Arsenaal waggaa 14 booda yeroo jalqabaaf Liiverpuuliin dirreesaarratti injifachuurratti waan jedhame

Madda suuraa, Getty Images
"Guyyichi har'a ta'uu qaba."
Kun manaajera Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha Anfiild irratti Liiverpuuliin 1 fi 0n injifachuu dura dubbii dubbatedha.
Arsenaal tapha Priimer Liigii torban 9ffaa gara dirree Liiverpuul deemee goolii Kaay Haavertiz lakkoofsiseen mo'atee deebiyeera.
Amma Ze Gaanars qabxii sadiin Maanchester Siitii caalee Liigicha qabxii 24'n dursaa jira.
Arteettaan waa malee 'guyyaan isaa har'a' hin jenne. Seetooti jira. Waggaa 14 dura bara 2012 yeroo Arteettaan Amballii Arsenaal ture Anfiild irratti 2 fi 0n mo'atan. Erga sanaa as taphoota 16 Anfiild irratti taphateen Arsenaal hin mo'atiin ture.
Mikeel Arteettaan sarara ittisaa tolchuun kubbaan kubbaa gama Liiverpuul irraa itti roobu hulluuqsisuu hin dandeenye.
Liiverpuul gola Arsenaal keessa hedduu dhidhiitan, kubbaa hedduus ceesisaa oolan. Haata'u malee, kubbaa goolii ta'u garuu kallattiin tokkollee osoo hin yaaliin bahan.
Arsenaal qaanii torban darbe Kilaba Liigii lamaffaa ta'e Filiitwood Taawon tapha Karabaawoo Kaappii irratti mo'ameen isa mudaterraa dhufee ajaa'iba hojjete.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Arteettaan akka jedhattis, kilaba gadi aanaa ta'e kanaan mo'amuun taphattoota isaa seetoo keessa galchee Liiverpuuliin akka mo'ataniif cichoomina itti uumeera.
"Akka malee gammadeera. Waggaa 14 turre, kun dheeraadha," jedhe Arteettaan tapha kana booda.
"Har'a nama kamiyyu kilaba kana deeggaran akka malee akka gammadan gooneerra jedheen amana. Mo'achuu keenya qofaan miti, akkaataan itti mo'annee fi cimina agarsiisneenis akka [kilabichaan] boonan gooneerra.
"Keessumaa guyyoota afur dura yeroo kilaba mo'achuu qabduun mo'amtee morkii waancaa keessaa baatee booda [tapha guddaa kanatti dhiyaattu] maaltu akka ta'u yeroo yaaddu ulfaataadha. Tapha kanas wanti raajii godhe isa kanadha. Guyyaa afur booda garuu seenaa hojjenne."
"Walumaa galatti, kilaba waan fedhe gochuu danda'u miira gaabbii Filiitwuudiin mo'amuu keessaa dhuftee mo'achuun, kan kilabiin mo'ataa ta'e gochuu qabudha."
Tapha dursee taphataan sarara ittisaa gidduu Arsenaal Gabreel Arsenaaliin "falmii guddaaa" fi "sardama guddaatu" Liiverpuulirraa isa eeggata jedhee ture.
Tilmaamni isaas sirrii ture. Arsenaal boqonnaa dura irraa kaasanii duubatti deebiyanii ittisuurratti bobba'an.
Walakkaa boqonnaan boodarraa kaasee hanga tokko tasgabbaa'anillee, Arsenaal hanga dhumaatti cimanii karra isaanii waan eeggataniif Liiverpuul kubbaa tokkollee kallattiin osoo irrati hin yaaliin xumurameera.
Bara kana keessa taphoota ja'a irratti gooliin osoo irratti hin lakkaa'amiin dabarsaa kan jiru Ze Gaanars, Liiverpuul waliin garaa garummaa qabxii sagaliirra jira.

Madda suuraa, Getty Images
'Tokkummaan keenya hin injifatamu'
Taphoota 9 keessaa qabxii 24 qabaachuun garee kamiifiyyu seenaa guddaadha. Bara dorgommii 2022-23 Arsenaaluma ture rikkardii kana galmeessee kan ture.
Bara dorgommii 2004-05 fi 2007-08 keessa sadarkaa kanarratti Piriimer Liigii keessatti qabxii kanaa ol sassaabbatee kan ture Arseenaalumadha.
"Kilaba keenyaaf kun waan guddaadha," jedhe goolii ittiin moa'atan kan argamsiise Kaay Haveertis taphaan booda yaada kenneen.
"Taphoota 13 ta'eera [tapha Piriimer Liigiin asitti osoo hin mo'atiin], kun waan salphaa miti, deeggartoota kana eeganiifis kan maludha. Waan isaan eegan isaan gonfachiisuu keenyaaf gammdneerra."
"Kun amala Anfiild keessaatti baramedha, waan gareen Liiverpuul gochuu danda'u keessattidha, kun kan istaadiyeemiin kun sirratti hojjetu keessattidha," jechuun dubbate Dekilaan Raayis. "Kubbaa walirraa hin cinne uumuun [hafuura kutaa] ture.
"Waggoota 14f asirratti mo'annee hin beeknu. Haleellaa walirraa hin cinne ture garuu hanga dhumaatti waliin dhaabbannee waan ittisneef tokkummaa nuti qabnu isa mo'atamu miti. Kanan kanaan dura argee beeku miti," jedhe Raayis.
Kubbaa Kaay Haveertis galche mijeessee kan kenne Dekilaan Raayis, taphataa filatamaa morkii kanaas ta'ee filatameera.
Raayis bara kanas taphataa Arsenaal cimina addaa agarsiisaa jiru ta'uun, hanga ammaatti kubbaa gooliif ta'an shan mijeessee kenneera.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal injifannoon akka harkaa hin baanetti of cimsaa jira
Arsenaal bara kana kan bara darbe shaampiyoonaa ta'e yeroo wal fakkaataa taphoota sagaliin booda qabxii lamaan caaleera.
Ze Gaanars ammallee sarara fuula duraa irraa goolii lakkoofsisuurratti hanga barbaadame miti. Taphoota sagal irratti goolii 14 lakkoofsisan.
Tapha Liiverpuul waliin ture kanarratti Arteettaan sarara fuula duraa irratti bakka Bukaayoo Saakaa miidhamaan dhabee, Maaks Doowmaan ammoo tapha Filiitwood irratti kaardii diimaan dhorkamee, Kiristoos Zoolis ammoo reefuu miidhamarraa deebiyee, akkasumas Viktor Giyookrsh fi Kaay Haveertis ga'umsa gaarriirra gahuuf wallaansaarra waan jiraniif filannoo gaha ahin qabu ture.
Haata'u malee, sarara ittisaa Arsenaal tuuta bulchaatoodha.
Sararri ittisaa Arsenaal kun bara darbe goolii 27 qofatu irratti gale. Bara kanas sararri kun Saliibaan miidhamaan turus ittuu cimaa dhufeera.
Liiverpuuliin dirree isaarratti mo'uun maal akka ta'e kan gaafatame Arteettaan, "Ani baayyeen itti boone, kun waan ati milkeessuu barbaaddudha," jedhe.
"Wanti rakkisaa akkasii kunii fi ergamni kana fakkaatu waan milkeessuu barbaaddudha. Waan kanaan dura waggoota dheeraaf hin milkeessine milkeessuu nan jaalladha."
"Dirreetiin alatti Chelsiirrattis waanuma akkasii goone, Maanchester Yunaayitd waliinis dirreen alatti kanuma goone. Kanneen hunda mo'achuun kaayyoo fi kaka'umsa waan gochuu qabnu goonudha."























