Itoophiyaatti namichi hidhaatii bahee dubartoota jaha ajjeesuun shakkame akkamiin to'atame?

Madda suuraa, BBC Tigirinyaa
Qabiyyeen kun miira keessan jeequu mala
Naannoo Tigiraay magaalaa Shiree Indesillaaseetti shakkamaan dubartoota jaha ajjeesee daa'ima waggaa sagalii butee dhabamsiise to'annoo jala ooluu poolisiin hime.
Shakkamaan kun kana dura dubartii tokko ajjeesuun hidhaan waggaa 22 irratti muramee erga waggaa sadii hidhameen booda mana hidhaatii Fulbaana 2019 gadhiifamuu poolisiin BBC Tigrinyaatti hime.
Dhimmichi yeroo dhihoo as miidiyaa hawaasaa irratti dubbii ijoo taheera.
Odeeffannoowwan ba'an akka agarsiisanitti, namni kun dubartoota jaha gara jabinaan ajjeesuu fi yakka gudeeddii irratti raawwachuun himameera.
Akkasumas dubartoota, poolisoota, abbootii murtii, gaazexeessitootaa fi qondaalota mootummaa irratti ajjeechaa raawwachuuf karoora baafatee ture jechuun poolisiin ibseera.
Magaalaa Shiiree Indaasillaaseetti, Hogganaan Qorannoo Yakkaa, Itti Aanaan Inispeekteraa Abrahaa Ar'aayaa, qorannoon kan gaggeeffame lakkoofsa namoota miidhamanii, akkaataa yakki itti raawwatamee fi galmeewwan shakkamaa irraatti irratti xiyyeeffateeti jedhan.
Akka poolisiin ibsetti, shakkamaan kun Tasfaay Gabriyohaannis Waldagabri'eel jedhamuun beekama.
Kanaan dura qonnaan bulaa ture. Boodarra ammoo gara magaalaa Shiiree dhufee hojii guyyaa fe'umsaa fi buusuu irra hojjechaa ture.
Manni Murtii Godina Kaaba Dhihaa Tigiraay yakkamaa kana yakka ajjeechaa kana dura raawwateef hidhaa waggaa 22 adabee akka ture poolisiin himeera.
Haa ta'u malee, waggaa sadii qofa erga hidhame booda yeroo waraana Tigraay, Fulbaana 2019 yeroo hidhamtootni kaan mana hidhaa Maqalee fi Shiiree keessaa gadhiifaman innis isaanuma waliin bahe jedhe poolisiin.
Yakki ajjeechaa hagasii akkamiin raawwate?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Itti Aanaan Inispeekterii Abrahaa Ar'aayaa akka BBCtti himanitti, shakkamaan kun erga mana hidhaatii gadhiifamee booda ji'oota Onkololeessaa fi Sadaasaa bara 2019 keessatti dubartoota shan gara jabinaan ajjeesuu fi mucayyoo waggaa sagal tokko butuu isaa qorattootatti himeera.
Ajjeechaa bara 2015 keessa raawwatee irratti murtaa'e dabalatee, hanga ammaatti lakkoofsi dubartoota ajjeesee jahaa tahuu fi mucaa waggaa sagalii butuu isaa amaneera. Garuu daa'imni kun eessa akka jirtuu fi lubbuun jiraachuu ishee hin baramne.
Akka tartiiba yeroo poolisiin dhiyeessetti, shakkamaan kun jalqaba irratti Onkololeessa 5 mucayyoo waggaa sagal taate Aanaa Tahitay Qoraaroo, ganda Tabiyaa Salaam, ganda Maay Dumuu jedhamu keessaa mana jireenyaa isaanii deemuun bute.
Sana booda haadha mucayyoo sanaatiin, "Intala kee deebifachuuf qarshii kuma 40 qabadhuu koottu," jechuun magaalaa Shiiree keessatti naannoo Mana Kiristaanaa Sillaasee jedhamutti beellame.
