Alvaareez gara Arsenaal moo Barseloonaa? Jijjiirraan cufamuu dura waan beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirraan taphattootaa Waxabajjii 15 eegale halkan kana xumuramuu dura kilaboonni Piriimer Liigii hedduun ammallee taphataa iji isaanii irra bu'e adamsaa jiru.
Garuu sa'atii dhumaatti kilaba kamtu taphataa kam argata?
Huliyaan Alvaareez, Koodii Gaakpoo, Enzoo Fernaandeez, Ismaayila Saar dabalatee taphattoonni maqaa guddaa qaban ammallee adamsamaa jiru.
Garuu taphattoonni kunneen jijjiirraan cufamuu dura egereesaanii murteeffachuu qabu.
Rippoortaroonni BBC Sport taphattoota kunneenii fi kaan egereen isaanii guyyaa fi sa'atii dhumaatti baramuu danda'u xiinxalaniiru.
But they will have to battle the clock to earn their dream moves before the market closes.
Huliyaan Alvaarez gara Arsenaal moo Barseloonaa?

Madda suuraa, Getty Images
Hireen jifataa Atileetikoo Maadiriid, Huliyaan Alvaareez, ammallee gar tokkotti hin baane.
Gara Arsenaal imaluuf carraa guddaan jiraachuu danda'a yoo ta'e har'uma kan baramu ta'a.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Inni Atileetikoo keessaa ba'uu barbaada, Atileetikoon ammoo Barseloonaatti gurguruu hin barbaanne.
Taphataan Arjantiinaa umrii waggaa 26 kun haala kana gidduutti danqamee jira.
Garuu kilabichi Arsenaal waliin dubbachuun waliigalteerra ga'uuf carraa guddaan jira.
Arsenaal yeroo dheeraaf taphataa kana fudhachuuf fedhii agarsiisaa tureera, diraamaa deemaa jirus itti dhiheenyaan hordofaa ture.
Atileetikoon taphataa kanaaf paawondii miiliyoona 128 barbaada.
Amma taphataan kun egereensaa daddaaqamaa jira. Waa lama dhabaa waan jiru fakkaata.
Bara kana dorgommiin eegaleera. Shaakala akka gareetti taasifamu keessaa irra deddeebiin hafeera.
Inumaa tapha Sambata darbe Siviyaa waliin taphatan irratti hin hirmaanne.
Leenjisaan Atileetikoo Maadiriid Deegoo Simoone taphatichi fayyaa guutuu waan hin qabneef hafe jechuun sababa dhiheesse.
Leenjisichi garuu taphatichi waan fedhasaa akka murteeffatuuf walabummaa kenneef.
''Waan hunda [fedhe] gochuu danda'a,'' jedhe. Alvaareez gara shaakalaatti yoo deebi'u akka hamilee guutuun taphatuuf jajjabeessaa jira.
Enzoo Fernaandeez gara Maanchistar Siitii
Taphataan Chelsii Enzoo Fernaandeez Dilbata darbe wayita kilabni isaa Biraayitaniin injifatu keessa hin turre.
Ammallee egereen isaa gaaffii keessa kan jiru taphataan kun maqaan isaa Maanchistar Siitii waliin ka'a, maallaqa guddaa waliin.
Leenjisaan Siitii Enzoo Mareskaa wayita Chelsii ture taphataa sarara gidduu Arjantiinaa kana waliin hojjeteera.
Siitiin bara isaatti taphattoota utubaa kilabichaa ta'an kanneen akka Roodirii, Bernaardoo Silvaa, Nikoo Gonzaaleez fi Tijjaanii Raayindersi dhabeera.
Leenjisichi bakka taphattoota kunneenii cufuuf taphattoota bakka bu'an barbaaduurratti fuulleffateera.
Tarii Fernaandeez maallaqa rikardii ta'e, kan Eliyoot Andersan ittiin seene paawondii miiliyoona 116 caaluun, Siitii seenuu danda'a.
Lamiin Kamaaraa gara Chelsii

