Icciitiin imala pirezidaantiin Chaayinaa gara Kooriyaa Kaabaatti taasisan duuba jiru maali?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jinpingiif Kooriyaan Kaabaa ollaa Chaayinaan to'achuu hindandeenye garuummoo dhabuu hinbarbaannedha.

Yeroo baay'ee Chaayinaa fi Kooriyaan Kaabaa hariiroo isaan gidduu jiru "dhiigaan kan utubame" jechuun ibsu. Ibsi kunis Waraana Kooriyaan kan walqabatudha.

Haata'u malee, waggoota muraasaa as walshakkiin biyyoota lamaan gidduu jiru hariiroo biyyoota lamaanii laaffiseera.

Haata'u malee, amma Chaayinaan dhiibbaa ollaashee gama tarsiimoon barbaachisummaa guddaa qabdu garuummoo haallishee tilmaamamuu hindandeenyerratti qabdu guddisuuf yaalaa jirti.

Chaayinaan naannoo daangaasheetti tasgabbii barbaaduusheen dabalataan dhimma niwukilaraa Kooriyaa Kaabaan walqabatee dhibdee keessa seenuu hinbarbaaddu.

Kanaafis daawwannaan Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jinping Kooriyaa Kaabaatti taasisan michummaa caalaa fedhii tarsiimoo akkasumas dhiibbaa biyyasaanii guddisuu kan kaayyefatedha.

Biyyi ollaan isheen biroon Kooriyaan Kibbaa gama isheetiin Shiin dhibdee Kooriyaa Kaabaa fi US gidduu jiruuf biyyisaanii Chaayinaan gahee jaarsummaa akka qabaattu fedhuu akka malan kaastus, Chaayinaan garuu kaayyoo biraas akka qabdu himama.

Diplomaatonni Lixaa BBC'tti akka himanitti, Chaayinaan hariiroo Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa cimaa dhufeen yaaddoonshee dabalaa jira.

Kanaafis Shiin, torbee darbe keessa Pirezidaantii Rashiyaa Vilaadmir Putin erga arganii booda ammammoo hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kom Jong Un argaa jiru.

Hariiroo suuta fooyya'aa jiru

Gadi bu'aa deemuun hariiroo Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa akkaan ifatti kan mul'atu ta'uu baatus mallattooleen agarsiistuu ta'an garuu ni jiru.

Biyyoonni lamaan bara 2024 keessa waggaa 75ffaa hariiroo diplomaasii itti eegalan haalaan hin kabajne. Ergaawwan ayyaanicha ilaalchisee biyyoota lamaaniin darbanis hin mul'anne.

Kana malees Kooriyaa Kaabaatti ambaasaaddarri Chaayinaa ayyaana hundeeffama Kooriyaa Kaabaa ji'a darbe kabajamerratti hin argamne. Hariiroo Kooriyaa Kaabaafi Raashiyaa hoo'aa dhufe walin yeroo madaalamus, waggaa tokko darbe guutuummaatti daawwannaan angawoota olaanoo biyyoota lamaanii gidduutti taasifame hinjiru.

Hariiroon Kooriyaa Kaabaafi Raashiyaa cimaa dhufe kunis Chaayinaa boqonnaa dhorkeera.

Raashiyaan Yukireen erga weerartee booda Kooriyaan Kaabaa waldeeggarsa waraanaa Raashiyaa waliin qabdu cimsiteerti. Biyyoonni lamaan bara 2024 keessa waliigaltee ittisaa waloos mallatteessaniiru.

Kana malees akka qorannoon BBC agarsiisutti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa 2,300 ta'an Raashiyaaf goranii Yukireen osoo lolanuu du'aniiru. Dabalataan Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf rasaasa dhiyeessuun kan komatamtu yemmuu ta'u, Raashiyaarraa immoo boba'afi gargaarsa argatti. Dhimmi kunis US fi michuuwwanshee yemmuu rifaasisu Chaayinaammoo jeeqaa jira.

Chaayinaan waliigaltee ittisaa tokko qofa kan qabdu yemmuu ta'u innis Kooriyaa Kaabaa waliini.

Kanaafis haalli Raashiyaan Kooriyaa Kaabaarratti dhiibbaa olaanaa itti qabaattu waan Chaayinaadhaan fudhatamu qabuu miti.

Haaluma kanaan Chaayinaan hariiroo Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu haaromsuuf sochii taasisaa turteerti. Shii Jinpiing agarsiisa waraanaa biyyisaanii bara darbe taasifterratti Kim Jong Un affeeruun Pirezidaantii Raashiyaa Putin dabalatee ofitti dhiyeessanii mul'ataniiru.

