Huutiin Yaman Sa'uud Arabiyaa irratti 'uggura galaanaa' labse

Huutiin uggurri kun Sa’udiin buufata doonii fi xiyyaaraa Yaman waan uggurteef deebii kennuuf ta'uu ibse

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Huutiin uggurri kun Sa'udiin buufata doonii fi xiyyaaraa Yaman waan uggurteef deebii kennuuf ta'uu ibse
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gareen hidhataa Huutii Yaman, kan Iraanin deeggaramu, Sa'uudii Arabiyaa irratti "uggura geejjiba galaanaarraa" labsuu isaa beeksise. Garichi mormii kanarratti taasifamu kamiifuu deebii akka kennu dhaadateera.

Dubbi himaan waraanaa Huutii Yahyaa Sarii akka jedhanitti, tarkaanfiin kun yeroo labsamerraaa eegalee hatattamaan hojii irra oola.

Sababni isaas Sa'uudiin waggoota hedduuf buufata doonii fi xiyyaaraa kaaba dhiha Yaman naannolee Huutiin to'attu irratti uggura kaa'uu ishee haaloo ba'uufi jedhame.

Waa'een uggura geejjiba galaanarraa kun bal'inaan kan hin ibsine yoo ta'u, qondaaltonni Huutii tokko tokko akka jedhanitti, dooniiwwan Sa'uudii qaxxaamura ulaa Baab el-Mandab ulaa galaana, Galaana Diimaa fi Galaana Eedan wal qunnamsiisu akka hin darbine taasifamu.

Ministeerri Dhimma Alaa Sa'uudii labsii kana balaaleffachuu fi Yaman himachuun akkasumas dooniiwwan ishee eegsisuuf seera idil-addunyaa irratti hundaa'uun tarkaanfii barbaachisaa hunda akka fudhattu beeksise.

Yeroo Ameerikaa fi Israa'el Iraan waliin wal waraanaa jiran keessatti ulaan Hormuz cufamuu irraa kan ka'e, Galaanni Diimaan karaa boba'aan Sa'uudii Arabiyaa boba'aa gara gabaa addunyaatti ergaitu keessaa isa hunda caalaa barbaachisaa ta'eera.

Kunis erga waliigalteen Huutii fi mootummaa Saawudii gidduutti bara 2022 irraa eegalee hojiirra ooleen booda, walitti bu'iinsi yeroo dheeraaf laafaa ture torban darbe deebi'ee hammaachuun isaa dhaga'amera.

Huutiin haleellaa xiyyaaraa Sa'uudiin durfamu buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa irratti raawwatame jedhaniif deebii kennuuf, kibba lixa Sa'udii Arabiyaatti kan argamu buufata xiyyaaraa Abhaa irratti misaa'eelota dhukaasan.

Mootummaan Yaman kan Sa'uudii Arabiyaan deeggaramu haleellaa buufata xiyyaaraa Sanaa irratti raawwatame mootummaan Saawudii raawwachuu mirkaneesse.

Akka ibsa isaatti, xiyyaarri Iraan hayyama malee magaalaa Sana'aa keessa akka hin qubanne ittisuuf tarkaanfiin sun fudhatame.

Yaman bara 2014 irraa eegalee waraana keessa galte. Yeroo sanatti gareen Huutii humnaan mootummaa aangoo irraa buuse.

Waldhabdeen kun bara 2015 gamtaan biyyoota Arabaa Sa'udiin durfamu mootummaa kana aangootti deebisuuf gidduu seenuu hordofee akka malee hammaachuun Yaman gaaga'ama guddaaf saaxilamte.

Waraanni kun lubbuu namoota 150,000 ol kan galaafate yoo ta'u, rakkoo namoomaa addunyaa irratti hammaataa ta'e keessaa tokko qaqqabsiisera.

Hanga ammaattis namoonni miliyoona 22 ol ta'an gargaarsa adda addaa akka barbaadan ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan mul'isu.

Ulaa Galaanaa murtessoo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiixata kaleessaa dubbi himaan waraana Huutii Yahyaa Sarii, Sa'uudii Arabiyaan gara waggoota 12'f ummata Yaman "cunqursaa fi uggura haqa hin qabneen'' dararaa turuu himatan.

Itti dabaluun Saawudiin uummata Yaman irratti uggura lafaa, galaanaa fi qilleensaa kaa'uun buufata doonii fi buufata xiyyaaraa cuftee qabeenya biyyattii saamte jechuun himatan.