Madda suuraa, Getty Images
Enzoo Fernaandeez yoo Maanchistar Siitii seene Lamiin Kaamaaraa Monaakoo irraa gara Istamfoord Biriij akka ce'u ulaa banaaf.
Taphataan kun jijjiirraa taphattootaa Chelsiin raawwataa jiru keessatti 13ffaa ta'a. Fernaandeez yoo ba'e ammoo lakkoofsi taphattoota kilabicha keessaa ba'anii 30 caala.
Haala kanaan Chelsiin bajata jijjiirraa taphattootaaf qabate paawondii miiliyoona 300 caalaa baasuuf deema.
Maayikaahiloo Mudiriik ergisaan deemuuf jira, dhimmi Pediroo Neetoo fi Tosin Arabiyooyoo ammallee hin qulqulloofne.
Daariyoo Esuugoo, Deeviid Washingitan fi Shim Mehiwuukaa gadhiisuu danda'u.
Koodii Gaakpoo gara Maanchistar Siitii ykn Tootanhaam
Maanchistar Siitiin jifataa Liivarpuul mallatteessifachuuf haasaa eegaleera.
Taphataan Nezarlaandis Koodii Gaakpoo jijjiirraa kanaaf qophiidha.
Garuu Liivarpuul jijjiirraa kanatti waliigaluuf Biraadilii Baarkolaa irratti dabalataan jifataa tokko fiduu qaba.
Gaakpoon Tootanhaamiinillee ni barbaadama. Garuu Siitiin maallaqa gatiisaa gitu paawondii miiliyoona 80 kennuuf fedhii agarsiiseera.
Taphatichis Maanchistar Siitiin isaaf bakka filatamaa ta'uu fi fedhiis akka qabu mul'iseera.
Haata'u malee taphataa kana fudhachuuf yaadi Siitiin dhiheesse amma waan milkaa'aa jiru hin fakkaatu.
Sababni isaa Liivarpuulis jijjiirraan taphattootaa cufamuu dura bakkasaa yoo nama hin arganne taphataa umrii waggaa 27 kana tursiifachuu barbaada.
Jaashuwaa Zarkizii gara Juventas

Madda suuraa, Getty Images
Dhimma Markas Raashford irratti murteen hin eegamne barfatee yoo dhagahame irraan kan hafe guyyaan dhumaa jijjiirraa tapattootaa Maanchistar Yunaayitid Jaashuwaa Zarkizii faana kan walqabatu qofa ta'a.
Jifataa lammii Nezarlaandis kana Fiyoorantiinaan ergisaan fudhachuu barbaada, bituunis filannoo keessa jira.
Yunaayitid taphataa kana gurguruu filachuu mala, yookiin ammoo yoo xiqqaate itti gaafatamummaa fi haal duree waliin ergisa kennuu barbaada.
Garuu hanga yoonaa haala kamiinuu waliigaluu hin dandeenye, kanaaf Fiyoorentiinaan filannoo biraa barbaadaa jira.
Haata'u malee Juventas ammoo Zirkizii fudhachuuf kutannoo agarsiiseera.
Garuu taphataan umrii waggaa 25 kun kilabicha seenuuf, ittisaan lammii Kanaadaa Jonaataan Deeviid gara Atileetikoo Maadiriid deemuu qaba.
Zarkiziin baanaan Yunaayitid fuuldura irratti karaa bitaan taphataa bakka buusuu qaba, kilabichi ergisaan bakka banaa kana cufuu akka barbaadu yaada dhiheessee ture.
Ismaayilaa Saar gara Liivarpuul

Madda suuraa, Getty Images
Koodii Gaakpoo Liivarpuul keessaa ba'uu ilaalchisee dubbiin jiru ammallee gar tokkotti hin baane.
Garuu haala kana keessatti kilabichi xiyyeeffannaasaa gara taphataa Kiristaal Palaas Ismaayilaa Saar deebiseera.
Kanaan dura Biraayitan irraa Yankuba Mintee fudhachuuf yeroo lama haasaan taasise hin milkoofne.
Biraayitan paawondii miiliyoona 60 Liivarpuul dhiheesseef caalaa gaafate.
Gareen Ariyoolaa dhimma taphataa kanaatti ni deebi'a jedhamee eegamaa ture, garuu hin taane.
Ismaayilaa Saar akkuma taphataa Gaambiyaa Yankuba Minte sarar mirgaa irraan taphata.
Liivepuul taphataa Senegaal kana kan gaafate torbee darbe ture, garuu deebii gaarii hin arganne.
Jijjiirraan kaaniin taphataan Tootanhaam Richaarlisan Evertan waliin akkasumas taphataan Evertan Iliman Indaayee Tootanhaam waliin maqaansaanii ka'aa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Tootanhaam taphataa lammii Senegaal Iliman Indaayee fudhachuuf Evertan waliin waliigaleera.
Taphataan Biraaziil Richaarlisan ammoo gara Evertan akka deemu sochiin eegalameera.
Garuu Maanchistar Siitiinis Iliman Indaayee irraa fedhii waan qabuuf taphatichi gara Kaaba Landan imaluunsaa ammatti mirkana miti.
Evertan ammoo Richaarlisan deebisee mallatteessifachuuf waliigaleera.
Richaarlisan Ispars gadhiisuu akka barbaadu leenjisaa isaa Roobertoo Di Zarbiitti deddeebi'ee himaa tureera.

Madda suuraa, Getty Images
Gama taphataan Ingilaand waliigaltee isaa Maanchistar Siitii waliin xumuraa jiru ammas ergisaan gara Evertan deebi'uuf.
Taphatichi bara darbe ergisaan Evertan kan ture yoo ta'u baranas kilaba kaan caalaa Evertan akka filatu ibseera.
Dhiheenya kana Nikoo Gonzaales Maanchistar Siitii irraa kan fudhate Niwu Kasil ammoo Maatiyaas Fernaadeez- Pardoo Liil irraa mallatteessifachuuf jedha.

Madda suuraa, Getty Images



















