Buufata Nukilaraa Iraan lafa jalaa Tiraamp haleeluf dhaadatan

Suuraa Tiraamp fi Gaara Kolang GazLa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tulluun Kolang Gaz La jedhamu, naannoo buufata Niwukiilaraa Naataanz fageenyaa dhiyoo kibba Teehiraanitti argama.

Naannawni kun gabbisa Niiwukiiraa Iraan magaalaa guddoo biyyattii Teehiraan irraa fageenya kiiloo meetira 220 irratti argamu yoo ta'u, yeroo ammaa bakka Ameerikaa fi Israa'el xiyyeeffannaa guddaa itti kennan keessaa isa tokko ta'ee jira.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, buufata lafa jalaa Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an akeekkachiisaniiru.

Haa ta'u malee, buufatichi lafa jalaa gadi fageenya guddaadhaan waan ijaarameef haleellaan qilleensaa salphaatti kan barbadaa'uu hin dandeenye akka ta'e xiinxaltootni kan himan

Buufatichi bara 2020 irraa eegalee ijaaramaa akka jiru suuraawwan saatalaayitii kan agarsiisan.

Suuraaleen saatalaayitii BBC waa'ee sochii gaara kana jalatta taasifamu ilaalchisee bahe akka mul'isutti erga Ameerikaan buufata gaara kanatti dhiyoo ta'e haleeltee ijaarsi konkiriitii cimaan haleellaa salphaan diigamuu hin dandeenye hojjatamuu agarsiisu.

Erga waggaa darbe Ameerikaa fi Israa'el Naataanzi, Fordow, fi Isfahan dabalatee dhaabbilee niwukilaraa Iraan barbaachisoo ta'an irratti haleellaa raawwataniin booda, sochii Iraan dhaabbilee niwukilaraa irratti taasiftu xiyyeeffannaa guddaa argateera.

Tulluun Kolang Gaz La buufata niwukilaraa Naataanz irraa gara kibbaatti kan argamu yoo ta'u, keessa isaa lafa jalaa meetira 100 ol gadi keessatti qotameera jedhamee tilmaamama.

Kunis haleellaa qilleensaan akka salpatti kan haleelamu akka hin taane eeguuf akka ta'e ogeeyyiin dhimmichaxiinxalan kan dubbatan.

Dhaabbanni lafa jalaa kun bakka gabbisa Niwukiilaraa Nataanz irraa gara kibbaatti fageenya gabaabaa irratti waan argamuf, bakka waraanaa fi meshaaleen barbaachisoon Niwukilera gabbatanii itti dhofkaman akka ta'e himama.

Haa ta'uu malee tilmaamarraa kana hafe buufatni kun sirriitti maaliif akka oolu ifa miti.

Kaayyoon ijaarsa gaara Kalang jalaa erga haleellaa bara darbe Ameerikaan irratti raawwattee booda maaliif akka dabale ammallee ifa miti, ogeeyyiin qorannoo idil-addunyaas dhaabbaticha sakatta'uu hin dandeenye.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, Waraana Guyyoota Kudha Lama booda Iraan sochii niwukilaraa haaraa ishee dhaabbilee haaraa kanneen akka gaara Kolangi jalaatti xiyyeeffachuu eeru.

Buufata Gaara Kolang GazLa jalatti hojjatame

Madda suuraa, Vantor

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Gaara Kolang GazLa jalatti hojjatame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaamoleen mootummaa Ameerikaa fi Israa'el buufatichi giddugala yuraaniyeemii itti kuufamu yookaan itti hojjatamu ta'uu mala jechuun shakku.

Garuu hanga ammaatti Ejensiin Idil-addunyaa Anniisaa Atomawaa (IAEA) bakka sana seenee sakatta'uu hin dandeenye.

Kanaaf waa'ee buufat lafa jalaa kanarratti odeeffannoon baay'een hin jiru.

Buufatichi wirtuu fi seensa hedduu kan qabu yoo ta'u, suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti seensa isaa gara dhihaatti dhiheenya kana kan hojjetame ta'uu ibsameera.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezzekiyaan gaaffii fi deebii bara darbe miidiyaa NBC waliin taasisaniin, ''dhiheenyatti Ejensii Idil-addunyaa Anniisaa Atomawaa waliin waliigaltee irra geenyee jirra. Dhufanii akka qoratan, walii galleerra ,suuraan saatalaayitii homaa hin agarsiisu, meeshaa niwukilaraas hin barbaannu" jedhan.

Mootummaan Iraan sagantaan niwukilaraan isaa kaayyoo nagaa qofaaf akka ta'e irra deddeebi'ee ibsaa jira. Himata Iraan meeshaa waraanaa niwukilaraa hojjechaa jirti jechuun dhiyaatu ni mormiti.

Tiraamp, buufatichi gara hojii niwukilaraa deebi'anii oomishuuf ooluu danda'a jechuun yaaddoo isaanii ibsaniirru.

Tiraamp Wiixata, Adoolessa 21, 2026, buufata niwukilaraa lafa jalaa Iraan keessatti ijaaramaa jiru irratti yoo barbaachise tarkaanfii waraanaa laalessaa fudhachuu akka danda'an akeekkachiisaniiru.

Dubbiin isaanii buufata "Gozla Kalang" jedhamu irratti xiyyeeffannaa guddaa uumeera.

Iraan gaman isheen doorsisa kana balaaleffattee, haleellaan kamiyyuu yoo raawwatame deebii cimaa akka kennitu akeekkachiifteetti.

Dhimmi Tulluu Kolang Gaz La itti aanee bakka walitti bu'iinsa Ameerikaa fi Iraan ta'uu akka danda'utu eegama