Haleellaa Huutii walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaafi diinagdee addunyaarratti sodaa uume

Hidhattoonni Huutii Iraanitti kan dhiyaatan yoo tahu irra caalaa Yaman qabatanii jiru.

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Loltoonni Huutii Yaman, Galaana Diimaarratti doonii haleeluusaanii beeksisuusaanii hordofee gaaga'amni Baha Giddugaleessaa caalmaatti akka hin hammaanne yaaddoo uumera.

Hidhattoonni Huutii dooniiwwan Ulaa Bab El Maandab osoo hinseeniin ofirra akka deebi'an dirqisiisuun dabalataan qaama bishaanii ijoo dooniiwwan Awurooppaafi Eeshiyaa gidduu itti deddeebi'an kana cufuuf dhaadataniiru.

Tarkaanfiin loltoota Huutii kun yeroo waraanni Iraan- Ameerikaa itti fufettifi Saawudi Arabiyaan indaastirii niwukilaraashee misoomsuuf US walin waliigaltetti ta'uunsaas yaaddoo wal morkii humna waraanaa uumera.

Kanaaf haalli Baha Giddugaleessaa caalmaatti hammaachaa jiraa?

Ajaji Waraanaa Giddugalaa US (Centcom) itti fufiinsaan halkan 13'f Iraan keessati akeekawwan garagaraarratti haleellaawwan qilleensarraa raawwateera.

Ibsa ajaji waraanaa kun halkan Kamisaa baaseenis "Yaaddoo Iraan namoota siiviilii dooniiwwan irratti hojjetanfi dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa darbanirratti qaqqabsiistu hir'isuuf buufataalee ajaja waraanaa Iraan, kuusaalee diroonii, cimdaawwan qunnamtii, buufataalee hordoffii qarqara galaanaafi humna galaanarraa" biyyattiirratti xiyyeeffachuu himeera.

Gama biraatiin biyyoonni Arabaa gaafa nagaa yakkafi gibira xiqqaan beekaman amma garuu ollaasaanii akkaan hidhatte Iraanirraa yeroo yeroon haleellaa keessummeessaa jiru.

Ammammoo hidhattoonni Huutii Yaman keessa jiranfi Iraaniin deeggaraman waliigalteen dhukaasa dhaabuu Saawudi Arabiyaa waliin bara 2022'tti godhatan cabuusaatiin lolichatti makamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torbee kana keessas dooniiwwan Saawudi Arabiyaa lama misaa'ela loltoota Huutiin dhukaafamaniin Galaana Diimaarratti haleelamaniiru. Kana malees loltoonni Huutii dooniiwwan buufataalee doonii Saawudi Arabiyaa akka hinfayyadamne akeekkachiisuun dooniiwwan 10 ofirra akka deebi'an taasisuu himaniiru, sochii dooniiwwanii Ulaa Baab El-Maandab keessaas jeeqaniiru.

Ulaan Baab El-Maandab qaama bishaanii ijoo kutaa kibba Galaana Diimaa fi Garba Indiyaa wal qunnamsiisudha.

Kanaafis gaaga'ama dhiyeessii anniisaafi xaa'oo sababa cufamuu Ulaa Hormuuzin addunyaa qaqqabe dabalataan jeequmsi Ulaa Baab El-Maandab mudate diinagdee addunyaa kan miidhudha.

Waraana Iraan-US irraa of fageessuuf yaalaa kan turte Saawudi Arabiyaan, Ulaan Hormuuz cufamus ujummoo daddabarsa boba'aatti fayyadamuun boba'aa kutaa baha biyyattiiti omishame hanga tokko gara buufata doonii Yaanbuu Al-Baahir kan qarqara Galaana Diimaatti argamutti geejibsiisaa turte.

Buufata doonii Yaanbuu Al-baahir irraatis dooniiwwanitti fayyadamuun Ulaa Baab El-Maandab qaxxaamuruun gara maamiltootashee aardii Eeshiyaatti argamanitti geessaa turte.

Amma garuu Saawudiin kana gochuu hindandeessu. Yoo xiqqaate haala loltoonni Huutii dooniiwwan qarqara galaanaa isaaniin darban doorsisaa jiraniin Saawudiin dooniiwwanshee bilisaan erguuf ni rakkatti.

Pirezidaantiin US, Doonaald Tiraamp loltoota Huutii gochaasaaniirraa akka dhaabsisan kanaan dura waadaa galanii turanis hin milkoofne, ammas waliigaltee malee waan milkaa'an miti.

Hidhattoonni Huutii garee gosa Shi'aa kan magaalaa Saadaa kan Kaaba Yamanitti argamturraa ka'anfi naannichatti deeggarsa qabanidha.

Bara 2014'ttis mormii ummataa biyyoota Arabaa keessatti mul'ate akka carraatti fayyadamuun gara Kibba Yamanitti socho'uun magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa to'atan. Ergasii asis buufata doonii Hodeeyidaa dabalatee kutaalee biyyattii ummanni baay'een itti jiraatu to'achuu danda'aniiru.

Warri Saawudiis mootummaa Yaman sirriifi aangoorraa fonqolchame deeggaruun bara 2015'tti warra Huutii waliin waraanatti seenan. Sababni warri Saawudii waraanatti itti seenanis milishaan Iraaniin deeggaramu biyya ollaasaanii Yaman keessatti aangoo akka qabatu waan hinbarbaannefi.

