Iraan 'magaalaa misaa'elaa' ifa goote

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Kibxata darbe, waraanni Iraan Eegdotni Warraaqsa Islaamummaa (IRGC), suuraalee iddoo "magaalaa misaa'elaa haaraa" jedhee waame, kan iddoo bal'aa lafa jalaa misaa'elootaa fi siistama misaayelootni irraa dhukaasuf kuusuuf tajaajilu gadhiiseera.

Suuraaleen kunneen Ajajaan Waliigalaa Alii Abdullaahii, fi Ajajaan Humna Eeroospeesii waraana biyyattii Majiid Musaavii buufata kana yoo to'atan agarsiisa.

Akka suuraalee iddoowwan misaa'elaa biroo kanaan dura gadhiifamanii, iddoon kun misaa'eloota baalistikii fi kiruuzii gosa garaagaraa akkasumas meeshaalee furguggisuuf oolan of keessaa qabu fakkaata.

Gadhiifamuun suuraalee kanaa kan dhufe, waraana guyyaa 40f Baha Giddugaleessaa raase keessatti, Yunaayitid Isteetisii fi Israa'el bu'uuraalee misoomaa misaa'elaa Iraan irratti iddoowwan misaa'elli irraa furguggifamu, iddoowwan oomishaa fi dhaabbilee misooma teeknooloojii dabalatee haleellaa raawwachaa yeroo jiranitti.

Haleellaan kun jiraatus, Iraan dandeettii misaa'elaa ishii baay'ee eeggachuu fi bu'uuraalee misoomaa miidhaman tokko tokko deebistee ijaaruuf carraaqqii itti fufuu dandeesseetti fakkaata. Haa ta'u malee, dandeettiin kun haala waraana duraa waliin yeroo madaalamu hangam akka miidhame ammallee ifa miti.

Kanaan dura, xiinxalli suuraa saatalaayitii BBC Verify'dhaan godhame akka agarsiisetti, Iraan buufataalee misaa'elaa ishii tokko tokko buufata Garmdaaraa kan Kaaraajii fi buufata Imaam Alii kan bulchiinsa Kermaanshaah dabalatee deebistee ijaaruu jalqabadee jirti.

Dhugumatti, karoorri Iraan "magaalota misaa'elaa" ijaaruuf qabdu waan haaraa miti. Mootummaan Tehraan waggoota dhihoo asitti jiraachuu buufataalee lafa jalaa irra deddeebi'ee ifa gochaa tureera. Haa ta'u malee, haleellaa dhiheenya kana bu'uuraalee misoomaa misaa'elaa irratti raawwatameen walqabatee, barbaachisummaan buufataalee kanaa amma yeroo kamiiyyuu caalaa dabaleera.

Magaalaan misaa'elaa JIs jedhamte dhuguma haaraadhaa?

Iddoon kun gaaffilee baay'ee kaasaa jira.

Iraan wiirtuu akkasii ifa gochuun ishee waggoota lamaa as kan jalqabaati.

Haa ta'uu malee, IRGC dhimma kana ilaalchisee waayee argama iddoo tanaa, yoom akka hundaaye, misaayeloota meeqa akka baatu, fi dandeettii tajaajilasaarratti odeeffannoo hin kennine.

Ammatti wanti mirkanaa'e tokkichi aangawoonni Iraan suuraalee buufata lafa jalaa misaa'elootaa fi meeshaalee waraanaatiin guutame agarsiisuu isaaniiti. Buufatichi haaraa ta'uu isaa, dandeettii isaa isa dhugaa, yookiin guutummaatti hojii irra ooluu isaa karaa walaba ta'een mirkaneessuuf karaan hin jiru.

Viidiyoo IRGC'n gadhiise keessatti, holqi(ujummoon lafa jalaa) tokko kallattii garaagaraatiin kaameeraadhaan irra deddeebi'amee mul'ata.

Kunis xiinxaltoonni tokko tokko humna waraanaa guddaa agarsiisuuf jecha kutaaleen buufataalee moofaa akka buufata haaraatti dhiyaatanii laata jedhanii akka shakkan taasiseera.

