Arsenal Amajjitti Kiruuppii fudhachuu barbaaduu fi oduu jijjiirraa biroo

Juuniyeer Kiruuppii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingilaand, Arsenaal, jijjiirraa taphattootaa Amajji dhufu keessa banamuun sarara fuula duraa (sarara jifannaa) isaa jabeeffachuu barbaada.

Jijjiirraa taphattootaa ganna darbe tureen ija isaa taphattoota bebbeekamoo warra akkaViniishiyees Juuniyeer fi Yuliyaan Alvaarez irra godhatee yaalaa turus osoo hin milkaa'iin hafeera.

Taphattoota sarara duraa qaba ture warra akka Liyaandiroo Tiroosaard, Gabreel Jeesus, Gabreel Maartineel dabarsee kan gurgure Arsenaal Kiristoos Zoolis qofaa mallatteesse.

Amma qaawwa kana guuttachuuf taphattoota Amajji keessa fudhachuuf abbalaa jiru keessaa tokko Elii Juuniyeer Kiruuppiidha.

Taphataan Bornimaawoz umuriin isaa waggaa 20 kun kanaan duras maqaan isaa Arsenaal waliin ka'aa tureera.

Haata'u malee, kilaboonni gurguddoo warri akka Baayer Muniik fir Paariis Seent Jarmeen (PSG) taphataa kana Arsenaal harkatti qabuun fudhachuuf dorgomaa jiru.

Taphataan lammii Turkii yeroo ammaa kana Juuventuusiif taphataa jiru Kenaan Yildiiz akkuma kana Arsenaaliin hawwatamaa jira. Taphataa umuriin isaa waggaa 21 ta'e kana waqitii jijjiirraa darbe keessas fudhachuuf gaafachaa ture Ze Gaanars.

Haata'u malee, ammatti xiyyeeffannaa manaajera Arsenaal, Mikeel Arteettaa filannii jifattootaa cimsachuu irrattidha.

Bara dorgommii kana keessa mo'achuu dadhabee gaaga'ama keessa kan jiru Maanchester Yunaayitid taphataa lammii Giinii yeroo ammaa Boorsiyaa Doortimandiif taphatu Serhoo Guurisaay kan umuriin isaa waggaa30 ta'e, taphataa lammii Ingilaand sarara gidduu umuriin isaa waggaa 21 Joob Belingihaam, taphataa sarara gidduu Jarman umuriin isaa waggaa 26 ta'e Feliiks Nimeechaa, akkasumas taphataa sarara ittisaa Siwiidin umuriin isaa waggaa 24 ta'e Daani'eel Siveenson dhimmee soqaa jira.

Karra eegaan Biraayiten bara kana gooliin osoo irratti hin lakkaa'amiin turuun Daavid Raayaa morkataa kan jiru Baart Verbiruugen amma umuriin isaa waggaa 24 yoo ta'u, carraa gara Riyaal Maadiriiditti jijjiiramuun isaa jiraachuu hin oolu jedhamaa jira.

Joob Belingihaam
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Barana gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa kan jiruu fi Piriimer Liigii irratti sadarkaa sadaffaarra kan jiru Biraayiten ammoo karaa biraan sarara ittisaa isaarratti taphataa ol adeemaa Poorchugaal umuriin isaa waggaa 18 fudhachuuf barbaadaa jira.

Taphataan kun kilaba La Liga Ispeen, Baarseloonaatiins hawwatamaa jira.

Sanderlaand bara kana taphoota hanga ammaa taphatamaniin hedduu milkaa'aa hin jiru.

Amma Piriimer Liigii keessatti sadarkaa dhumaarra jira. Hiree kilabichaa jijjiiruuf jijjiirraa amajji dhufu keessa leenjisaa isaa Reejiis Le Biriis'f deeggarsa maallaqaa taasisuuf karoorfateera.

Kilaboota barana taphoota hanga ammaa gaggeeffamaniin hedduu milkaa'aa hin jirre keessaa tokko Notingihaam Forestidha.

Sababa gahumsa dhabuu kilabichaatiin dhiibbaa jala kan jiru leenjisaan garee kanaa Oliiver Gilaasinar, walga'ii dirree leenjii irratti taphattoota isaa waliin taasiserratti isaanirraa deeggarsa akka argatu itti himameera.

Taphattoonni kunneen leenjisaa bara darbe Kiristaal palaasirraa gadhiisee dhufe kana 'jabaadhu si waliin jirra' ittiin jecha ajiru.

Kilaboonni Piriimer Liigii baayyeen taphataa Seltaa Viigoo sarara ittisaa lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 23 ta'e Jaavii Roodiriigez duukaa bu'anii hordofaa jiru.

Kilabni La Ligaa, Atileetiikoo Maadiriid ammoo garee isa abara dhufu cimsachuuf jecha taphataa sarara gidduu Almeeriyaa lammummaan isaa Sarbiyaa ta'ee fi umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 21 irra jiru Isteefan Zoodich mallatteessifachuuf yaada ajiru.