Saffisni Huutiin lafa to'achaa jirtuun waraana Iraan waliin deemaa jirutti balaa haaraa hamaa uumuu mala

Madda suuraa, Reuters
Hidhattoonni Huutii mootummaa Iraaniin deegaraman saffisa cimaan guutummaa kibbaatti babal'achuun magaalaa gammoojji qarqara Yaman taate Tihamaah qabachuun isaanii waan aja'aabaati jedhamaa jira.
Hanga yeroo dhiyootti, humno waloo 'National Resistance' jedhamuun beekamu daangaa Yaman Qarqara Galaana Diimaarraan jiru harki caala harka isaa ture.
Guyyoota muraasa keessatti, toorri Galaana Diimaa kun warra Huutiin harkaa fudhatame.
Akka namoonni gariin tilmaamanitti, gareen Iraaniin deeggaramu kun qarqara galaanaa biyyattii tarsiimawaa ta'uun barbaachisaadha jedhamu kiiloomeetira 130 ta'u qabataniiru.
Kun garee kanaaf waggoota baayyee as milkaa'ina waraanaa argate yoo ta'u, wal waraansa waggoota 12 ol biyyattii keessatti deemaa turee haleellaa qilleensaa hamaa Sa'udiirra itti roobuus, humnoonni biyyoota akka Ameerikaa, Israa'el fi Biriitish isa rukkutus Huutiin humna dandamachaa jiru ta'aa dhufeera.
Amma humni fallaa garee kanaa bitaa itti galee, hamileen waan bu'eeruuf, Huutii yeroo dhiyoo keessatti bakka qabatee gadhiisisuun waan fakkaatu miti.
"Amma isaan as jiru, hidda gadi fageeffachuuf jiru," jedha xiinxalaan buleessi Hashim al-Omeeyis Ininistiyutii Nagaa Awurooppaa Biraasels jirurraa yeroo BBCtti dubbatu. "Kanaaf, deebisanii akka bahan gochuuf gatii baayyee guddaa kan gaafatudha."
Wanti baramuu qabu ammoo, Huutiin qofaa isaanii miti. Deeggarsa Iraan Iraan irraa argatanitti fayyadamaa jiru. Teehraan gocha karaa humna "Axis of Resistance" jedhamu- Libaanos, Hezboollaa, akkasumas Hamaas Gaazaa keessa jiruufi mootummaa Asaad Sooriyaa keessaan raawwachaa dhufterratti mo'amuun itti milkaa'uu dhabde amma karaa Huutii kana ijaa bahaa waan jirtu fakkaata.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Kanaaf, deeggarsa isaanii gara Huutiitti naanneessu," jedha Hashim al-Omeeyisii. "Dhumas ammoo deeggarsa sana ni barbaadu."
Xiinxaltoonni hedduun Huutii akka ergamtuu iraanitti fudhachuun dogogora yaada jedhurratti waliigalanillee, taateewwan guyyaa muraasaa darbanii garuu waan haaraa namatti hin tolle kaaseera.
US fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti waraana bananii ji'a torba keessatti, mootummaan Iraan humna isaa ulaa galaanaa murteessaa tokko qofarratti miti humna isaa kan agarsiisaa jiru; amma ulaawwan galaanaa addunyaarratti akkaan murteessoo ta'an lamarratti irree isaa agarsiiseera. Isaanis, Ulaa Hormuuz, kan afaan Galoo Galaanaa Pershiyaarra jiruu fi Baab al-Mandeb, karra Galaana Diimaa (akkasumas Bo'oo Suwiiz) kan ta'e.
"Iraan amma karaa kallattiifi karaa humna ergattuutiin ulaa baayyee kokkee ta'an Baha Giddugaleessaa fi addunyaa keessa jiran lama to'atti," jedha Landan Chaatam Hawusitti qorataa kan ta'e Faariyaa al-Musliimii. "[Kana jechuun] karaa daldalli boba'aafi zayitiin uumamaa addunyaa darbu %35 ol kan ta'u to'attee jirti jechuudha."
"Kun ammoo hanguma humna boombii nukilaraa tokkootti qabaachuuti," jedha.