Kanaafuu, gareen isaanii Sa'uudii Arabiyaa irra "dhorkaa imala galaanaarraa" labsuu murteessuu beeksise. Tarkaanfiin isaanii kunis haaloo Ijaa ijaan deebisuuti jedhe garichi.

Yahyaa Sarii dabalataan, Sa'uudiin yoo tarkaanfii waraanaa fudhattee, gareen Huutiis deebii isaa daran cimaa fi gaaga'aa ta'e akka kennu akeekkachiise.

Haa ta'u malee, akkamiin dhorkaan galaanaa kun hojii irra akka oolu irratti bal'inaan hin ibsine. Garuu itti aanaan hogganaa waajjira miidiyaa Huutii Nasruddin Amer toora X irratti, humnoonni Huutii dooniiwwan Sa'uudii Qaxxamuran Baab al-Mandab akka hin ceene taasisaa jiran jechuun barreesse.

Ulaan Baab al-Mandab maali?

Ulaan Baab al-Mandab bal'inni isaa kiiloo meetira 32 ta'e, kibba-lixa Yamanii fi Gaafa Afrikaa gidduutti argama. Innis Galaana Eedan fi Galaana Diimaa wal qunnamsiisa.

Galaanni Diimaan immoo karaa Buufata Suweez Galaana Meditiraaniyaan waliin wal qunnama.

Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 2023 jalqabee booda, gareen Huutii dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa fi Galaana Edan keessa socho'an irratti misaa'eelota, diroonotaa fi dooniiwwan xixiqqoodhaan haleellaa jalqabe.

Tarkaanfiin isaanii kunis ummata Filisxeem deeggaruuf ta'uu ibsaa turan.

Haleellaa kanaan dooniiwwan afur liqimfaniiru, hojjettoonni doonii sagalis ajjeefamniiru.

Dhaabbileen geejjibaa hedduunis karaa ulaa Baab al-Mandab irraa fagaachuudhaan doonii isaanii karaa kibba Afrikaatiin akka naanna'an murteessan. Kunis geejjibni daldalaa karaa qaxxamura kanaarra darbu sadarkaa gadi aanaa akka ta'u taasiseera.

Dooniwwaan ulaa galaana Baab al-Manda

Madda suuraa, Reuters

Waxabajjii darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa booda Huutiin haleellaa dhaabus, lakkoofsi doonii daandii bishaanii kana keessa darbanii hanga ammaatti sadarkaa duraan tureetti akka hin deebine ragaan Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) ni mul'isa.

Sababa rakkoo ulaa Hormuz irraa ka'een, Sa'uudii Arabiyaan boba'aa al-ergitu keessaa 70% ol gara buufata Galaana Diimaa kan Yanbu jedhamutti geessuun erguu jalqabde.

Akka ragaan 'Kpler fi Signal Ocean' jedhamu mul'isutti, torbanoota darban keessatti guyyaatti boba'aa barmeela miiliyoona 4 ol Yanbutti ergamaa ture. Bara darbe yeroo wal fakkaataatti barmeela kuma 973 qofa achiin ergiti ture.

Ji'a Waxabajjii keessa immoo baay'inni boba'aa guutummaatti Baab al-Mandab keessa darbu guyyaatti baareela miiliyoona 7.4 ga'e. Kunis oomisha boba'aa addunyaa keessaa harka 7% ta'a.

Ogeessi dhaabbata qorannoo balaa Ameerikaa Basha Report, Mohammed Albasha, akka jedhetti, Huutiin dooniiwwan gara Sa'uudii Arabiyaa imalan kallattiidhaan haleeluu jalqabuu isaanii amma iyyuu ifa hin taane.

Ogeessi dhaabbata Ameerikaa kan gorsa balaa fi nageenyaa Mohammed Albasha, akka jedhetti, gareen Huutii dooniiwwan gara Sa'uudii Arabiyaa imalan kallattiidhaan haleeluu isaanii amma iyyuu ifa hin taane.

Mohammed akka ibsetti, "Yoo doonii tokko illee hin haleelamne, labsiin qofti geejjiba galaanaa jeequu fi buufata doonii Sa'uudii irratti shakkii uumuuf ga'a.

Gaaffiin guddaan ammoo Huutiin doorsisa isaanii gara haleellaa kallattiitti jijjiiruu danda'uu kan jedhu kan fuulduratti eegamu ta'a.