Biyyoonni sadeen waggoota jaha keessatti ifatti yemmuu argan taateen kun isa jalqabaa ture. Shiin "ollaa gaarii, hiriyoota gaarii fi jaallan gaarii hiree waloon walitti hidhaman" jechuun biyyota lamaan leellisan. Kana malees biyyoota sadeen gidduutti qindoominni tarsiimoo akka jiraatu waamicha dhiyeessan. Haa ta'u malee Shiin dhimma meeshaa waraanaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee wanti dubbatan hinturre.

Yunivarsiitii Harvad Giddugala Eeshiyaatti hayyuu kan ta'an Lii Siyong-hiyon, bal'achaa deemuun hariiroo waraanaa Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa gama US, Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaatiin deebii waraanaa cimaa fiduu danda'a jedhu.

Sababni Chaayinaan sagantaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa itti hindeeggarreefis kanuma ta'u hayyichi himu.

Gama biraatiin immoo Chaayinaan sagantaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa mormaa hinjirtu.

Akka fakkeenyaattis bara 2022 yaalii misaa'elaa Kooriyaa Kaabaan walqabatee yeroo Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dursummaa US'n biyyattiirratti qoqqobbii haaraa kaa'uuf jedhu Chaayinaa fi Raashiyaan mirga sagalee sagaleen kuffisuu isaanitti fayyadamuun wixinee dhiyaate kuffisaniiru.

Michuu bu'aa qabatamaa

Kim Jong Un biyya madda deeggarsaa isaa isa olaanaa taate ofirraa fageessuus hindanda'u.

Al-ergiin Chaayinaan gara Kooriyaa Kaabaatti ergitu bifa waggoota jahaaf mul'atee hinbeekneen bara darbe keessa doolaara biliyoona 2.3 gaheera. Kana malees baaburri geejiba imaltootaa Beejing fi Piyongyaang gidduu waggoota jahaaf adda citee ture jalqaba bara kanaarratti eegaleera.

Kuni hundi qaama tattaaffii Chaayinaan Kooriyaa Kaabaa gara marfata ofiitti deebisuuf taasiftu akka ta'e xinxaltoonni himu.

Gama biraatiin immo hariiroon kun Kim Jong Unif filannoo bu'aa qabatamaarratti hundaa'edha. Waraanni Yukireen keessaa kan xummuramu yoo ta'e deeggarsi Raashiyaan Kooriyaa Kaabaarraa barbaaddu ni dhaabbata yookiin ni xiqqaata. Kanaaf Kim Jong Un biyya biyyoota lixaan loogamte Raashiyaatti maxxananii hafuurra biyya hidhata diplomaasii idil addunyaaa fooyyee qabdu Chaayinaa waliin hariiroo tolfachuu fedhu.

Gama biraatiin Kim Jong Un gara aangootti erga dhufanii booda hariiroon Chaayinaa waliin qaban bu'aa bahii heddu keessa darbus bara 2018 booda ture kan hariiroosaanii fooyyessuuf sochii taasisuu eegalan.

Waqtii sanatti qoqqobbiin sagantaa niwukilaraashee hordofee Kooriyaa Kaabaarratti kaayame diinagdee Kooriyaa Kaabaa akkaan miidhuu jalqabe.

Yeroo kana ture hogganaan biyyattii baabura yaabbatanii gara Beejingitti kan imalan.

Itti aansunis Kim Jong Un hoggantoota biyyoota akka US fi Kooriyaa Kibbaa waliin wal arganis yeroo hunda garuu dursa Chaayinaa mariisisanii wal argu. Kunis ergaa Kooriyaan Kaabaa deeggarsa Chaayinaa malee hinmari'attu jedhu ofkeessaa qaba.

Amma Kooriyaan Kaabaa Chaayinaaf akka daangaa bal'aa akkasumas ba'aatti ilaalamti. Biyyattiin loltoonni Ameerikaa Chaayinaarraa fagaatanii akka turan taasisti. Gama biraatiin garuu yaaliwwan meeshaa waraanaa yeroo yeroon taasiftu naannicha jeequ.

Kim gama isaaniitin eegumsa Chaayinaa ni barbaadu, garuumoo to'annooshee jala ta'uu hinbarbaadan.

Gareen lachuu guutumaan guutuutti wal hin amanan. Garuummoo yeroodhaaf biyyoonni lachuu akka walbarbaadan ni amanu. Kunis gareen lamaan waliin akka dubbataniif sababa gahaadha.