyaasaa Oromoo dhokatee jiraachuu kan ibsitu Ilfinesh, bar sana yoo jaalala irra dibnee sirbine malee qabiyyeen siyaasaa waan gulaalamuuf mootummaan Dargii nuuf hin dabarsu jetti.
''Ani sirba jaalalaa hin sirbu. Sirbuma siyaasaa kan garbummaa saba koorraa fonqolchun onnadhee sirba''
Sababa waa'ee Oromoofi hacuuccaa ga'aa ture sirbaan mul'isteef mataa gogaa haadamuufi gara-jabinaan reebamuu , eelaan sunimmoo amma dhibee itti ta'ee akka jiru dubbatti.
Muudannoo hojii artii keessatti na mudate baran bilisoomen dubbadha jetti Ilfinesh,''Uummanni Oromoo waanan miidhame bareechee beeka, sababa isaaniin jira, uummata Oromoo biyya keessa jirutu waan narra ga'e sirriitti beeka.''
''Ergaa sirbaan gurra Oromootiin ga'uun milkii hunda caaluudha. Kan biraa faayidaan argannu hin jiru'' jetti Ilfinash.
Albeema baasan irrattillee hacuuccaan akka ture kan dubbattu Ilfinash, wal'aansoodhumaan yoona geenye malee sirba baasnu gurgurannee hin beeknu jetti.
"Uummata Oromoo hamma ga'e bira haa ga'u, hammi hubate ergaa keenya haa hubatu jenneetu jabaannee hojjenna. Haala kanaan gara kaaseta 10 baasera.''
"Ijoolleen koo baallii na harkaa fuudhaniiru"
Hojii artii keessaa harka fudhachaa jiraachuu garuummoo ijoolleenshee akka itti fufsiisaniif deggeraa gochaa turuu isheelle himte
''Sirba ijoolleen koo lamatu sirbu, Dawwiifi Daangaa jedhamu, isaanitti dabarseera, isaantu na harkaa fuudhe dullaakoo. ''
Eelaan bara artiin qabsaa'aa turtee amma kan harka kennachiifte ta'uu kan dubbattu Ilfinash, amma sagaleenis waan na dideef ijoollee koon gorsa jette.
''Ijoolleekoo guddisee uummata Oromoof kenneera,'' jetti Aartist Ilfinash Qannoo.
Sadarkaan artiin Oromoo har'a irra jiru abdachiisaa ta'uu kan dubbattu Ilfinash, artistoota Oromoo warren jabana kanaa galateeffatteetti.
Yeroo barasaanii rakkoon guddaan akka tureefi ofirratti murteessanii waa'ee uummata Oromoo sirbaa akka turanis ibsiteetti, amma waan baayyeen jijjiirameera, ammoo ammallee waan hedduutu hafaa jetti.
''Yeroo keenyaa teekinooloojiin hin turre, mul'achuun hin jiru, masaraa mootummaa jala dhaabbannee qawwee malee maaltu bilisaa nu baasa jechaa turre. Ofirratti murteessineetti.''
''Nuti dur dukkana keessatti dhumaa turre. Amma garuu ijoolleen booda keenyaan ka'aniiru. Artiin keenya waan hedduu mo'achaa dhufeera. Ijoolleen Oromoo wayita isaan mootummaa sana keessa dhaabbatanii sirban nan gammada. Ammas ciminasaanii kana otoo hin nuffin, utuu hin hiikkatiin fuulduratti deemuu qabu,''
''Hojii artistoonni Oromoo amma hojjechaa jiraniin hamilee horadhee asham ofiin jedheen jiraadha,'' jetti Ilfinash.

Madda suuraa, SM
''Lagarra Ceeneerra, galaanni ceenu garuu ganaadha''
Aartistoonni Oromoo bara durii qormaata keessatti artii Oromoo miilaan dhaabaniiru, akeekkiin ganamaafi kaayyoon galgalaa amma waan milkaa'aa jiru fakkaata, garuu ammallee lagarra ceene malee galaanni nu hafa jetti Ilfinash.
Galaanarra ceenaan biyyatti galla, egereen keenya ifaadha ta'us garuu of eeggachaa sirbuun barbaachisaadha jetteetti Ilfinash.
''Akka bara 1992 biyyatti nam'inee biyyee nyaanne sanatti salphachuu hin qabnu. Ilaallachaa deemuun gaariidha. Qabsoon nuti manaa baaneef bakka geessi jedheen abdii qaba.''
Aartistoonni Oromoo guutaniiru. Keessumaa Artistoonni biyya jiran aannan na obaasan. Kan na dadhabsiise umurii koo otoo hin taane dullaa wayyaaneeti. Yeroo ijoollummaa kan na tuman amma natti dhagahamaa jira. Homaa miti, ani amma yoon du'es ekeraan koollee ni gammada.

















