Biyyoonni Gamtoomanii kaartaa Afrikaa sirriitti mul'isu raggaasise

Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kaartaa addunyaa ture isa haaraa guddina Afrikaa sirriitti mul'isuun bakka buusuuf sagalee kenne.
Wixineen ''Kaarticha sirreessi ('Correct the Map') jedheefu Kongoon dhihaatee miseensota Gamtaa Afrikaan deeggarsa argate kana UK fi Faransaay dabalatee biyyoonni 164 deeggaraniiru.
Biyyoonni jaha sagalee hin kennine, Yunaayitid Isteet garuu biyya tokkittii sagalee dhowwatte taate.
Sagaleen Biyyoota Gamtoomanii bu'uura seeraa qabaachuudhaas baatu dhaabbileen kaartaa addunyaa fayyadaman akka jijjiiran ni godha.
Kaartaan Merkaator jedhamu erga jaarraa 16ffaatii eegalee hojiirra oolaa ture kaartaa Afrikaa xiqqeessuun qeeqamaa ture.
Kaartaan kuni guddina kaartaa Afrikaafi Giriinlaand wal qixa kaa'e, garuu Afrikaan Giriinlaandiin dachaa 14'n caalti.
Kaartaan Merkaator jedhamu bara 1569 nama Jeraardas Merkaator jedhamuun tolchame. Kunis, abuurtonni Awurooppaa addunyaarra akka naanna'an gargaareera.
Kaartaan Merkaator hojjete biyyoota mudhii lafaa jiran xiqqeessee mul'isa, kan bantii lafaa jiranimmoo guddisa.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana sirreessuuf ogeeyyiin kaartaa kaartogiraafars jedhaman bara 2018 kaartaa bakka hunda walqixa mul'isuufi 'Equal Earth' jedhan hojjetan.
Guraandhala keessa miseensonni Gamtaa Afrikaa 54 kaartaan kuni ''guddina aardiiwwan hunda keessumaa Afrikaa sirriitti mul'isa'' jechuun simatan.
Gareen onlaayinii #CorrectTheMap jedhamu ''Yunaayitid Isteet, Chaayinaa, Hindii, Jaappaan, Meksikoo fi Awurooppaa gara caalu Afrikaatti yoo dabaltee lafni lafatti hafus jira,'' jedhan guddina Afrikaa ibsuuf.
Gaafa Jimaataa osoo sagaleen Biyyoota Gamtoomaniitti hin kennamiin dura Ministirri Dhimma Alaa Toogoo addunyaan hundaaf loogii hin qabne dura kaartaarraa eegaluu qabdi jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Yaa'ii Waliigalaa UN irrattis ''kaartaan duruu walaba miti. Fudhatamummaa, bakkeen namootaafi ardiiwwan addunyaarra jiran itti hubataman irratti dhiibbaa qaba,'' jechuun Roobart Duseey dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Faransaay Jiyaan -Nowel Baarot yaada isaanii deeggaruun Faransaay kaartaa Merkaator fayyadamuu akka dhaabdu himan.
''Kaartaa jijjiiruun addunyaa hin jijjiiru. Waan sirriitti hin mul'isne sirreessuun dhugaaf dhaabbachuudha,'' jedhan.
Haa ta'u malee, UN'tti bakka buutuun US Yaryna Ferencevych wixineen kuni dhihaachuun isaa ergama Yaa'ii Waliigalaa UN dagate jechuun qeeqan.
''Rakkinoota ijoo nageenya idil-addunyaa, badhaadhina ykn hariiroo gaariirratti xiyyeeffachuurra qaamni kuni pirojektii kaartaa jaarraa 16ffaa mari'achaa jira,'' jechuun qeeqan.
Ameerikaan kana duras yeroo wixineen daldalli garbaa tiraansatilaantikii ''yakka hamaa namoomarratti raawwate'' jechuun UN raggaasise qeeqxee turte.
Gareewwan kaartaan Afrikaa akka jijjiiramu duula gochaa jiran keessaa tokko ' Africa No Filter' jedhama.
Dhaabbata kanarraa kan dubbatan Lerato Mogoatlhe akka jedhanitti, ''kaartaa Addunyaarratti kaartaan Afrikaa sirriitti ka'amuu dhabuun rakkoo kaartaa qofa miti - dhimma seenessaati.''
Sochii kuni sochii ''oduu sobaa waggoota dheeraaf ture'' dhaabuuf taasifamuuti jedhan.



















