Iraan waraanni haaraan ka'ee jennaan qaxanicha keessatti akka hin daangeffamne akeekkachiifte

Madda suuraa, ISNA
Dubbi himaan Waraanni Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan Mahaammad Akiramiinaay waraanni haaraa ka'ee jennaan, "qxanaa lixa Eeshiyaa keessatti qofa kan daangeeffamu" akka hin taane akeekkachiise.
Dhaabbileen, meeshaalee fi humnoonni Ameerikaa bira gahuun danda'amu walumaa galatti irratti akka xiyyeeffataman ibseera.
Qophii waraanaa Iraan qabdu kan ibse dubbi himaan kun, waraanni haaraan kan ka'u taanaan kan kanaan dura ture caalaa "kan dheeratu" akka ta'us dubbateera.
"Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan ofirraa ittisuu irraa gara haleeluutti adeemsi ceesisuu jalqabameera. Waraana kanaanis hojiitti akka hiikamus agarsiiseera," jedhe.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamu "haala gaariin deemaa jiraachu" ibsuun "haata'u malee, amanamoo miti; waloogalteerra ga'anii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.
Hogganaan waliigalaa Iraan Mojtaabaa Kameenii, wal ga'ii ajajoota waraanaa biyyattii waliin taasisaniin, waraanni biyyattii saaddoo haleellaa diina irraa dhufu kamiyyu " saffisaa fi osoo ji'oogiraafiin isa hin daangessiin" deebii akka kennu ajaja dabarsaniiru.



