Tiraamp pirezidantii jalqabaa US osoo lubbuun jiruu maallaqa biyyattiirratti suuraansaa ba'e ta'e

Suuraan Pirezidantii US Doonaald Tiraamp kabaja guyyaa walabummaa uummata Ameerikaa 250ffaa irratti gurgurtaaf dhihaate.

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Suuraan Pirezidantii US Doonaald Tiraamp saantima abbaa doolaara tokkoo irratti mul'ateera.

Pirezidantiin Ameerikaa lubbuun jiru suuraansaa wayita maallaqa biyyattiirratti ba'u kun jaarraa tokko keessatti kan jalqabaati.

Ministeera Maallaqaa US jalatti jaarmiyaan saantima maxxansuun daldala keessa galchu Mint jedhamu Roobii darbe saantima kana labse.

Saantimi suuraa Tiraamp fi barreeffama "In God we trust" jedhu ofirraa qabu kun kabaja waggaa 250ffaa walabummaa uummata Ameerikaa waliin walqabsiifamuun labsame.

Saantimi bifa addaan maxxanfame kun ''miira sabboonummaa, kabajaa fi duudhaa biyya yaadannoo guddaa taasisuuf deemtuu,'' kan olkaasee mul'isuudha jedhe Mint.

Saantimi US kun 25n ishee bakka tokkotti gatii doolaara 61tti tilmaamame, 100 ammoo korojoo tokko keessatti doolaara 154.50tti tilmaame.

Gurgurtaan maallaqa kanaa eegalee sa'atiiwwan keessatti wayita marsariitiin US Mint ilaalamu kuusaa keessaa dhumeera.

BBCn odeeffannoo dabalataa argachuuf US Mint, Ministeera Maallaqaa fi Waayit Haawus quunnameera.

Saantimi kun ''seenaa biyyattii keessatti taatee bakka guddaa qabu kabajuuf yaadamee kan hojjetameedha,'' jedhe US Mint.

''Maallaqa akkanaa dhaloota keessatti yeroo tokko argamu kun qabeenya gati jabeeyyii ammayyaa biyyattiin kuufattee jirtutti wayita dabalamu sona guddaa dabala.''

Namoonni saantima kana Waashingitan DC keessatti maashina karaa irra jiru keessaa bitataa jiru.

Akkuma maallaqa galchanii dhugaatii lallaafaa, nyaataa fi wantoota adda addaa bitatanitti jechuudha.

Saantimi kun halluunsaa gara halluu worqiitti siqa, garuu guutummaa guutuutti halluu worqiitiin hin jiru.

Ragaan US Mint akka mul'isutti kopparii dhibbeentaa 88.5 dha.

Maallaqi kun zinkii, mangaaniiz fi nikeel irraa hojjetamuus ragaan kun ni ibsa.

Kuusaa US Mint kan Waashingitan DC keessatti argamutti maashinoota saantima gurguran

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kuusaa US Mint kan Waashingitan DC keessatti argamutti maashinoota saantima gurguran
Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Caamsaa darbe Ministirri Maallaqaa Iskot Besent nootii abbaa doolaara 250 kan suuraa Pirezidant Tiraamp ofirraa qabu maxxansuuf karoorri akka jiru ibsee ture.

Seerri federaalaa US pirezidantiin tokko osoo lubbuun jiruu suuraan isaa akka maallaqa irratti maxxanfamu hin eeyyamu.

Michuuwwan Tiraamp Kongiresii keessa jiran seerri addatti dhimma kana fudhatama argachiisu akka ba'u dhiibbaa uumaa turan, garuu wixineen dhihaate karaatti hafee jira.

Besent wayita karoora kana ibsu kanaan duras pirezidantiin US osoo lubbuun jiruu suuraansaa maallaqa biyyattiirratti maxxanfame akka ture eere.

Bara 1926 wayita walakkaan doolaaraa maxxanfamu yaadannoo waggaa 150ffaa guyyaa walabummaa Ameerikaa sababeeffachuun ture.

Yeroo sana pirezidantii kan ture Calvin Coolidge suuraansaa maallaqa sanarratti maxxanfameera.

Seerri US bara 1866 fooyya'e- Thayer Amendment jedhamu suuraan pirezidantiin lubbuun jiruu akka maallaqa nootii biyyattiirratti ba'u hin eeyyamu, garuu dhorkaan kun kallattiidhaan saantima irra hin kaa'amne.