Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bajanni mootummaa federaalaa Itoophiyaa bara 2019 birrii tiril. 2.3 akka ta'u dhiyaate
Bajanni mootummaa federaalaa Itoophiyaa bara 2019 birrii tiriliyeena 2.3 ol akka ta'u Manni Maree Ministeerotaa raggaasise.
Manni Maree Ministeerotaa wal-gahii idilee har'a, taa'een bajanni mootummaa federaalaa bara dhufuu birii tiriliyeena 2.3 ol akka ta'u kan murteesse wixinee bajata mootummaa federaalaa kan bara 2019 irratti erga mariyatee booda ta'uu beeksise.
Manni marichaa yaa'ii idilee 56ffaa taa'e kanaan wixinee bajataa dhiyaaterratti bal'inaan mariyachuufi galtee itti dabaluun murtee kun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti akka ergamu sagalee guutuun raggaasisuus ibse.
Bajanni manni marichaa ragaasise 2,339,268,126,738 (tiriliyeena sadi, biliyeena dhibba sadiifi soddomii sagal, miliyeena dhibba lamaafi jaatamii saddeet, kuma dhibba tokkoofi digdamii jahaafi dhibba torbaafi soddomii saddeet) yoo ta'u, baasiwwan idilee, baasiiwwan kaappitaalaa, deeggarsa mootummoota naannoleefi milkaa'ina misoomawwan garaa garaaf kan ooludha jedhame.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa bajata bara 2018 birrii tiriliyeena 1.93 ramaduun isaa ni yaadatama.
Waajjirri Ministeera Muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti akka beeksisetti, bajjanni mootummaa federaalaa kan bara 2019 kun hojiirra oolmaa bajata bara 2018 irratti hundaa'uni.
"Jijjiirama diinagdeefi hawaasummaa gara fuulduraatti ta'u" akkasmas "galmawwan mootummoonni kaa'atan galmaan gahuuf dandeettii faayinaansii mootummaa akkasumas waajjiraaleen hojii raawwachiiftuu ergamaafi itti gaafatamummaa itti kenname wajjin wal-bira qabamee baasiin barbaachisu erga gamaggamamee booda kan dhiyaatedha."
Itoophiyaan rifoormii maayikiroo ikonomii hojiirra erga oolchitee as diinagdeen biyyattii daqaawwan diinagdee keessaa bahaa jiraachuufi bu'uuraaleen diingadee jabaataa dhufuutu ibsame.