KALLATTIIN, Abiddi saafaa Faransaayifi Ispeenitti dhaabbachuu didee namoota 220,000 ol buqqise

Abiddi Saafaa Faransaayifi Ispeenitti dhaamuu didee babal'achuu jiraattoonni akka baqatan ajajaman. Walumaa galatti namoonni 220,000 caalan biyyoota lamaan keessaa buqa'aniiru.

Guduunfaa

Abiddi saafaa Faransaayifi Ispeenitti dhaabbachuu didee namoota 220,000 ol buqqise

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. “Puutin fi Shiin meeshaa waraanaa akka Iraanitti hin gurgurre waadaa galaniiru”- Tiraamp

    Tiraamp fi Shii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Shii Jiinpiingi

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin fi Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing meeshaa waraanaa Iraanitti akka hin gurgurre waadaa akka isaaf galan dubbatan.

    Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa Isaanii Tiruuth irratti akka maxxansanitti, yeroo dhihoo Shii Jinpiing waliin Beejiingitti mari'ataniin, "haala kamiinuu meeshaa waraanaa Iraanii hin kenninu, hin gurgurrus" jechuun Shiin akka isaanitti hime ibsan.

    Tiraamp akka jedhanitti, waadaan kun mootummaa Chaayinaa qofa osoo hin taane dhaabbilee oomisha meeshaa waraanaa Chaayinaa hunda kan dabalatu dha.

    Akkasumas, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutinis waadaa walfakkaataa akka isaaniif galan dubbatan.

    Tiraamp, ''meeshaa waraanaa Yukireenitti osoo hin taane, biyyoota NATO tti qofa akkan gurgurru Putin ni hubata.'' jedhan.Isaan gatii meeshaa guutummaatti ni kaffalu. Meeshaa waraanaa kanaan maal akka godhan garuu hin beeku,” jedhan.

    Kanaaf biyyoonni Iraan waliin walqabatee maqaan isaanii yeroo baay’ee kaafamu kunneen waraana kana duubaa “harka akka qaban jedheen amanan” jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, “Harka keessa yoo qabaatanillee isaan miidha malee hin fayyadu” jechuun akeekkachiisan

    Dubbiin isaanii kun yeroo Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan irratti cimsaa jirtu fi mootummaa Tiraamp, Raashiyaa fi Chaayinaan Iraan deeggaruu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaa jirutti dhaga'ame

    Haa ta'u malee, hanga ammaatti Chaayinaa fi Raashiyaan, Tiraampiif waadaa akkasii galuu isaanii ilaalchisee ifatti yaada hin kennine.

  2. Jilli Omaan rakkoo Ulaa Hormuz irratti mari'achuuf Iraan seene

    Jilli Omaan rakkoo Ulaa Hormuz irratti mari'achuuf Iraan seene

    Madda suuraa, AP

    Jilli mootummaa Omaan irraa gara magaalaa guddoo Iraan, Tehraan, imaluun nageenya geejjiba galaanaa Ulaa Hormuzii irratti mari'achuu jalqaban.

    Miidiyaan mootummaa Iraan IRNA akka gabaasetti, kaayyoon marii kanaa dooniiwwan karaa ulaa Hormuzii keessa darban akkamitti nageenyaan akka socho'an irratti waliigaltee hojii qopheessuudha.

    Gama biraatiin, Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii fi Ministeerri Dhimma Alaa Omaan Badr al-Busaidii Jimaata galgala bilbilaan mari'ataniiru.

    Haa ta'uu malee dhimmaa akkamii irratti akka mari'atan bal'inaan ibsi mootummaa biyyoota lamaanii irraa kenname hin jiru.

    Marii kun yeroo waraanni Ameerikaa fi Iraan itti fufee jiru, akkasumas tattaaffiin marii dipilomaasii biyyootni lammanuu daabi'anii marii akka jalqaban taasifamaa jirutti.

    Torbanoota darban keessa walitti bu'iinsi Ameerikaa fi Iraan cimee, Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwatte. Iraanis deebii waraanaa kennite. Kana malees, gareen loltoota Huutiin Iraanin deeggaramu jedhaman Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuun geejjiba galaanaa irratti sodaa cimaa fideera.

    Haala kana keessatti Omaan, yeroo dheeraaf Ameerikaa fi Iraan gidduutti araaraa fi marii qindeessuun kan beekamtu ta'uun, yeroo ammaa kana illee nageenya ulaa Hormuzii eegsisuu fi walitti bu'iinsa babal'achaa jiru tasgabbeessuuf gahee dipilomaasii ishee cimsaa jirti.

  3. Rasaasi heddu kan bara kolonii ta'uu hin oolu jedhame Moyaaletti argame

    Rasaasa argame

    Madda suuraa, Citizen Digital

    Rasaasi kan bara kolonii ta'uu hin oolu jedhame Moyaalee gama Keeniyaatti agamuu poolisiin beeksise.

