BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Raashiyaan muddama Itoophiyaafi Ertiraa jaarsummaan furuuf gaaffii dhiyeessite
Raashiyaan muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti tibbana hammaate fi gara waraanatti seenuu danda'u jedhamee sodaatame karaa marii fi waliigalteen akka furamu jaarsummaan gidduu seenuu akka barbaaddu ibsite.
TPLF 'sochiin kamiyyuu gara Buufata Xiyyaaraa Maqaleetti akka hin godhamne akeekkachiise
Bulchiinsi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) duraan mootummaa Naannoo Tigraay to'achaa ture, Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee keessatti ''sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne'' akeekkachiiseera.
Jijjiirama mootummaa, Oro-maaraa hanga baqatummaa: Waggoota saddeettan Obbo Gadduu jijjiiramaan booda
Jijjiirama mootummaa-waraanaa kaabaa- haasaa hadhaa’aa paarlaamaa keessaafi baqatummaa: waggoota saddeetan Obbo Gadduu jijjiiramaan booda
Tiraamp aangoo pirezidaantummaasaa fayyadamuun qoqqobbii hedduu Raashiyaa irraa kaase
Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp aangoo pirezidaantummaa isaa fayyadamuun qoqqobbii mootummaa Raashiyaa irratti Kongireesiin Ameerikaa dabarsee ture keessaa muraasa hojii irra akka hin oolle murteesse.
Carraa Maanchister Siitiin ol iyyata isaanii itti mo'atan jiraa?
Maanchister Siitiin seera faayinaansii Piriimer Liigii cabsuun himatamanii himata 115niin yakkamaa tahaniiru. Ol iyatanii murticha garagalchuu danda'uu?
Adaamaatti doktaroonni 'oppireeshinii sa'atii 8 fudhateen' dargaggoo tokkorraa dhiitoo kg 10 baasan
Doktaroonni Hospitaala Adaamaa 'oppireeshinii sa'atii 8 fudhateen' fuula dargaggoo tokkorraa dhiitoo kiilo giraama 10 baasan. Adeemsa keessa darbanii milkaa'an BBCtti himaniiru.
Waraana kaabaan booda hireen TPLF maal taha? Biyya ollaatti baqatuu moo of ijaaruun aangootti deebi'u?
''Barri Gadaa TPLF dhumateera. Kana booda carraa deebi'anii ka'uun aangoo qabachuu hin argatan'' jedhe xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad. Hireen TPLF waraana kana booda qabu maal taha? Akka jaarmiyaatti baduu danda'aa?
Ummata Filisxeemiif kan falmitu badhaafamtuun noobelii nageenyaa Navi Pillay eenyu?
Badhaasa Noobelii Nageenyaa bara 2026 kan injifatte Navi Pillay Jaarmiyaalee mirga namoomaa idiladdunyaa hedduu hogganteetti. ''Nagaa fi seera idiladdunyaa mirkaneessuu'' keessatti tattaaffii murteessaa taasisteen badhaasa kana argatte.
Mootummaan federaalaa Tigraayitti 'mootummaan imaanaa' hundeeffamuu beeksise
Mootummaan federaalaa waraanni torbanoota sadan darban Tigraayitti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsuun naannichatti 'Mootummaa Immaanaa' hundeessuu beeksise.
Ertiraan waa'ee Itoophiyaa dippilomaatota biyya alaatti maal himte?
Ertiraan walitti bu'iinsa tibbana Itoophiyaa waliin mudate irratti bakka bu'oota biyyoota fi dippiloomaatota biyyoota alaa magaalaa Asmaraa jiraniif ibsa kenniteerti.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Anga'oonni Federaalaa Naannoon Tigraay akkamiin akka bultu ibsan
Pirezedaantiin duraanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi Obbo Getaachoo Raddaa, Hogganaan Tika Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseenii fi Komishinarri anniisaa nukilaraa Itoophiyaa Doktar Abrahaam Balaay angaa'ota federaalaa garas imalan keessaayi.
Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa irratti taateewwan hanga yoonaa mudatan|
Wayita muddamni biyyoota Gaanfa Afrikaa lameen gidudutti hammaatee jirutti loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaan seenuun himamaa jira.
Pritooriyaan lammeessoo jiraachuu malaa?
Waliigalteen Piritooriyaa waraana kaaba Itoophiyaa dhaabsisee ture ifatti cabeera. Hiriirri humnoota siyaasaa waraana kaaba Itoophiyaarratti hirmaataa turaniis jijjiirameera.
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Waraanni Yaman Galaana Diimaa qabatan
Humnoonni mootummaa Yaman kan deeggarsa Sa'uudii Arabiyaa qabuu magaalota handaara galaanaa kanneen akka Morka to'achuun hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa gussaa jiraachuu ibsan.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru. Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Ispoortii
Saakaan waan Arteettaan 'irraa eegu' raawachuun 'jijjiirama guddaa' fide
Bukaayoo Saakaa waan manaajeriin Arsenaal, Mikeel Arteettaan, 'sirraan eega' jedhe tapha Shaampiyoons Liigii kilabichi Liiliin 3-0n mo'aterratti akkuma seeneen taphicha jijjiiree agrsiise.
Arsenaal 2 fi 0n Liids injifata, Liiverpuul fi Siitiin akkaan eegamu- tilmaama taphoota PL
Keessumaa tapha dirree Liiverpuul, Anfiild irratti Dilbata Maanchester Siitii waliin taphatamu akkaan kan eegamudha. Sababiin isaa Maanchester Siitiin erga seerota faayinaansii 115 cabsuun yakkamaa ta'uun isaa itti murtaa'ee miira naasuu keessa wayita jiruttidha.
Meesii gaggeessuu irratti miira turee fi waan jedhame
'Addunyaan isin galateeffatti,' jedhe Liyooneel Meesiin tapha biyya isaa Arjentiinaaf magaalaa Booniisaayiresitti gaggeeffamerratti isa dhumaa taphatten.
Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?
Atleet Tigist Asaffaa erga maraatoonii Barliin irratti miidhaan isheerra gaheen booda wallaansa baqsanii yaaluu milkaa'aa ta'e gaafa Wixataa taasifachuu ishee leenjisaan ishee BBCtti himeera.
'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy
Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooniy.
Haakariin Maanchistar Siitii barbadeessuuf yaale Ruyii Piintoo eenyu?
Maqaan Ruyii Piintoo jedhamu maqaa deeggartoonni Maanchistar Siitii akkaan beekanidha. Deeggartoonni kilabichaa maqaa nama kanaa qofa osoo hintaanee hojiisaas sirriitti beeku. Piintoon haakarii lammii Porchugaal kilaba kubbaa miilaa beekamaa Maanchistar Siitii galaafachuuf yaaledha.
Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?
Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.













































































































