Jilli US ministaroota Masrii, Somaaliyaa fi Ertiraa waliin Kaayirootti maal mari'ate?

Dhimmoota Afrikaa fi Arabaa irratti gorsaa olaanaa US kan ta'an Maasaad Booloowus ministaroota hajaa alaa Ertiraa, Masriifi Somaaliyaa waliin nageenya Gaanfa Afrikaa ''jabeessuu'' irratti mari'atan.
Ministara Hajaa Alaa Ertiraa Osmaan Saalih, kan Masrii Baadir Abdilaatii akkasumas Ministara Hajaa Alaa Somaaliyaa Abdiisalaam Abdii Alii waliin Kaayirootti qofa qofaatti kan marii'atan gorsaan olaanaa Ameerikaa waa'ee ''nagaa, nageenyaafi tasgabbii'' Gaanfa Afrikaa mari'achuu isaanii miidiyaa hawaasaa X irratti ergaa barreessaniin beeksisaniiru.
Ministiroonni hajaa alaa Masrii fi Ertiraa Kaayirootti wal arguun booda ''nageenyi Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanichaa jirani dha,'' jechuun ibsanii ture.
Gorsaan Olaanaa kuni gaafa Adoolessa 19/2026 miidiyaa hawaasaa X irratti ergaa dabarsaniin ministaroota kunneen waliin marii taasisan ''bu'aa qabeessa'' jedhaniiru.
Ministira Hajaa Alaa Somaaliyaa waliin waa'ee ''nageenya'' naannichaa marii'achuu eeruun tumsi biyyoota lameeniii naannichatti ''nagaa buusuufi walii wajjiin hojjechuuf,'' dubbachuu isaanii ibsaniiru.
Haasaa ministara hajaa alaa Ertiraa waliin taasisaniin ammoo ''haala naannichaa qormaata tahee jiruu'' kaasuu isaanii dubbataniiru.
''Daldalaan, guddina diinagdee naannoofi dhimmoota nageenyaa irratti walitti hidhaminsa keenya cimsuuf carraa jiru ilaallerra,'' jechuunis dabalanii dubbataniiru.
Gorsaan Olaanaa Ameerikaa kuni yeroo kamiyyuu caalaa ''tattaaffiin waloo'' yerootti barbaachisu tahuu himuun ''haala ijaaraa taheen waloomaan hojjechuun bu'aa inni qabu ni hubanna,'' jedhaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marii ministara hajaa alaa Ertiraa waliin haasaa taasisaniin ''walitti bu'insa naannoo Gaanfa Afrikaatti mudatu furuuf, nagaan waaraafi tasagabbii fiduun akkasumas Galaana Diimaa irratti badhaadhinni akka dhufu waliin hojjechuuf dubbachuu'' himaniiru.
Marii ministara hajaa alaa Masrii waliin taasisaniin ammoo dhimma hariiroo tarsiimawaa biyyoota lameenii jabeessuu kaasaniiru.
''Waloodhaan dhimmoota dursi kennamuuf'' haasaa isaanii keessatti galchuu kan ibsan gorsaan olaanaa Ameerikaa kuni ''Baha Gidduugalaa fi Gaanfa Afrikaatti nagaa fi nageenya buusuufi badhaadhina fiduuf Masriin michuu ijoodha,'' jedhaniiru.
Masrii fi Ameerikaan Gaanfa Afrikaa dabalataan Liibiyaa, Sudaaniifi dhimma Libaanos irratti ''fedhii waloo'' akka qaban akeekaniiru.
Gaanfi Afrikaa ''haala fooyya'aa taheen tasgabbaa'aafi kan badhaadhe akka tahu'' Ameerikaa fi Masriin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka itti fufan amantii akka qaban himaniiru.
Ministarri Hajaa Alaa Masrii Kaayirootti ministaroota hajaa alaa Eritiraafi Somaaliyaa waliin marii'achuu ibsanii ture.
Ministarri Hajaa Alaa Ertiraa Osmaan Saalih fi Ministarri Hajaa Alaa Masrii Baadir Abdiilaatii michoota isaanii gidduu ''walooma tarsiimawaa jabeessuu'' akkasumas ejjennoo dhimmoota waloo irratti qaban ''qindeessuun'' akka irra jiraatu marii'achuu himaniiru.
Caamsaa darbe sochiin geejibaa Galaana Diimaa irratti taasifamuufi waliigaltee hidhamiinsa buufata doonii kan mallatteessan Masriifi Ertiraan, dhimmi Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanicharra jiran qofadha jechuun isaanii ni yaadatama.
Biyyooti lameen Galaanni Diimaa ''nageenya biyyaalessaa biyyoota qarqara galaanichaarra jiran waliin hidhamiinsa kallattii'' akka qabu ibsuun, ''qaamni Galaana Diimaatti hin aanne dhimmoota galaana ilaallatan keessa galuu hin qabus'' jedhaniiru.
Masrii, Ertiraafi Somaaliyaan siyaasa, diinagdeefi nageenya Gaanfa Afrikaa irratti walooma qaban jabeessuu ibsaa bahaniiru.
Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa ifa gochuun as Masriin ''haala to'annoo fakkaatuun'' socho'aa jirti jechuun Dubbi himaan Nabiyaat Geetaachaw dubbataniiru.
Caamsaa 21/2026 ibsa kennaniin Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa erga kaastee as gama Masriin faarri ''muddamaafi qoccollaa'' mul'achaa akka jiru eeraniiru.
Masrii, Ertiraafi Somaaliyaan waggaa lama dura Asmaraatti walooma kan hundeessan yoo tahu yeroo sana Itoophiyaa Masrii Hidha Haaromsaa, Ertiraan gaaffii ulaa galaanaa akkasumas Somaaliyaan Itoophiyaan Somaaliilaand waliin sanada waliigaltee mallatteesiteen wal gaareffannaa keessa turan.
Yeroo ammaa kana biyyooti sadeen kunneen kaayyoon itti wal argan beekamuu baatus dhimma Gaanfa Afrikaa akkasumas dhimma Galaana Diimaa Itoophiyaa dhimma nageenya kooti jechuun kaasti.



