Haati mucayyoo sanaa qarshii qabattee yeroo deemtu shakkamaan sun ishees ajjeesee qarshichas akka irraa fudhate poolisiin ibseera.
Haa tahu malee mucayyoon butamte eessa akka jirtu hanga ammaatti hin beekamu.
Shakkamaan kun mucayyoo sana nama biraatti dabarsee kenneera jechuun qorattootatti himeera.
Haa ta'u malee, ragaan hanga ammaatti walitti qabame mucayyoon sun lubbuun jiraachuu dhiisuu akka dandeessu yaaddoo uumeera jechuun poolisiin ibseera.
Mucayyoo sanaa fi namoota yakkicha irratti isa waliin hirmaatan jedhamuun shakkaman barbaaduuf hojiiwwan qorannoon itti fufuu poolisiin himeera.
Qorattoonni akka jedhanitti, shakkamaan kun yeroo wal fakkaatu keessatti magaalaa Shiireetti dubartoota biroo afur ajjeefaman irratti shakkamtoonni biroo hirmaachuu amaneera.
Shakkamaan kun dubartoota kanneen osoo hin ajjeesiin dura akka isaan gudeedaa ture poolisiin himeera.
Qorattoonni akka jedhanitti, shakkamaan kun dubartoota keessaa tokko tokkoof waadaa sobaa galee akka itti dhiyaate amaneera.
Reeffi dubartii tokkoo kan argame, shakkamaan kun erga qabamee booda bakka reeffi sun jiru qorattootatti waan agarsiiseefi jedhe poolisiin.
Itti Aanaan Inispeekteraa Abrahaa akka BBCtti himanitti, qorattoonni ragaa dabalataa walitti qabuu fi miidhamtoonni yookaan shakkamtoonni biroo dhimma kana waliin walqabatan jiraachuu isaanii qulqulleessuuf qorannoo isaanii itti fufaniiru.
Ajjeechaan kun hawaasa naannichaa keessatti rifannaa guddaa uumeera.
Qorannoon kan itti fufe yoo tahu amma to'annoo poolisii jala jira.

Akkamiin to'annoo jala oole?
Poolisiin akka jedhetti dubartoonni afur Shireetti ajjeese bunaa fi shayee danfisanii gurguru.
Innis bakka hojii isaanii guyya alama sadii dedebi'ee deemuun booda bilbila isaanii fudhataa ture jedhe poolisiin.
Shakkamaan kun dubartoota kanneen beellamee qofaatti waamaa ture. Yoo deemuu didan ammoo yeroo namni hin jirre ilaallatee ganama ykn galgala bakka hojii isaanii deemaa ture jedhe poolisin.
Duraan lola ykn haloo homaa udbartoota kanneen waliin akka hin qabne poolisiin himeera. Garuu yeroo dubartoota jaalalaaf gaafatu tole waan isaaf hin jenneef yakka kana isaan irratti raawwachuu himeera jedhe poolisiin.
Eeeruu hawaasaan ji'a Sadaasaa keessa to'annoo jala kan oole yoo tahu albee ittiin ajjeesaa turee fi dhiiga qabu waliin akka argame poolisiin himeera.
Yaadannoo inni waliin qabes galmee namoota ajjeesuuf karoorfatee qaba jedhe poolisiin.
Isaan keessa loltoota, gaazexeesitootaa, abbootii seeraa fi poolisoota ajjeesuuf karoora akka qabus ibseera.
Maqaa fi lakkoofsi dubartoota 15 inni ajjeessee fi fuulduratti ajjeesuuf karoorfatee, maqaa namoota mana hidhaatti kana dura beekuu, falmitoota mirga namoomaa fi polisootaa tarree yaadannoo isaa kana irratti argamu jedhe poolisiin.
Mootummaan naannichaa yakkamtoota kana dura mana hidhaatii akkasumaan gadhiifaman deebisee to'achuufis hojjechaa akka jiru poolisiin BBCtti himeera.


