Haa ta'u malee, buufatichi haaraa ta'uu baatus, yeroon itti beeksisuuf filatame barbaachisummaa guddaa qaba.

Waraanawwan dhiheenya kana gaggeeffaman keessatti, US fi Israa'el iddoowwan misaa'elli irraa furguggifamu, kuusaawwan meeshaa waraanaa, warshaalee oomisha misaa'elaa, akkasumas bu'uuraalee misoomaa boba'aa fi meeshaalee damee kanaan walqabatan irratti haleellaa raawwataniiru.

Haala kanaan, buufata lafa jalaa haaraa kana ifa gochuun ergaawwan hedduu waan qabu fakkaata.

Tokkoffaa, Iraan haleellaawwan sun bu'uuraalee misoomaa misaa'elaa ishee guutummaatti balleessuu irratti tarkaanfiin fudhatame akka hin milkoofnee fi ammallee meeshaalee waraanaa kanneen oomishuu, kuusuu fi fayyadamuuf dandeettii akka qabdu agarsiisuu barbaaddi.

Kan lammeessoo, Tehraan balaa haleellaa qilleensaa hir'isuuf jecha tarsiimoo ishii kan misaa'eloota hedduu gara lafa jalaatti sochoosuu irratti xiyyeeffachaa kan jirtu fakkaata.

Kun immoo keessattuu yeroo waraanaatti Ameerikaa fi Israa'el olaantummaa qilleensaa guddaa qabanillee, kuusaawwan lafa jalaa Iraan tokko tokko balaaf osoo hin saaxilamin turuu isaanii yeroo ilaallu barbaachisummaa guddaa qaba.

Sadaffaa, fi tarii hundaa ol kan ijoo wanni ta'e, suuraaleen kun Iraan haleellaa waraanaa kamiifiyyuu deebii kennuuf ammallee dandeettii akka qabdu agarsiisuudhaan dandeettii ishee kana haleellaa diinotaa ittisuu jabeessuufkan yaadamanidha.

Haa ta'u malee, ogeeyyiin akka akeekkachiisanitti suuraaleen qofti buufatichi haleellaawwan dhiheenyaa booda ijaaramuu isaas ta'ee sirni keessa isaa jiru guutuun battalatti hojii eegaluuf qophii ta'uu isaa mirkaneessuu hin danda'amu.

Sheelonni suuraa baherraa mul'atan maali?

Hanga ammaa Eegdotni Warraaqsaa Iraan, waayee misaayeloota mul'atanii, dandeettii isaanii, boba'aa gosa kamii akka nyaatan, fi baay'ina meeshaalee kuufaman kanneenii hin himne.

Miidiyaan hidhata IRGC qabu Tasnim news agency buufatni kun misaayeloota baalistikii fi kiruuzii garaagaraa akkasumas meeshaa misaayelli irraa dhukaafamu (laawuncharii) qabaachuu gabaase.

Haata'uu malee, suuraalee magaalota misaayelaa asiin duraatiin wal dura qabamee yoo ilaalamu baay'inni laawoncharoota misaayeloota baalistikii xiqqaadha.

Xiinxalli suuraa akka agarsiisutti, misaa'eloonni baalistikii gosa Shahab jedhamanii fi misaa'eloonni kiruuz kanaan dura humna waraanaa Iraan keessatti beekaman ni argamu.

Akkasumas misaa'elli tokko kan gartokkeen isaa suuraalee gadhiifaman keessatti ta'e jedhamee dhokfame ni jira.

Ogeessi misaa'elaa fi diroonii Faabiyaan Hiinz (Fabian Hinz) jedhamu, misaa'elli kun guddinaa fi dizaayinii isaatiin gosa misaa'ela 'Paveh' ammayyaa'aa ta'een wal fakkaata jedhee amana.

Paveh'n misaa'ela kiruuz fageenya giddu-galeessaa kan maatii misaa'ela Soumar keessatti ramadamuudha. Iraan misaa'elli kun fageenya hanga kiilomeetira 1,650 irratti galma isaa rukutuu danda'a jechuun himatti.

