Itoophiyaa fi Ertiraan loltoota daangaarra qubsiisuun sodaa waraanaa cimse

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Itoophiyaa fi Ertiraan daangaa waliin qaban irratti humnoota isaanii qubsiisuu qaamoleen walitti bu'iinsa hordofanii fi namoonni hidhattoota naannoo Tigraay waliin hidhata qaban himan.
Kunimmoo waraanni ka'uu mala sodaan jedhu akka dabalu taasiseera.
Rooyitars akka gabaasetti, walitti bu'iinsi humnoota Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti gabaafame waraanni jalqabuu mala soda jedhu kaaseera.
Akka dhaabbata walitti bu'iinsa hordofuu - ACLED, Internaashinaal Kiraayisis Giruup, namni hidhattoota Tigraay mootummaa Itoophiyaa deeggaru tokkoo fi namni biraan finciltoota mootummaa mormanitti dhiyaatu tokko jedhaniitti, humni daangaarratti walitti qabaman kunneen waraanni gama lamaaniin jiran fageenya wal haleeluu isaan dandeessisurra jiru.
Rooyiters naannoo daangaa irratti humnoota Itoophiyaa fi Ertiraan gidduutti walitti bu'iinsi gabaafame jiraachuu isaa qaama walabaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye jedheera.
Haata'u malee, ACLED fi namni finciltoota mootummaa lolanitti dhiyaatu kun guyyoota dhiyoon asitti gamin lachuu walitti bu'aniiru jedhan.
Kun ammo ji'a tokkoo as walitti dhukaasa gidduu isaaniitti mudate jaqabaati. Namni hidhattoota Tigraay mootummaa Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenya qabanirraa ta'e ammoo walitti bu'iinsi uuameera gabaasa jedhu kan mormeera.
Rooyiters Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasqal dhimma kanarratti yaada akka kennuuf kan gaafate yoo ta'u, naannoo daangaa wanti deemaa jiru ''olola'' paartii biyya bulchuu Itiyoophiyaati jechuurraa kan hafe humna waraanaa daagaarratti kuufamuu ykn walitti bu'iinsa gabaafameerratti waan jedhe hin qabu.
Gama mootummaa Itoophiyaarraas namoonni dubbii-himan yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef battalatti deebii akka hin kenniin Rooyiters gabaaseera.
Erga Fulbaana darbe loli mootummaa federalaa fi finciltoota Tigraay gidduuttu jalqabee as dippilomaatonnii fi hayyoonni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti walitti bu'iinsi jiraachuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.
Sodaa waraanni Gaanfa Afrikaatti babala'chuu
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Humnoonni Ertiraa jalqaba ji'a Onkolooolessaa finciltoota tumsuuf daangaa ce'uun Tigraay seenuu isaanii namoonni ijaan arganii fi mootummaan Itoophiyaa himaniiru.
ACLED yeroo sanatti haleellaan diroonii loltoota Ertiraa irratti xiyyeeffachuun waraana Itoophiyaan gaggeeffame jedhee amane gabaasee ture. Haleellaa sanarratti ammoo Itoophiyaan yaada hin kennine ture.
Ertiraan daangaa Itiyoophiyaa keessa akka hin seenne haaluun, Finfinneen biyya xiqqoo ollashee bara 1993 walabummaa argachuushee dura waggootaaf qaama bulchiinsa Itoophiyaa turte weeraruuf sababa barbaadde jechuun himatte.
Amma daangaa km 1,000 ol (maayilii 620) dheeratuun adda baafamaniiru.
Lolli Tigraay keessatti geggeeffamaa jiru kun Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo bal'aan akka ka'u sodaa kan kaase yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa waraana biyyashee keessa jiruun raafamaa kan jirtu Sudaan, akkasumas Masriin finciltoota ishee lolan kanneen deeggaraa jiru jechuun himatti. Ertiraa, Sudaan fi Masrin hundi isaanii garuu himannaa kana ni haalu.
Itiyoophiyaa fi Ertiraan bara 1998-2000tti waraana daangaa irratti godhameen lubbuu namoota kuma hedduutti lakkaa'amuu dhabaniiru.
Waraanni bara sanaa kan ka'e waldhabdee magaalaa daangaa Baadmee irratti uumameen yoo ta'u, boodarra komishiniin daangaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii daangaa Ertiraa keessa akka taate adda baaseera.
Naannoo Baadimmeetti kallattiin walitti bu'uu
ACLED ibsa Kibxata baaseen, waraanni Itoophiyaa finciltoota Tigraay naannoo daangaa irraa qulqulleessuuf socho'aa jiruun, torban darberraa eegalee naannoo Baadmeetti dhukaasni meeshaa waraanaa fi walitti bu'iinsi mudateera.
Sadaasa 12 dirooniin Itoophiyaa bakka Ertiraan qabattee jirtu ta'uu male kan jedhame naannawaa Baadmee irratti xiyyeeffataniiru jedhe.
Ertiraanis meeshaa waraanaa gara bakka Itoophiyaan qabattee jirtuutti dhukaasuu isaanii ibseera.
Guyyaa itti aanutti ammoo waraanni lamaan daangaa gama Itiyoophiyaan jirurratti isaanii walitti bu'uu ACLED beeksiseera.
Namni finciltoota waliin hidhata qabu kun, ibsa bal'aa osoo hin kenniin humnoota Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti yeroo adda addaatti walitti bu'iinsi daangaa irratti uumamuu himeera.
Namni Humna Nagaa Tiraay kan waraana mootummaa waliin ta'uun loluutti dhiyaatu akka jedhetti ammoo, humnoonni Itiyoophiyaa finciltoota hordofuun gara daangaatti dhiibaa kan turan ta'us, humnoota Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti walitti bu'iinsi akka hin uumamne dubbateera.
Namoonni lamaan dhimma waraanaa irratti dubbachaa waan jiranii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.
Xiinxalaan dhaabbata International Crisis Group kan ta'an Maagnus Teeylar walitti bu'iinsi Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti uumamuu kan hin mirkaneessine ta'us, lola waraana Itoophiyaa fi finciltoota naannoo daangaa jiran gidduutti hammachuu akka danda'u akeekkachiiseera.
"Kunis Ertiraa gara waraana gama Tigraayiin jiruutti galchuu danda'a. Kun ammoo hiree Itoophiyaa fi Ertiraan kallattiin walitti bu'uu uumuu danda'a," jedha.