Huutiin ulaa dhiphii Baab al-Mandeb taate, Periim dabalatee odolawwan Galaana Diimaa baayyee qabatee jennaan, humni gareen kun humna toora imalawwan doonii idil-addunyaa danquu guddaa qabaata.
Akka gochi garee kanaa yeroo waraana ISraa'el Gaazaa keessatti gaggeessaa turte mul'ateetti, imalawwan doonii Galaana Diimaa keessa darban misaa'eloota, dirooniifi bidiruuwwan ittii haleelan Huutii kanaaf saaxilamu.
"Maaltu Baab Al-Mandeb keessa galee akka bahu hanga Bo'aa Suwiizitti ol ba'anii to'achuu danda'u," jechuun BBC Radio 4tti dubbatte ekispertiin Yaman Iyoonaa Kiraag.
"Amma naannicha waan to'atanii jiraniif kallattiimaan Baab Al-Mandab kan humna caalaa isaaniif kennu dabalataniiru."
Huutiin ibsa Jimaata baaseen dooniiwwan karaa sana darbuun "kan Sa'ud Arabiyaarraa kan hafe kampaaniiwwan hundaaf nagaafi amansiisaasha jedhe". Kampaaniiwwan doonii ammoo dhugummaa ibsa garee kanaa ni shakku.
Haleellaa kanaan dura raawwataniin, Huutiin dooniiwwan Israa'el waliin hidhata qabanirratti qofa akka xiyyeeffatan dubbataa turan. Haata'u malee, taankerii alaabaa Noorway fannifatte dabalatee dooniiwwan Israa'el waliin hidhata hin qabnes haleelaniiru.
"Kiraag akka jedhutti, Huutiin osoo adda hin baasiin dooniiwwan irratti haleellaa gaggeessuurraa waan deebiyu miti. Kun ammoo haleellaa 'Operation Rough Rider' jedhamu kan humni qilleensaafi galaanaa US ji'a ja'aaf bara 2025 Bona keessa raawwate irra deebiyamuu mala sodaa jedhuu uumeera.
"Ammayyu sodaa US keessa galaniiru," jette.
Haata'u malee, US kana keessatti hirmaachuu ni barbaaddii?
Waraanni Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan irratti taasisu deeggarsa dhabaa dhufeera. Gatiin boba'aa ammoo dabalaa dhufuun isaa, adda waraanaa haaraatti bobba'uudhaaf mirkaneeffannoo argachuun isaa carraan isaa dhiphaa ta'a. Kun carraa paarii isaa warra Rippablikaani filannoo walakkeessaa Sadaasa dhufu gaggeeffamu keessattis waan akeeku qabaata.

Madda suuraa, EPA
Akka marsariitii Axios jedhutti, gaafiin Ilmi Mootii Sa'udii Mohaammd bin Salmaan akka Ameerikaan gidduu seentuuf gaafate deebii hin argatiin jira.
Axios akkas jechuun barreesse, US "walitti bu'iinsi Yaman keessa jiru hammaachaa deemuun yaaddoon isheen qabdu dabalaa waan dhufeef hojii deeggarsa [Sa'udiif] taasiftu dabalaa cinaatti ammoo kallattiin humna waraanaa keessatti hirmaachuurraa of dhowwuu yaalti."
Haata'u malee, balaa Bab al-Mandab mudachuu danda'u qofa miti kan Sa'udii Arabiyaa keessatti sodaa uumaa jiru.
Suuraaleen saatalaayitii haleellaa misaa'elaa fi diroonii Huutiin sarara ujummoo Sa'uudii Bahaa-Lixaa irratti raawwatame fakkaatu – jalqaba bara kanaa Ulaan Hormuuz cufamuu hordofee karaa filannoo murteessaa boba'aa erguuf – yaaliin michoonni Iraan Yaman dhiibbaa dinagdee waraana Ameerikaa fi Israa'el Iraan waliin taasisan irratti dabaluudhaaf godhan agarsiisu.
Iraan kallattiin haleellaa kana ajajuu baattus faayidaa argachuuf akka dhaabbattu ifaadha.
















