Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bakka ajaa'ibaa Chaayinaan gaggeesitoota Addunyaa itti keessummeessaa jirtu
Wanti isin hin argine kunooti
Shenziin, magaalli Wiirtuu hubannoo namtolchee taatee fi 'Magaala Abjuu dhalootaa' jedhamuun beekamtu yeroo dheeraaf bakka carraa hedduu qabdu.
Huwaang Shu'aan Umriisaa waggaa 27tti abjuu Chaayinoota hedduu jiraachaa jira.
Magaala Shenziitti kan argamu dhaabbata Roobootii hubannoo namtochee keessatti mahaandisa ta'ee hojjechaa jira. Magaalli kibba bahaa Chaayinaatti argamtu kuni hubannoo namtolcheen, Rohobootiksiinii fi kalaqawwan mana keessatti hojjetaman wiirtuu teeknolojii ijoodha.
Diroononni irbaata siniif dhiheessuuf qilleensarra bahu, konkolaattonni shufeera maleeyyiin muuziqaa sinii bananii isin bashannansiisaa bakka imala keessanii isin geessu, Robootonni ammoo kaappuchuunoo qofa isiniif hin dhiheessan, akkaataa dhufaatii ija bunaas isinitti himu.
"Sheenzinitti waan raajii tokko hojjenneerra dargaggoonni hedduun Chaayinaarraa miiraa fi abjuu isaanii qabatanii garanatti yaa'aa jiru" jedha Huwaang Roobootota hubannoo namtocheen hojjetaman buna danfisaa fi Cheezii taphataniin marfamee.
Amma Roobootota hunda caalmaatti abshaala gochuuf yaalii taasisuudhaan guyyaasaa dabarsaa jira.
Chaayinootni magaala Sheenzii tana magaala Abjuu keenyaa jechuun waamu. Magaalli tuni magaalota Chaayinaa baayyee dureeyyii ta'an keessaa tokko yoo taatu, Magaala hongkoong irraa fageenya dhihoorratti argamti.
Magaala Abjuu keenyaati jedhanii dargaggoonni akka yaadan kan godhe ammoo mul'ata Pirezedaant Shii Jinpiing Chaayinaaf qaban irraa kan madde. Shenzitti Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Pirezedaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin walgahiidhaaf torbee kana argamaniiru.
Magaala kana kutaanshee hin mul'annelleen jira. kutaa magaalatti gamoo samii jala ijaajjan keessaa gara Shajing yeroo konkolaataan imaltan bakka madda meeshaalee Elektirooniksii hedduu taate argitu. Achiin booda waan Chaayinaatti qorumsa ta'uu malu kan dhufu.
"Namni hundi jireenyi ulfaateera jedha. Warshaalee hedduun warshaa isaanii cufani namootni hedduun carraa hojii dhabaa jiru" jedha hojjetaan hojii ijaarsaa irratti bobba'e tokko.
Chaayinaan wantoota bareechanii hojjechuutiin beekamti. Sheenziin ammoo agarsiituu kanaati. Garuu magaalattiin magaalota Chaayinaa jireenyi qaalii itti ta'e keessaa tokko.
Warshaaleen meeshaalee gara alaatti ergaman irratti fuulleffatu. Dhaabbilee hedduun ammoo omisha dhaabaniiru, sirna ofummeessaan hojjetu hojiirra oolchaniiru yookan ammoo bakka humna namaa rakashaan argatanitti jijjiiraa jiru.
Haalli kuni ammoo namootni hojii dhaabbii hin taane irratti akka hundaa'an godheera. Mindaa xiqqaa fi faayidaa gadi aanaadhaan.
"Sheenzin bakka raajii ta'e miti. Namootni tokko tokko akka waan Sheenzidhaa warqeen hammaaramuutti yaadu. Magaala salphaatti keessa jiraatamu miti. Yoo cimtee hin hojjenne homaa hin qabaattu" jedhe konkolaachisaan Taaksii maqaansaa akka eeramu hin barbaanne.
BBC'n fuula nama dinagdee Chaayinaa irratti mul'atu kana xinxaaluuf guyyootaaf Sheenzi keessa naanna'ee ilaale.
BBC'n fuula nama dinagdee Chaayinaa irratti mul'atu kana xinxaaluuf guyyootaaf Sheenzi keessa naanna'ee ilaale.
Gama tokkoon hojii abdacxhiisaa gama hubannoo namtolcheetiin hojjetamaa jiru, gama kaaniin ammoo hojjettopota carraa hojii dhabuu yaadda'aniifi hiree fuulduraa isaaniitiif dhiphatan.
Dhaabbata Teeknolojii DeeksiFoorsi jedhamu keessatti guyyaan roobii guyyaa Sanduuchii fi Shaayiiti.
Huwaang akka jedhutti, gara fuuladuraatti Roobootonni hojiiwwan balaafamoo fi irra deddeeebii qaban dalaguudhaan dhala namaa caalaa namooma tajaajiluuf jiru.
Namoota boolla keessatti hojii albuuda baasuu hojjetaniif shaayii dhiheessuu, hojiiwwan laaboraatoorii keessaa fi maashinoota namaan socho'aniif qorumsa ta'an hunda hojjetuuf jiru.
Isaaf Sheenzin amma Ameerikaa kan biraa taateetti. Sababni isaas akkuma US keessaa dargaggoonni hedduun abjuu isaanii faana dhahanii qabeenya horachaa waan jiraniifi.
