Hobomboleettii hamaa Lubbuuf sodaachisu Isaayas jedhamu UStti yaaddoo uumeera

Madda suuraa, Getty Images
Haarikeenii hamaan Isaayas jedhamu Floridaa rukute. Haarikeeniin kun lolaa lubbuu namaa balaaf saaxilu fi bubbee cimaa fidu akka danda’u sodaatamuun kumaatamni qe’ee isaanii irraa akka baqatan taasiseera.
Haarikeeniin Isaayas jedhame kun Jimaata galgala kutaa dhihaa Florida rukutuu isaa dura humni isaa xiqqoo hir’achuun sadarkaa haarikeenii ykn bubbee cimaa 2ffaatti gadi bu’e.
Yeroo sana bunneen kun sa’aatii tokko keessatti jechuunis mph 110 (km 175) saffisaan bubbisaa ture.
Aangawoonni mootummaa Floridaa, Alabaamaa fi Joorjiyaa haala labsiii yeroo muddamaa labsaniiru.
Ogeeyyiin mootummaa haala qilleensaa ammoo dambaliin galaanaa fi lolaa haarikeenichaan dhalatu naannolee tokko tokko keessatti hanga meetira 2.7 ol akka ga’u akeekkachiisaniiru.
Bubbee hamaan Isaayas jedhamu hobomboleettii cimaa Ameerikaa Kaabaa keessatti dhufu keessaa isa tokko.
Dabalataan Meksikoo fi kutaa kibba Kaalifoorniyaa irratti dhiibbaa geessisaa jira.











