Dhalataan Itoophiyaa akkamiin Minesootatti nama Sadii ajjeesun himatame?

Madda suuraa, Facebook
Namni dhalataa Itoophiyaa ta'e, Tseggaa'ab Bineessu, kan umurii waggaa 30, Ameerikaa keessatti namoota sadii rasaasaan ajjeese jechuun himatamuu 'Daily Mail' gabaase.
Akka poolisiin magaalaa Minnesota jedhetti, taateen kun Wiixata waaree booda naannawa gamoo mana jireenyaa inni keessa jiraatuu keessatti raawwatame.
Namoonni ajjeefaman hundi hojjettoota waajjira mana jireenyaa sanaa turan.
Poolisiin namoota ajjeefamaan kanneen dubartoota lama kan Nansi Fuhentes Zambrano umurii 25 fi Dena Silcox kana umurii 56 akkasumas dhiira tokko Adam Wilwerdingi umurii 43 ta'e akka ta'an adda baasuu beeksise.
Akka himata poolisii irratti ibsametti, Tsegaab namoota kanneen waliin wal dhabdee keess kan gale bakka konkolaataa dhaabuu (parking) irratti ture.
Innis konkolaataa isaa gurguree waan tureef waliigaltee bakka dhaabbii konkolaataa gamoo keessa jiraatu san haqsiisuuf jalqaba bilbilaan, itti aansuun immoo qaamaan gara waajjirichaa deemee ture.
Hojjettoonni waajjirichaa gaaffiin isaa yeroo sana raawwatamuu akka hin dandeenye himuun isaanii wal mormii uume.
Poolisiin akka jedhetti, wal mormiin sun gara haleellaa hamaatti jijjiramuun namni Itoophiyaa Tsegaab Binessu hojjettoota sadii rasaasaan rukute.
Kaameeraan nageenyaa irraa akka mul'atutti namichi kun namoota laman isaanii yeroo hedduu rasaasaan rukutamuu isaanii galmeessera.
''Hojjettoota kana keessaa lama tokkoon tokkoon isaanii yeroo jaha itti dhukaasuun ni mula'ata'' jedhe poolisiin.
Namni sadaffaan immoo kaameraa keessatti hin mul'anne, garuu iyya fi dhukaasni rasaasaa 4 ni dhaga'ama.

Madda suuraa, RCSO
Poolisiin Tsegga'ab haleellaa booda naannoo sanaa baqachuun gara kiiloo meetira 160 fagaate, magaalaa Varginiyaa jedhamtu keessatti Kibxata halkan keessaa to'annoo jala oolchera.
Yeroo qabamutti paaspoortii Ameerikaa, kaardii tajaajila hawaasummaa, eeyyama qawwee qabachuu faa qabachuu poolisiin ibse
Akkasumas konkolaataa namoota ajjeefamanii keessa kan nama tokko oofaa ture jedhameera.
Yoo xiqqaate waggaa torba dura Itoophiyaa irraa gara Ameerikaatti godaanuun seera qabeessa kan ta'e Tseggaa'ab, yeroo dhiyootti konkolaataa isaa waraanatti makamuuf waan karoorfateef akka gurgure poolisiitti himeera.
Abbaan alangaa Binessu irratti himata ajjeechaa sadarkaa lammaffaa sadii baneera.
Poolisiin gochi sun itti yaadamee raawwatame malee dursee kan karoorfamee akka hin turres ibse
Tsegga'ab Roobii darbe yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyaatee jira. Dhaddachi itti aanu ammoo Hagayya 13 akka ta'u murtaa'eera.


