Shiin Chaayinaan Teeknolojiidhaan akka addunyaa dursituuf hojii hojjechaa jiran keessatti kan isaan dhagahuu barbaadan waan akkanaati. Chaayinaa Maanufaakchariingiidhaan akka dursitu qofa miti kan fedhan, daran ceesisuu barbaadu.
Hojjettoonni Chaayinaa Miliyoona 200 ta'an humna hojjetaa waliigalaa keeessaa harka 40 kan ta'u, amma hojii yeroodhaaf madda galii qabu hojjetu.
Hojjettoonni hojii meeshaalee maamilatti geessuu irratti hojjetan amma hojii yeroo hojjechuu irratti xiyyeeffatanii jiru sababnisaas amma warshaalee keessatti carraan hojii hir'ataa waan deemeefi.
"Amma haala jiru waliin madaquu qabna. Haalli jiru fedhii keenya akka guutu osoo hin taane nutu haala dhufe kanatti madaqee hojjechuu qaba" jedha konkolaachisaan tokko.
Konkolaachisaan biraan ammoo amma filannoo xiqqaa qabaachuu hima. "Ijoollee laman guddisa. Kanaaf jecha hojjechuu dhaabuu hin danda'u. waan biraa yaaduufuu yeroo hin qabu" jedha.
Hojiin dhaabbiidhaan hojjetamu nageenya hawaasummaatiif kanfaluu, sooramaaf kanfaluu ofkeessaa qaba. Kunimmoo waan argattu gadi xiqqeessa. Hojiin yeroo garuu harkaa harkatti waan argatte fudhattee galta jedhu.
Cehumsi waan hin oolledha
Diroononni bakka 'Talent Paark' jedhamuun beekamu kanarra asiif achi balali'u. ajaja fudhatu, waan ajajame maamilaaf fidanii deebi'u. Tuuristoonni taatee kana bilbila isaanitiin waraabu.
"Kuni raajiidha. Teeknolojiin waan addaati. Biyya keenyattis osoo kan akkana jiraateen hawwa" jedha Tuuristiin Kaanaadaa irraa dhufe.
Bunni Yuwaanii shaniin ajajatan daqiiqaa 15 keessatti diroonii ajaja kiyya fudhatee bunakoo naafide jedha.
"waggoota dheeraan dura Magaalaan Sheenzi magaala Qurxxummii itti kiyyeessan akka taaten dhagahaa ture. amma magaala qurxummii itti kiyyeessan miti" jedha Veetinaam irraa kan ta'eefi yeroo dirooniin aannan innii fi haati warraasaa ajajatan balali'aa fidee dhufu miira koflaan.
Yeroo halkaniis diroononni kunneen hojii qabu. yeroo namootni kumaatamaan lakkaa'aman bakka paarkiitti shubbisan namootni amala gaariin akka bashannananii fi hokkora akka hin uumne akeekkachiisa dabarsu.
Gamoowwan samii jala gahaniin gamatti ammoo teessoowwan pilaastikaan hojjetamanirra manneen nyaataa nyaatni rakasaan itti gurguramu jala namootni hedduun tataa'anii fayyadamu.
Daandii guddaarra manneen nyaataa gatii qaalii ta'antu jira. abbaan qabeenyaa mana nyaataa tokko akka jedhutti amma maamilli isaanii harka 70 gadi bu'eera. Kanaaf sababni ammoo hojjettoonni gatii qaaliin irbaata nyaachuu dhiisuudhaa.
Hojjettoonni hedduun magaala kana keessatti waggoota hedduu lakkoofsisaniiru. Ogeessi hojii ijaarsaa umrii 58 Wuun, bara 1990 keessa gara Shenzi akka dhufe hima.
Inni hojjettoota miliyoonaan lakkaa'aman kan carraa hojii barbaacha kutaalee biyyaa hiyyeeyyii ta'an keessaa garana dhufan keessaayi. Ammalleen kanneen dhufaa jiran hedduu.
Namootni nuti dubbisne hundinuu bakka ta'erraa garana dhufan. Hedduun isaanii guyyaatti sa'aatii 14 hojjetu, kutaa waliin qooddatanii jiraatu. Maallaqa jiruu isaaniirraa hafu maatii isaanitiif ergu.
Hojjettoota kunneeniif weerarri koovidii yeroo ka'umsaa dhaabbileen maanufaakchariingii hedduun omisha gadi aanaa itti galmeessani.
"Erga weerara koovidiitii asitti mindaan keenya yoo xiqqaate harka sadiin gadi bu'eera. Hojii itti fufeen jira. hamma itti fuftee hojjettetti galii inuma qabaatta. Mindaa guddaamoo xiqqaa kan jedhu gaaffii biraati. Yoo dinagdeen gadi bu'e mindaan keenyas gadi bu'a. yoo guddate keenyas waliin guddata" jedha Obbo Wuun.
Waggoota kurnan darbaniif loojikiin magaala Sheenzi hordoftu tokkodha. Innis jabaadhuu hojjedhu, jiruunkee ni fooyya'a kan jedhu.
Garuu amma yeroo hubannoon namtolchee fi sirni ofummeessaa dabalaa dhufe kanatti loojikiin duraa suni waan hojjetu hin fakkaatu.