KALLATTIIN , Ameerikaan filannoo walakkeessa har'a gaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana bante

Ameerikaan Odola Qeshm Iraan Ulaa Hormuuz keessa jirturratti haleellaa banuu aanga'oonni US miidiyaa US keessatti michuu BBC ta'e CBS'tti himan. Ejensiin oduu mootummaa Iraan IRNA akka gabaasettis odola kanarratti wixata dhohinsi baayyeen dhaga'ameera.

Guduunfaa

  • Chaayinaan carraaqqii Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gooti ni deeggarti -Waang Yii
  • Haleellaa Raashiyaan wiirtuu gargaarsaa Yukireen irratti raawwatteen namoonni 26 ajjeefamuun ibsame
  • Ameerikaan filannoo walakkeessa har'agaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana bante
  • Sudaan Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himatte
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yugaandaan Ittaanaa ajajaa waraanaa duraanii hiite, gulantaa isaas mulqite

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Yugaandaan Ittaanaa ajajaa waraanaa duraanii hiite, gulantaa isaas mulqite

    Yugaandaan Itti aanaa ajajaa waraanaa duraaanii fi gorsaa pirezdantii Piitar Elwaluu hiite. Qondaalli kun gochaawwan biyyattii jeeqan keessatti hirmaate jechuun hiite.

    Dubbii himaan waraanaa Kiriis Maagezii jedhetti Elwaluun qondaala "jeequmsaa" jechuun ibse kun Wixata waaree booda kan hidhame yoo ta'u, himatamee mana murtiitti ni dhiyaata jedhamee eegama.

    Labsiin hidhaa kun kan irratti dabre erga hogganaan waraana biyyattii, Muhuuzii Kaayinurugaabaa, dhiyeenya kana Eeliwaluu irraa sadarkaa Liwuteenaant Jeneraalummaa fudhachuun gara dhuunfaatti gadi buusuu isaa labsee guyyoota muraasa boodadha.

    Eelwaluun yakka kanaan wal qabatee yaada dhiyeesse hin qabu. Eelwaluun bara 2016 keessa weerara waraanaa masaraa mootii naannichaa socho’aa ture bittinsuun beekamtii argate.

    Sana booda hogganaa waraanaa ta’ee muudame. Itti aanaa hogganaa raayyaa ittisa biyyaa erga ta’ee booda gorsaa pirezidantii ta’ee muudame.

    Caamsaa 2024 keessa, mootummaan Ameerikaan sarbama mirga namoomaa, dabalataan ajjeechaa seeraan ala humnoota mootummaatiin raawwatameen qoqqobdee turte.

    Eelwaluun Hagayya 2025 keessa waraana irraa soorama bahe.

    Wixata, dubbii himaan waraanaa Yugaandaa akka jedhetti humnoonni nageenyaa dhiyeenya kana sakatta'iinsa raawwataniin qawwee 15, uffata waraanaa fi konkolaattota piikaappii lama argachuu himan.

  2. Haleellaa Raashiyaan wiirtuu gargaarsaa Yukireen irratti raawwatteen namoonni 26 ajjeefamuun ibsame

    Bakka haleellaan barbadaa'e

    Haleellaa Raashiyaan wiirtuu rabsaa gargaarsaa Yukireen irratti raawwattee fi rukkuttaa boombii Pirezidant Voloodmiir Zeleniskiin "baayyee hamaadha" jechuun ibseen yoo xiqqaate namoonni 26 ajjeefaman.

    Balaan kun kan mudate yoo xiqqaate boombii sagala ulfaatina kiiloogiraamii 3,000 qaban ganda Komiishuvaakaa jedhamtu naannoo kibba Zaaporiiziziyaa keessatti argamtutidha.

    Haleellaa kana hordofee jalqaba namoonni 27 dhabamanii akka turee fi namoonni shan akka madaa'an bulchaan nananichaa Mikaayiloo Seemiikiin dubbateera.

    Zeleniskiin akka jdhetti, mana barumsaa nananichaa hojii gargaasa namoomaatiif oolu ture irratti haleellaan jalqabaa erga raawwatamee booda, bakka namoonni dahatanii turan irratti haleellaan lamaffaan raawwatameera.

    Zeleniskiin haleellaa Wixataa kanaan booda viidiyoo boolla bal'aa uumamee fi yeroo dirooniiwwan lubbuu baraaran lafa caccabaa sana keessa sakatta'an agarsiisu qoodeera.

    Waraanni Raashiyaa dhimma kanarratti hanga ammaatti yaada omaa hin kennine.

