'Lammii Itoophiyaa jalqabaa addeessarra qubattu ta'uun barbaada'

Barattuu Beetaliheem Zawudee

Madda suuraa, Bethlehem Zewde

Ibsa waa'ee suuraa, Barattuu Beetaliheem Zawudee barattuu kutaa 12ffaa reefu barana xumurte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Barattuu Beeteliyeem Zawuduu reefu barana barnoota kutaa 12ffaa Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa damee Adaamaatti barattee xumurte.

Akka BBC'tti himteetti, qabxii olaanaa jedhamu 508.5 galmeessuun xumurte.

Barattuun ganna 18 kun dhiyeenyaa gara Hindi, Newu Deelitti imaluun garee saayintistoota shamarran ol adeemoo biyyoota 100 olirraa walitti dhufan keessatti hirmaatte.

Gareedhaan meedaliyaa fi waraqaa ragaa argataniiru.

Beteliyeem saatalayitoota lama fuulduratti ergaman gareen keessa qooda fudhachuun badhaasa kana argachuu BBC'tti himteetti.

''Akka addunyaatti biyyoota 108'tu jiru. Biyya tokko nama tokkotu bakka bu'a. Akkas akkas taanee biyyoota 108 irraa jirra,'' jette.

Dubartiin kuni Itoophiyaa bakka buutee gara Hindii akka imalteefi sadarkaa kana gahuufis waggoota lamaan darban itti dhamahuu himti.

Waldaan Misooma Oromiyaa barattuun kuni biyya bakka bu'uun ergama dhaabbata 'International Lunar Satellite Mission' irratti qooda fudhachaa akka jirtu ibseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dhaabbata 'International Women Professionals in Aviation and Aerospace' irraa badhaasa 'Angel of Space' argachuu ishee ibsuun gammaduullee hime.

''Badhaasni kun bu'aa ifaajjee, kutannoofi cichoominakee waggoota darbanii akkasumas onnachiistuu hojiiwwan gurguddoo fuuldurakee jiraniiti.

''Jabinnikee dhaloota si booda dhuftaniif haamileefi fakkeenyummaa guddaadha,'' jechuun ibse.

Barattuun Sandaafaa Bakkeetti dhalattee guddatte kuni walumaa gala lammiileen biyyoota 108 irraa carraa argatan Hindiitti hirmaachuu himti.

Leenjii kanarrattis kanneen hirmaatan kan keessa qooda fudhatan hojiin saatalaayitii akka jirtu dubbatti.

Saatalaayitiin tokko lafa kan naanna'u kan lammataammoo addeessarra kan qubatu akka ta'e himti.

Lamaanuurratti damee tokko tokkoorratti hirmaannaa taasisuu himti. Hirmaannaafi leenjii fudhatte kanaafis waraqaawwan garagaraa argatteetti.

Saatalayitiiwwan kunneen baatii Onkololeessa yookiin Sadaasa keessa akka furguggifaman himti.

''Yeroo furguggifamu maqaan [namoota] achirra hirmaataniifi akkasumattimoo Itoophiyaa bakka bu'e achi waan deemef alaabaan Itoophiyaa saatalayitiirra gara addeessatti deema.''

Barattuu Beetaliheem badhaasa ishee waliin

Madda suuraa, Bethlehem Zewde

Barattuun kuni BBC'tti akka himtetti, ijoollummaa isheetii eegalee waa'ee hawaa baay'ee jaalatti.

''Rabbi yoo jedhe gara hawaa deemuun barbaada,'' jette hawwii ishee yoo dubbattu.

''Daa'imummaakoo kaasee addeessa baay'een jaaladha. Akka namoota waggaa tokko dura deemanii addeessa akka qubatanitti anis deemen maqaa biyyakoo addeessarratti barreessuun barbaada.

''Qaamaan hin deemne. Saatalaayitiin deemee achirra qubata mitii? Kanaaf, alaabaan biyyakoo achirra ni ta'a.

''Gara fuuldurattimmoo ofumakoo deemee alaabaa biyyakoo,'' mirmirsuun barbaada jette.