Senegaal irra deebiin shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 tahuu manni murtii murteesse

Sadiyoo Maanee Waancaa Afrikaa injifatan ol kaase
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Manni Murtii Ijibbaata Ispoortii dhimma Waancaa Afrikaa bara 2025 Senegaalii fi Morookoo ilaalaa ture Senegaal shaampiyoonaa tahuu mirkaneesse.

Senegaal murtii Mana Murtii Ijibbaata Ispoortii Addunyaa (CAS)tiin booda irra deebi'anii mo'ataa Waancaa Afrikaa (AFCON) 2025 ta'uun isaanii mirkanaa'e.

Waancaa Afrikaa 2025 Morookootti gaggeeffameen Senegaal yeroo dabalataa keessatti Morookoo 1 fi 0 injifachuun waancicha mo'atte.

Haa ta'u malee, CAF'n boodarra murtee kana haqee ture; sababni isaas taphattoonni Senegaal murtii adabbii rukuttaa (penalty) irratti kennamnaan mormanii dirree keessaa bahuun seera cabsaniiru jedhame.

Booda gara dirreetti deebi'anii taphataan Riyaal Maadirid Biraahim Diyaaz peenaaliitii rukutee dhabe.

Senegaal galchii tokko lakkoofsisuun waancicha mo'ate. Waldaan Kubbaa Miilaa Senegaal (FSF) murtee kana irratti gara CAS ol iyyate.

Gareen murteessitootaa ykn abbootii seeraa sadii cufaatti dhimma kana ilaalaa turan.

CAS akka ibsetti, tapha itti fufuus ta'e dhaabuun guutummaatti aangoo abbaa murtii keessa ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Daanyaan ykn Abbaan murtii taphichaa yeroo tapha itti fufsiisu murteesseera.

Gareewwan lameenuu dirree irratti deebi'anii argamanii tapha itti fufuuf fedhii isaanii ibsanii turan.

Kanaaf yeroo abbaan murtii tapha itti fufsiise, bu'aan taphaa sun seera-qabeessa ta'ee akka tursiifamu CAS murteesse.

Bu'aan mo'annoo Senegaal 1- 0n argame ragga'eera; Senegaalis shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 tahuu mirkanaa'eera.

FSF murtee kana gammachuudhaan fuula hawaasaa irratti suuraa yeroo waancaa ol kaasaa turan maxxansee, "Ammas fi yeroo hundumaa" jechuun barreesse.

CAF fi Waldaan Kubbaa Miilaa Morookoo yeroo gabaasichi bahetti murtee kana irratti yaada isaanii hin kennine.

Murteen CAS kun aangoon abbaa murtii ykn daanyaa yeroo taphaa murteessaa ta'uu isaa mirkaneessa.

Abbaan murtii tapha kana itti fufuuf murteesse fi taphaan xumuramee waan tureef, bu'aan dirree irratti argame boodarra haaromfamuu akka hin qabne CAS murteesse.

Morookoo fi Senegaal ergasii leenjistoota isaanii jijjiiraniiru. Kana booda falmiin jiru xumuramuun seenaan Senegaaliin shaampiyoonaa gochuun galmeessa.