Ertiraan hanga qarshii callaa namni dhuunfaa fi dhaabbileen qabachuu danda'an daangessite

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Biyyaalessaa Eritiraa hamma maallaqa callaa namoonni dhuunfaa fi dhaaboti qabachuu danda'an daangessuu beeksise.
Roobii Qaammee 4/2018 A.L.I gaazexaa seeraa biyyalessaa biyyattii irratti qajeelfamni maxxane maallaqni Eriraa naaqfaa kara baankiifi dhaabilee maallaqaan qofa akka daddabarfamu ajaja baaseera.
Qajeelfama haaraa kanaan namooti dhuunfaa naaqfaa 25,000 ol callaadhaan guyyaa 15 ol harkarra tursuu hin danda'an.
Akkasumas dhaabbileen daldalaa gulantaa sadiin kaa'aman maallaqa callaa 50,000, 100,000, 150,000 ramadameen torbee lamaaf qofa qarshii callaan qabachuu danda'u.
Haa tahu malee namoonnifi dhaabbileen seera kana cabsuun maallaqa callaa eeyyamameefi daangeffama yeroo kaa'ameen ol sababa gahaa malee qabatanii yoo argaman tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu akeekkachiiseera.
Qajeelfamni Baankiin Biyyaalessaa Ertiraa baase kuni dhaabotaa fi namoota dhuunfaa irratti har'aa qabee hojiirra oola.
Ertiraatti dameen faayinaansii to'annoon jabaa kan irratti taasifamu maallaqni callaa bal'inaan hojiirra oola. Dabalataan tajaajilli baankii guutummaa biyyattiitti babal'atee hin jiru.
Mootumman Ertiraa maallaqa callaa harka namoota dhuunfaa fi gabaa keessa kuufamee jiru to'achuuf yeroo garagaraatti tarkaanfii fudhataa ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Hagayya darbe lammiileen biyyattii fi dhaaboti maallaqa callaa harkasaanii jiru hunda baankii akka galchan baankiin biyyaalessaa ajajee hojiirra oolchaa ture.
Baankichi ibsa baaseen lammiin hundiifi dhaaboti qarshii biyyaalessaa biyyattii naaqfaa qofaan akka tajaajilaman akeekkachiisee ture.
Dabaluunis namoota dhuunfaa fi dhaaboti maallaqa callaa qaban hunda baankii akka galchaniifi maallaqa harkatti qabatanii turuun seeraan ala tahuu akeekkachiiseera.
Qajeelfamni kuni mootummaan Eritiraa jijjiirraa qarshii biyya alaa, daddabarsa maallaqaafi miyoota bu'uuraa irratti to'annoo waggootaaf gochaa ture waliin hidhata qaba.
Waggaa kudhan dura mootummaan Eritiraa maallaqa bittaa, gurgurtaa haaraa maxxansee yeroo raabsetti, qarshiin callaa uummata harka ture hundi gara baankii akka galu godhee ture.
Yeroos mootummaan Ertiraa jijjiirama maallaqaa kan godhe ''daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuufi diinagdee biyyattiii tasgabbeessuuf,'' sababa jedhuuni.
Jijjiirama kanaan maallaqa uummatarraa baankiitti gale to'achuu kan danda'e mootummaan ergasii lammiin Ertiraa kamiyyuu qarshii sochoosuu danda'urratti daangeffamni jabaan taa'eera.
Haala kanaan baankiin Eritiraa keessatti argamu namoonni qarshii qaban herreega baankii isaanii keessaa ji'atti naaqfaa 5,000 qofa akka baasuu danda'an daangesseera.
Hamma qarshii namni dhuunfaa herreega baankii ofii keessaa baasuu danda'u daangeffamuun jireenya guyyaa namootaa irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiiseera.
Lammiileen biyyattii bittaa qarshii guddaa gaafatu raawwachuu barbaadan qajeelfama kanaan ji'oota baayyeef qarshii baasanii kuusuuf dirqamu.
Kana malees taateewwan qarshii guddaa gaafatan kan akka cidhaa raawwachuuf namoonni barbaadan qondaalota mootummaa naannoorraa xalayaa eeyyamaa barreessifachuun irra jiraata.
Baatii lamaan darban keessa mootummaan Ertiraa lammiileen qarshii harka isaaniirra jiru gara baankii akka galchan gochuun booda qarshiin callaa harka namoota dhuunfaa fi dhaabotarraa yeroo hangamii akka turus daangesseera.
Eritiraan biyyoota Afrikaa sirna maallaqa isaaniirratti to'annoon jabaa itti taasifamu keessaa tokko dha.
Biyyattii keessa daddabarsa maallaqaa fi tajaajilli baankii waan hin jirreef bittaa gurgurtaan ykn daddabarsi maallaqaa kan raawwatu qarshii callaatiini.
