    Zeleniskiin jalqaba lakkoofsa namoota du'anii 18 yoo ibsu, boodarra tajaajilli yeroo balaa Yukireen ammoo hojjettoota yeroo balaa lamaa fi miseensota poolisii afur dabalatee namoonni 24 du'uun isaanii mirkanaa'uu beeksisee ture.

    Zeleniskiin ergaa Wixata darbe karaa viidiyootiin dabarseen ammoo, "akka odeeffannoo hanga ammaa jiruutti namoonni 26 du'uun isaanii beekameera," jechuun dubbateera.

  3. Chaayinaan carraaqqii Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gooti ni deeggarti -Waang Yii

    Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii biyyi isaa carraaqqiiwwan Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gootu ni deeggarti jedhe.

    Dubbii Barreessaa Itti-aanaa Mana-maree Nageenya Biyyaalessaa Ol-aanaa Alii Baagherikaanii waliin wal arguun dubbatee, Chaayinaan qaamolee hunda walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaa keessatti hirmaatan hunda furmaata siyaasaa fiduurratti akka xiyyeeffataniif waamicha ni gooti jedhe Waang.

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinping Wixata Sulxaana Omaan, Hayitaam bin Taariq Al Sa'id waliin wal arguun Bahi Giddugaleessaa fi Galoon Galaanaa dirree morkii biyyoota gurguddoo addunyaa ta'uu hin qabu jedhe.

    Ibsa waloo walga'uun booda baasaniin Omaan yaada nagaa Baha Giddugaleessaa Chaayinaan dhiyeessite deeggaruun, Beejing naannicha keessatti tasgabbiin waaraa akka jiraatuuf gahee kana caaluu fi mul'atu akka taphattu abdii ibsiteetti.

    Chaayinaan Iraan irraa biyya hunda caalaa boba'aa bitattuu fi michuu dinagdeeshee eenyurrayyu itti aantudha.

    Beejing haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti raawwatan, akkasumas qoqqoobbiiwwan Waashingiten irra keesse balaaleffatteetti.

    Ulaa Hormuuz karaa dippilomaasiitiin dubbatanii banuun barbaachisaa ta'uu cimsitee kan dubbatte Chaayinaan, dhukaasni akka dhaabbatuufis waamicha dhiyeessiteetti.

  4. Ameerikaan filannoo walakkeessa har'a gaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana bante

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Ameerikaan Odola Qeshm Iraan Ulaa Hormuuz keessa jirturratti haleellaa banuu aanga'oonni US miidiyaa US keessatti michuu BBC ta'e CBS'tti himan. Ejensiin oduu mootummaa Iraan IRNA akka gabaasettis odola kanarratti wixata dhohinsi baayyeen dhaga'ameera.

    Aanga'oonni US haleellaan kun murtaa'aa akka ta'e himuun deebii Eegdonni Warraaqsaa Rippabilika Islaamaa Iraan xiyyaara US irratti dhukasaniif kenname ta'uu ibsaniiru.

    BBCn waraana US oppereeeshii Baha Giddugaleessaa keessatti gaggeeffamuuf itti gaafatamaa ta'e Ajajaa Giddugaleessaa US (Centcom) yaada akka kennuuf qunnamee ture.

    Haleellaan kun filannoo walakkeessaa US Rippabilikaanota moo Dimokiraatotatu Kongiresii akka to'atu murteessu gaggeeffamuu durseeti.

    Tiraamp waraana kana akka dhaabuuf hanqinni sagalee fi paartii isaa keessaa dhiibbaan irratti taasifamaa jira.

    Ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kenneen Iraan irratti haleellaa jabeessuuf "akka hin ariifanne" ibsee ture.

    "Karaa tokkos ta'e karaa biraan waan ta'e ni goona. Haata'u malee hin ariifannu. Maallaqaan isaan butuchineerra," jechuun dubbate.

    Turtii Fox News waliin taasiseen akka ibsetti, saganataa nukilaraa Iraan waliin hidhata kan qabu Piikikaas irratti xiyyeeffatamuu danda'a.

    "Waan guddaa miti, sa'aatii tokko keessatti raawwatamuu danda'a," jedhe.

    Filannoo walakkeessaan booda Ameerikaan Iraan irratti haleellaa ni gaggeessite yoo ta'eef gaafatamee "gonkumaa" jechuun deebii kenne.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii IRNAtti akka dubbatetti, waraana kana dhaabuudhaaf karaa jaarsoliitiin Ameerikaa waliin "mariin baayyee bal'aa" gaggeeffamaa jira.

  5. ASHAMAA!

    Oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Ameerikaan filannoo walakkeessa har'agaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana banuu...

    Sudaan Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himachuushee...kanneen jedhaniifi odeessaalee kaan karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!