Waa'ee haadha ijoolleeshee lama Mineesootaa keessatti rasaasaan ajjeeste maal beekna?

Madda suuraa, WCCO
US kutaa Mineesootaa keessatti, haadha ijoollee ishee xixiqqoo lama rasaasaan rukuttee ajjeeste irratti himanni yakkaa banameera.
Dubartittiin erga ijoollee ishee rasaasaan rukuttee booda ofuma isheetiin poolisiitti bilbiltee himte.
Dubartiin Aawwo Abdikarin Duwalee jedhamtu tana irratti jedhamtu irratti himanni ajjeechaa sadarkaa lammaffaa lama irratti banameera.
Dubartii wagga 33 tun erga ijoolleeshee rasaasaan rukuttee booda 911 irratti bilbiluun daa'imman lamaan hafuura hin baafatan jechuun poolisiitti himte.
Taateen kun Roobii 18 naannoo magaalaa Miniyaapoolis, kutaa bulchiinsa Mineesootaa, Ameerikaa keessatti raawwatameera.
Poolisiin maqaan daa'imman lamaanii Rayidar Rinee, waggaa 5, fi Taaharii Rinee, waggaa 3, jedhee ifoomseera.
Akka poolisiin ibsetti, daa'imman keessaa tokko battalumatti du'e. Inni kaan ammoo erga yaalaaf gara hospitaalaatti geeffamee booda du'e.
Akka Abbaa Alangaa Kaawuntii Iskoot Roon Hookeevaar jedhutti, himanni sadarkaa lammaffaa kun abbaa alangaa kaawuntii tokkoon osoo dhimichi koree abbootii murtii hin geenye dhiyaachuu danda'u keessaa isa olaanaadha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Koreen abbootii murtii garuu ragaa irratti hundaa'uun himannaa sadarkaa jalqabaa dabalatee himannaa cimaa ta'e murteessuu danda'a.
Abbaa alangichaa akka jedhanitti, yeroo ammaa dubartittii irratti himanni dhiyaate seeraan sadarkaa olaanaa isaan dhiyeessuu danda'anidha.
Manni murtii dubartii tana irratti wabii doolaara miliyoona tokkoo murteesseera. Dhaddachi itti aanu Boru Roobii ganama akka gaggeeffamu beellamameera.
Torban darbe abbaan tokko kibba Mineesootaa keessatti ijoollee isaa sadii ajjeesuun ofiis ajjeesuun isaa gabaafamee ture.
"Kun balaa guddaadha. Maatii kanaaf balaa guddaadha; hawaasa naannoo kanaatiifis balaa guddaadha," jedhan Ajajaan Poolisii magaalaa Saavaaj, Biraadii Juuwel.
"Kun waan baay'ee nama gaddisiisu. Taateewwan akkanaa naannoo keenya keessatti uumamuu danda'u jedhee yaadee hin beeku," jedhan ollaan maatii kanaa Joo Kaariltan.
"Caalaatti barbaachisaa kan ta'e, maatii kanaaf akka kadhattan isin gaafanna. Miseensonni maatii bal'aanis bakka taateen kun itti raawwatametti argamaniiru," jechuun ajajaan poolisichaa ibsaniiru.
Taateen kun maatii fi hawaasa naannoo sanaa irratti miidhaa sammuu fi jeequmsa miiraa guddaa geessisuu ajajaan poolisichaa ibsaniiru.
Maqaan haadha ijoollee kanaa hanga ammaatti hin ifoomne. Dubartittii yookaan mana jireenyaa ishee ilaalchisee poolisiin kanaan dura rakkoo dhaga'ee hin beeku.
Ollaa maatii kanaa kan taate Kiim Gaarland, yeroo poolisoonni hedduun gamoo mana jireenyaa maatii sanaa marsan argitetti. Sakatta'iinsa qaamolee federaalaa dhimma godaantotaa irratti hojjetaniin akka hin mudanne yaaddoo keessa galuu himte.
"Yeroo poolisoota hedduu achitti argine, ijoolleen daandii sana irraa konkolaataa mana barumsaa qabachuuf dhufan yaadadhe. Kanaafuu, gara gamoo isaanii deemee namoota akeekkachiise. Poolisiin waan ta'e qorachaa akka jiruufi ijoolleen naannoo sana irraa akka fagaatan isaan beeksise," jette.
Yeroo poolisiin magaalaa Saavaaj fi Kutaan Qorannoo Yakkaa Mootummaa Mineesootaa taatee kana qorachaa jiranitti, hawaasni naannichaa wanta uumame ijoollee isaanii akkamitti akka ibsan irratti yaaddoo keessa galaniiru.
"Hawaasni keenya deebi'ee akka walitti dhufu abdii qaba. Poolisiin Saavaaj waan barbaachisu akka raawwatu nan amana," jette Gaarland.
Magaalaan Saavaaj magaalaa Miniyaapoolis irraa gara kibbaatti kiiloo meetira 32 fagaatti argamti.























