Wal haleeluu Huutii fi Saawud Arabiyaa waan hanga ammaatti beekamu

Loltoota Huutii Yaman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Huutii Yaman
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Saawudii Araabiyaan bakkeewwaan loltootni Huutii Yaman to'atanii jiran irratti Jimaata galgala haleellaa qilleensarraa raawwattee jirti.

Yeroo walfakkaatutti Ameerikaan immoo doonii daldalaa tokko ulaa Hormuzii keessatti rukutuun to'achuu beeksifte. Haalli kun waraanni naannichaa bal'achuu akka danda'u yaaddoo guddaa uumeera.

Mootummaan Saawudii magaalaa buufata galaanaa Hodeydaah fi odoola Kamaraan jedhamu keessatti bakka Huutiin to'atu irratti haleellaa xiyyaaraa raawwachuun ibsameera.

Haleellaan kun kan raawwatame Huutiin torban darbe buufata doonii Saawudii irratti uggura galaanaa labsuun dooniiwwan Saawudii muraasa irratti haleellaa raawwachuu hordofeeti.

Huutiin dooniiwwan boba'aa Saawudii lama misaa'elaa fi diroonii fayyadamuun haleeluu beeksisee ture. Saawudiin haleellaan doonii ishee tokko irra ga'uu mirkaneessite.

Kana haalaoo ba'uufis bakkeewwaan Huutiin qabamee jiru qilleensarraan haleelte

Yeroo muraasa keessatti Huutiin deebii kennuun magaalota kibba Saawudii keessaa tokko taate Jiizaan irratti misaa'ela dhukaasuun ibsameera.

Sanbata ganama miidiyaan Ansaarullaah jedhamu kan Huutii waliin hidhata qabu karaa Telegram ibsa baaseen, haleellaan misaa'elaa Yaman irraa dhukaafameen magaalaa Jiizaan jedhamtu keessatti ibidda ka'eera jechuun beeksise.

Yeroo wal fakkaatutti, ulaa Hormuzii keessatti waraanni Ameerikaa doonii boba'aa Galaana Omaan keessa socho'aa ture tokko irratti haleellaa rawwachuu ibse.

Dooniin kun uggura Ameerikaan buufata doonii Iraan irra keess cabsuun darbuuf yaalaa turte jedhame.

Erga Ameerikaan dooniwwaan buufata boba'aa Iraan akka hin seenne dhorkitee as, kun doonii daldalaa lammaffaa tarkaanfii akkasii irratti fudhatame ta'uu waraanni Ameerikaa ibseera.

Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa (CENTCOM) akka jedhetti, doonichi uggura galaanaa Ameerikaan buufata doonii Iraan irratti kaa'e cabsuuf yaale. Erga yeroo hedduu akeekkachiifamee ajaja diduun isaa booda, waraanni Ameerikaa kutaa motoraa doonichaa rukutuun akka dhaabatu taasise jedhe.

Qondaalli waraanaa Ameerikaa tokko doonichi yeroo afur uggura sana darbuuf yaale jechuun ibse.

Miidiyaaleen mootummaa Sa’uudii akka jedhanitti, dooniin kun Galaana Diimaa keessatti haleelamte

Madda suuraa, Reuters

Waraana Iraani fi Ameerikaa itti fufe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaa fi Iraan gara torban lamaaf wal haleelaa jiru. Iraan Jimaata galgala buufata waraanaa Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessatti argaman irratti haleellaa diroonii raawwachuun haaloo ba'aa jiraachuu ibsite.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gama isaatiin mariin diplomaasii itti fufus, yoo waliigalteen hin argamne haleellaa waraanaa akka malee cimaa raawwachuuf qophoofneerra jedhan.

Tiraamp "Filannoo lama qabna; waraana cimsinee itti fufuu ykn waliigaltee irra ga'uu. Garuu yeroo barbaachisutti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf guutummaatti qophoofneerra," jechuun ibsan.

Oman garuu marii nagaa akka itti fufu irratti hojjechaa jiraachuu beeksifte.

Mootummaa Omaan irraa ergamoonni gara Tehraan imaluun ulaa Hormuzii deebisanii banuu fi nageenyi ulaa kanaa akka mirkanaa'u Iraan waliin mari'achaa akka jiran miidiyaan mootummaa Iraan gabaasan.

Omaan biyya qarqara kibbaa ulaa Hormuzii to'attudha. Kanaaf marii kana keessatti gahee guddaa qabdi.

Ameerikaan Ulaa Hormuuz keessatti doonii haleelte

Madda suuraa, AP

Gatiin boba'aa fi yaaddoo geejjiba addunyaa

Waraanni kun geejjiba galaanaa irratti sodaa guddaa uumaa dhufeera. Huutiin Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan daldalaa irratti sodaachisaa waan jiraniif, gatiin boba'aa addunyaa torban kana keessa dabaluun doolaara 100 ol gaheera.

Ta'us erga Jimaata kaleessaa dooniiwwan gurguddoon lama Chaayinaan kireeffatte karaa ulaa Baab al-Mandab nagaan darban booda gatiin boba'aa hanga tokko gadi bu'era.

Hulaan Hormuzii fi Baab al-Mandab karaalee galaanaa addunyaa keessatti baay'ee barbaachisoo dha.

Qabeenyi boba'aa addunyaa keessaa harka guddaan karaa Hormuzii darba.

Baab al-Mandab immoo Galaana Diimaa fi bo'oo Suweez wal qunnamsiisa. Yoo karaaleen kunneen ugguraman, dhiyeessiin boba'aa fi daldalli addunyaa bal'inaan akka miidhamu yaaddoo guddaa uumee jira.