Magaalaa Johaansbergitti poolisiin namicha namoota 12 dhukaasee fixe adamsaa jira
Poolisiin Afrikaa Kibbaa Johaansbergitti nama qubsuma seeraan alaa irratti dhukaasuun namoota 12 ajjeese adamsaa jira.
Poolisiin akka ibsetti, yoo xiqqaate namoonni shakkaman 10 kan kilaashii hidhatan,Kibxata galgalarra gara qubsuma seeraan alaa Jumpers kan naannoo qarqara magaalaa Kiliivlaand seenanii dhukaasa banuu fi, sana booda konkolaataa adiin baqachuu ibse.
Sababni tarkaanfii poolisiin "gara-jabeessa" fi "barbaarummaa" jedheen, kan namoonni biroon sagal itti madaawanii, ammas qoratamaa jira.
Miseensonni hawaasa Jumper's akka amananitti, dhukaasni kun walitti bu'iinsa naannoo gareewwan namoota seeraan ala boba'aa fi albuda baasan naannoo san jiraatan gidduu jiruun wal qabachuu danda'a.
Afrikaa Kibbaa keessatti gochi albuuda seeraan ala baasuu baay'ee dabalaa jira, biyyattiinis addunyaa keessaa biyyoota lakkoofsa ajjeechaa ol'aanaa qaban keessaa takkadha.
Qubsuma seeraan alaa keessatti dhukaasni deddeebi'ee mudatu waan dhimma haaraa miti, yeroo tokko tokko immoo lola gareewwan finciltootaa fi falmii dhuunfaa waliin wal qabata.
"Shakkamtoonni 10 konkolaataa adii Toyota Quantum irraa naannoo buufata boba'aa Kiliivlaanditti buufamuu dhagahuu" poolisiin beeksiseera.
Dhukaasa kanaan dhiironni saddeetii fi dubartoonni sadi ajjeefamuu himeera poolisiin. Namni kan biraa madaayes hospitaalatti madaarraa hafuu dadhabee du'uu beeksise.