Waayee bara dhumaa amantaaleen maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasa kana dubbisaa jirta taanan, ammallee lubbuun jirta. Addunyaan hin dhumne jechuudha.
Namoonni baay'een Sadaasa 13, 2026 guyyaa dhumaa addunyaati jedhamee waan tilmaamameef yaadda'anii turan.
Amantaaleen guguddoon addunyaa Kiristaanummaa fi Islaamni waa'ee du'aa ka'uu fi guyyaa dhumaa ni barsiisu. Haa ta'u malee, karaa ittiin dhufaatii guyyaa dhumaa ibsan garaagara.
Yaadni guyyaa dhumaa kanaa ilaalchisee dhiyaate qorannoo qorattoota sadiin bara Sadaasa 1960 maxxanfame irratti kan hundaa'edha.
Akka qorannoo kanaatti, guyyaan dhumaa Jimaata, Sadaasa 13 jedhamee tilmaamame.
Qorattoonni yeroo sana yaada baay'inni uummata addunyaa saffisa yeroo sanatti tureen yoo dabale, dacheen baachuu waan dadhabduuf, Sadaasa 2026 dhuma addunyaa ta'a jedhanii tilmaaman.
Istaatistiksiin isaanii adeemsa daballii baay'ina uummata addunyaa waggoota 2,000 keessatti mul'ate xiinxaluun kan irratti hundaa'edha.
Gama biraatiin, Musliimonni akka hadiisotaatti, Guyyaan Qiyaamaa guyyaa Jimaataa akka ta'u amanu. Haa ta'u malee, Jimaata kam akka ta'e hin beekamu.
Amantaaleen lamaan waa'ee guyyaa dhumaa fi du'aa ka'uu maal jedhu?
Ilaalcha Amantaa Islaamummaa guyyaa dhumaarratti
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka barsiisa Islaamaatti, Guyyaa Qiyaamaa Waaqa (Allah) malee eenyullee hin beeku.
Hayyoonni Islaamaa guyyaan sun osoo hin ga'in dura mallattooleen adda addaa akka mul'atan ni dubbatu. Hadiisonni tokko tokko Guyyaan Qiyaamaa guyyaa Jimaataa akka ta'u ibsanis, guyyaa fi bara isaa adda baasanii hin ibsine.
Suuratul A'raaf, keeyyata 187 irratti Rabbiin akkana jedha: "Waa'ee Sa'aatii (Qiyaamaa) yoom akka dhuftu si gaafatu. 'Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira jira. Yeroo ishee Isaan alatti eenyullee mul'isuu hin danda'u' jedhi."
Haaluma walfakkaatuun, Suuraa Luqmaan, keeyyata 34 irratti Rabbiin beekumsi yeroo sa'aatii wantota Isaan alatti eenyullee hin beekne keessaa tokko ta'uu isaa ibsa.
Kunis Ergamaan Rabbii Muhammad (nageenyi fi rahmaanni isaan irratti haa jiraatu) illee yeroo sirrii Guyyaan Qiyaamaa itti ta'u akka hin beekne agarsiisa.
Mallattooleen amantaa Islaamummaa keessatti ibsaman maali?
Akkaataa amantaa Islaamummaatti mallattoolee Guyyaa Firdii garee lamatti hiramu. Isaan xixiqqoo fi gurguddoo
Isaan kunneen gariin isaanii mul'achuu jalqabanii jiru. itti jirus.
Mallattooleen Hadiisa keessatti eeraman:
- Doofummaan babal'achuu fi kufaatii barnootaa
- Jeequmsaa fi walitti bu'iinsi dabaluu
- Namoonni gamoowwan dhedheeraafi gurguddaa ijaaruurratti wal dorgomu
Mallattoolee kana keessaa tokko tokko hadiisawwan sirrii (sahiiha) ta'anii fudhataman keessatti kan ibsaman yoo ta'u, isaanis kitaabota Sahiih al-Bukhaarii fi Sahiih Muslim keessatti kan walitti qabaman dabalata.