Haaluma kanaan Saawudii Arabiyaan humna qilleensarraa warra Lixaarraa argatetti fayyadamuun hidhattoota Huutii yeroo gabaabaa keessatti jilbeenfachiisuun gara nagaatti fiduuf yaaddee turtus akka yaadetti hintaane.

Kana malees hidhattoonni Huutii bara 2023 hanga 2025'tti yaada Filisxeemota Gaazaa deeggaruu jedhuun dooniiwwan Israa'el waliin hidhata qabu jedhan Galaana Diimaarratti haleelaa turaniiru.

Dabalataan dooniiwwan waraanaa US fi Biriitish isaan dhaabsisuuf yaalanirrattis misaa'elota ammayyaa dhukaasaniiru.

Akkuma qarqara galaanaa Iraan kan naannoo Ulaa Hormuuziti argamu qarqarri galaanaa Yaman kan naannoo Galaana Diimaatti argamus holqawwan meeshaalee waraanaa dhoksuuf fi yeroo dooniiwwan haleeluun barbaadamu yeroo gabaabaa keessatti gadi baasuun itti danda'amu heddu qaba.

Haaluma kanaan duulli hidhattoonni Huutii kanaan dura banan dooniiwwan daandii imalasaanii akka jijjiiranfi baasiin geejiba omishaalee akka dabalu taasiseera. Kunis US fi UK'n daldala bishaaniirraaf eegumsa gochuuf tarkaanfii waraanaa akka fudhatan taasise.

Sochiin hidhattoota Huutii tibbanaas yaadoo taateen kun irra deebiin uumamuu danda'a jedhu danqeera.

suuraa satalaayitii El Mandeeb, haleellaan Huutii sarara kana ni jeeqa

Madda suuraa, NASA Worldview/Reuters

Dhiibbaan taateen kun naannicharratti qabu maali?

Tokkoffaa, biyyoonni lamaan kanaan dura wal waraansa cimaa keessa turan Iraaq fi Sooriyaan haala keessa turaniin yeroo madaalamu amma nageenya fooyyee qabu.

Jiraattonni Gaazaa ammallee haleellaa qilleensarraan ajjeefamaafi qubannaan Israa'el ija seera idil addunyaan seeraan ala ta'e West Baankitti babal'achaa jiraatus Waraanni Gaazaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessa jira.

Israa'el fi Libaanan immoo mariisaanii kan itti fufan yemmuu ta'u, waraanni Israa'el Libaanan keessatti Hizboollaa waliin taasisaa jirtu yeroof dhaabbateera.

Kanaafis ammatti xinxaltoota yaaddessaa kan jiran dhimma biyyoota Galoo Galaanaa fi Jaziiraa Arabiyaa (Arabian Peninsula) ti.

Pirezidaantiin US, Doonaald Tiraamp waraana Iraan kan keessaa bahuu hindandeenye fakkaatu keessatti danqamaniiru.

Haleellaawwan irra deddeebii US halkan keessa raawwattus to'annoo Humni Eegumsa Warraaqsaa Iraan (IRGC) Ulaa Hormuuzirratti qabu dhaabsisuu hindandeenye.

Hanguma US haleellaa qilleensaarraa raawwattus IRGC'n biyyoota Arabaa buufataalee waraanaa US ofkeessaa qaban haleeluun biyyoota kunneenfi US gidduutti garaagartee uumuuf yaalaa jira.

Ija diinagdeen yemmuu ilaalamu immoo hanguma guyya guyyaan boba'aan, gaaziin, xaa'oonfi omishaaleen bu'uuraa biroon Ulaa Hormuuz keessa darbuun gabaaf dhiyaachuu dadhaban dhiyeessiifi gatii omishaaleerratti dhiibbaan uumamaa deema.

Yoo Ulaan Baab El-Maandab yeroo mutaasaaf cufame immoo dhiibbaan diinagdee addunyaarratti uumamu daranuu dabala.

Gama waraanaan immoo waliigaltee US fi Saawudi Arabiyaa kan Saawudi Arabiyaan sagantaa anniisaa niwukilaraa siiviilii akka misoomsitu taasisu Roobii darbe ifa ta'uusaa hordofee naannichatti yaaddoon haaraan uumameera.

Warri Saawudi waliigaltee kana boombii niwukilaraa hojjechuuf akka tarkaanfii jalqabaatti itti fayyadamuu danda'u kan jedhuuf garuu agarsiistuun hinjiru.

Haa ta'u malee dhimmi kun sodaa gara fulduraatti naannichatti walmorkii omisha meeshaa waraanaa uumuu danda'a jedhu uumera.

Gama biraatiin naannoon Baha Giddugaleessaa seenaa yeroo dhiyoo keessatti hookkarawwan ciccimoo kan keessummeesse yemmuu ta'u, inni ammaas kunneen biroo walin yeroo madaalamu isa hammaataa miti.

Haa ta'u malee akka waliigalaatti yemmuu ilaalamu rakkooleen yaaddessoo ta'an hedduun naannichatti uumamaa jiru. US fi Iraanis waliigaltee yeroo dheeraa mallatteessuun dhibdee isaan gidduu jiru yoo furan malee rakkooleen naannichatti mul'achaa jiran Baha Giddugaleessaa waggootaaf hookkara keessa tursiisuu danda'u.