    Rasaasi argame kun lakkoofsa 40,060 yoo ta'u, ijaarsa mana baruumsaf osoo hojjattoonni lafa qotaa jiranuu arguu isaanii miidiyaan Keeniyaa Citizen poolisii waabeffachuun gabaase.

    Komaandarri poolisii Kaawuntii Marsabeet Liyoonaard Kimaayiyoo akka jedhanitti, rasaasi kun loltoota bara kolonii turaniin achitti gatamuu akka hin oolledha.

    Rasaasi kun argamuu hojjattoonni ijaarsaa erga gabaasanii booda, humnoonni nageenyaa mootummaa bakkichatti argamuun rasaasa achii fuudhun gara bakka qorannoon gaggeeffamuutti geessus beeksise poolisiin.

    Hawaasi meeshaalee waraanaa wal-fakkaatanifi yaaddoo uuman yoo argan bifuma kanaan akka poolisiif gabaasa godhan dhaamuun, akkaataa itti rasaasni lakkoofsan heddu ta'e kun bakkichatti gatame qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus ibse.

    The police commander assured residents that the situation is under control and that the discovery poses no threat to the public.

    He urged members of the public to report any firearms, ammunition, or other suspected military equipment they come across to security agencies, rather than touching or attempting to remove the items themselves.

    Investigations are ongoing to establish the full history of the ammunition and determine how it remained at the site for all those years.

  4. Abbaan Alangaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa qondaalota Israa'el fi Puutin irratti ajaja hidhaa baase haleellaa saalan himatamee aangorraa kaafame

    Kaariim Kaan

    Madda suuraa, Reuters

    Abbaan Alanagaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICC) fi yakka waraanaa Gaazatti raawwatame qorataa ture Kariim Kaan himannaa halellaa saalaa gaggeesse jedhamee irratti dhiyaateen hojiirraa kaafame.

    Kaariim Kaan Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuufi Minstiira ittisaa duraanii Israa'el Yaa'ov Gaalant himannaa yakka waraanafi yakka namoomaa irratti dhiyaaten akka to'atamaniif ajaja hidhaa irratti baasee ture.

    Raashiyaan waraana Yukireen irratti banteen ajjeechaa namoota nagaa Yukireen keessatti raawwatameefi ijoollee Ykireen Raashiyaatti fudhatamaniif, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yakka waraanaa raawwataniiru jechuun ajaja hidhaa kan irratti baase abbaa alangaa kana.

    Bara 2021 Abbaa Alangaa sadaffaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa sadaffaa ta'uun muudamee ture.

    Himannaa haleellaa saalaa raawwachuu irratti dhiyaaten, ji'a darberraa kaasee uggura jala kan ture Kaariim, amma hojiirraa kaafameera.

    Qaamni to'ataa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa himanni Kaariim Kaan irratti dhiyeesse, hojjattuu haaraa mana murtichaa waliin haariiroo saal-qunnamtii hin malle keessa seene kan jedhuudha.

    Gama biraan ammoo miidhamtuun sun haleellaan saalaa irratti raawwachuu himattullee, iyyannishee akka hin dhagahmen gochuuf yaaludhaanis himatamee ture.

  5. Balaa abidda saafaa Faransaayifi Ispeenitti mudateen namoonni 220,000 ol buqqa'an

    Hojjattoota balaa abiddaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Faransaayifi Ispeenitti balaa abidda saafaa babal'ataa deemeen walumaa galatti namoonni 220,000 ol qe'eerraa buqqa'an.

    Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon hojii ittisa balaa akka gargaaraniif humni waraanaa biyyattii akka bobba'uuf ajajaniiru.

    Gama biraan Ispeen naannoo magaalaa Maadiriiditti abiddi ka'e ammoo dhaamsuuf "humna hojjatoota balaa abiddaa ol" ta'uu qondaalonni akeekkachiisan.

    Mootummaan Ispeen balaan abiddaa kun yaaddoo biyyaalessaa ta'uu labseera. Namoonni 25,000 akka buqqa'an yoo godhu, 40,000 kan ta'an akka manaa hin baane jedhamaniiru.

    Pirezidaantiin bulchiinsa naannoo Maadriid Diyaaz Ayuusoo balaa abiddaa kana, "seenaa naannichaa keessatti balaa abiddaa hamaa mudatee hin beeknedha" jedhan.

    Ispeenis abidda saafaa babal'ataa jiru kana dhaamsuu akka gargaaraniif humna waraanaa hamma tokko bobbaastee jirti.

    Gamtaan Awurooppaa gamasaan hojjattoota balaa abiddaa Ispeenifi Faransaayi gargaaruuf xayyaarotaafi helikoptaroota bobbaasee jira.

  6. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya har'aa eegaleera!

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala buunee isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!