Hadiisa Imaamu Muslim gabaasan tokko keessatti, Ergamaan Rabbii Muhammad (nageenyi fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu) mallattoolee gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa kudhan dubbataniiru. Isaan keessaa:
• Mul'cahuu farreen kiristoos (Dajjal)
• Bu'uu Nabii Iisaa (Iyyasuus) ilma Maariyaam (nageenyi isaan irratti haa jiraatu).
• Mula'chuu Googii fi Maagoag
• Bahuu aaraa
• Bineensa lafa keessaa bahu
• Aduun gara dhihaatiin mul'achuu
• Mul'achuu sigiga lafaa guddaa gara bahaatti.
• Uumamuu sigiga lafaa guddaa gara dhihaatti.
• Uumamuu sigiga lafaa guddaa lafa Arabaa keessatti.
• Bahuu ibiddaa kan Yaman keessaa ka'ee namoota gara bakka walitti qabama isaanii oofu.
Islaamni yeroo sirrii Guyyaa Qiyaamaa tilmaamuuf yaaluu ykn taateewwan addunyaa tokko tokko kallattiidhaan mallattoolee dhuma addunyaatiin walqabsiisuu ni akeekkachiisa.
Waayee Guyyaa dhumaa fi du'aa ka'uu irratti ilaalcha Kiristaanummaa
Kiristaanummaan deebi'ee dhufuu Iyyasuus Kiristoos fi bara dhumaatti ni amana. Haa ta'u malee, Macaafni Qulqulluun guyyaa addaa taateewwan kun itti raawwataman adda baasee hin ibsu. Kanaa mannaa, mallattoolee yeroo sanatti mul'achuu danda'an tokko tokko ni ibsa.
Paastar Ishaakuu Ashaafaa, geggeessaan amantii Kiristaanaa Keeniyaa bulchiinsa naannoo Kaadunaa, bara dhumaa keessatti haala jireenya namootaa irratti jijjiiramni guddaan akka uumamu dubbataniiru.
Kitaabni Daani'eel, boqonnaa 12, lakkoofsa 4, yeroo sanatti beekumsi akka baay'atu akka ibsu dubbataniiru. Akkasumas Macaafni Qulqulluun waa'ee yeroo namoonni walii isaaniif yaaduu fi wal jaallachuu dhiisanii akka dubbatu ibsaniiru.
Macaafa Ximotewos Lammaffaa, boqonnaa 3, lakkoofsa 1 hanga 5tti, Macaafni Qulqulluun amalawwan guyyoota gara dhumaatti mul'atan tokko tokko ni ibsa. Amalawwan kunis ofittummaa, jaalala maallaqaa, warraaf abboomamuu diduu fi jaalala dhabuu dabalata.
Paastar Ashaafaan dabaluudhaan, yeroo Iyyasuus Kiristoos deebi'ee dhufu warra isatti amanan akka fayyisuu fi gara mootummaa waaqayyootti akka fudhatu dubbataniiru.
"Warri isatti hin amanne immoo asuma lafa irratti ni hafu," jedhaniiru.
Haa ta'u malee, Macaafni Qulqulluun taateen kun guyyaa ykn sa'aatii kam akka raawwatamu eenyullee akka hin beekne ni ibsa.
Kitaaba Maatewos, boqonnaa 24, lakkoofsa 36 irratti, Iyyasuus guyyaa sana ykn sa'aatii sana eenyullee, ergamoonni waaqayyoo illee akka hin beekne, Waaqayyo qofti akka beeku dubbachuun isaa caqasameera.
Paastar Ashaafaan kunis mallattooleen adda addaa jiraatanis, ilmaan namootaa yeroo sirrii dhuma addunyaa beekuun gonkumaa akka hin danda'amne agarsiisa jedhaniiru.
