Odeeffannoon jiru akka agarsiisutti, misaa'elli kun gara galma isaatti karaalee adda addaa fayyadamuun imaluu fi misaa'eloota biroo waliin qindoominaan haleellaa raawwachuu danda'a.

Iraan bara 2024tti haleellaa jalqabaa Israa'el irratti raawwatte keessatti misaa'ela kana fayyadamteetti jedhamee amanama.

Paveh'n bara 2023tti ifatti kan eebbifame yoo ta'u, yeroo sanatti Iraan fageenyi isaa daangaa ishii keessaa ka'ee Israa'el bira ga'uuf gah'aa ta'uu himtee turte.

Dabalataanis suuraaleen bahan kunneen misaa'ela kiruuzii gurraacha kan duraan ifatti agarsiifamee hin beekne biraas ni agarsiisu. Haa ta'u malee, dandeettii isaa yookiin maqaa isaa isa sirrii ilaalchisee odeeffannoon kenname hin jiru.

Iraan misaa'eloonini ishee diinota dinqisiisu maaliif jetti?

Daawwannaa kanarratti, Ajajaan Humna Eeroospeesii IRGC "dandeettiin misaayeloota ammayyaa Iraan diinota ishee ni dinqisiisa" jedhan.

Ergaan isaanii kun himannaa Iraan teknolojiiwwan misaa'eloota ishee fooyyessuu itti fufte jedhamuun qoqqobbii idil addunyaaf saaxilamuu fi buufataaleen ishee haleellaaf saaxilamuu isheetiin wal qabata.

Daawwannicharratti,Ajajaan Waliigalaa Humnoota Iraan, Alii Abdollaahii Iraan irra deebiin kan waraanamtu taanaan, haaloon ishee Baha Jiddugaleessaallee ni ceha jedhan.

Haasaan isaa kun haasaa dhiyoo Hogganaa Olaanaan Iraan, Ayaatolaa Alii Kaameniitiin wal fakkaata. Innis deebiin diinaaf kennamu hamaa, jabaafi kan iddoon hin daangessine ta'uu qaba jedhee ture.

Xiinxaltoonni haasaa kana dandeettii Iraan kan durii caalaa misaayeloota fageenya dheeraa fayyadamuuf laallachaa jiraachuu akeeka jedhu.

Boodarra, dubbi himaan Eegdota Warraaqsaas oomishni misaa'elootaa fi diroonotaa gara buufataalee lafa jalaatti geeffamuun itti fufee osoo jiruu, daangaan fayyadama misaa'elootaa irra kaa'ame kaafamuu akka danda'u ibsaniiru.

Waggoota hedduudhaaf, fageenyi olaanaan misaa'eloota Iraan kiilomeetira 2,000 hanga 2,500 gidduutti tilmaamamaa tureera.

Waraanni Iraan kanaan dura qajeelfamni fageenya misaa'elootaa kiilomeetira 2,000 qofatti daangessu akka ture ibsuun, kunis misaa'eloota fageenya kana caalaa ga'uu danda'an misoomsuu irratti gufuu ta'ee turuu eereera.

Buufataaleen misaa'elootaa Iraan hagam miidhaman?

Waayee murteessummaa magaalaa haaraa "misaayelaa Iraan" baruuf Iraan waraana booda guyyoota 40 yeroo ta'ee jiru kanatti bu'uuraaleen ishee irra jiru beekuun barbaachisaa dha.

The Washington Post oomishaalee misaa'eloota baalistikii murteessoon afurii fi buufataaleen misaa'elli irraa furguggiifamu 29 torbee jalqaba haleellaa US- Israa'eliin barbadaawuu gabaase. Ogeeyyi

Iddoowwan haleelamans Khajir, Parchin, Hakimiyya fi Shahroud, iddoo murteessii oomisha boba'aa misaa'elaa fi qindeessa sistama meeshaalee waranaa ta'uu barreesse.

Ogeeyyiin qoratan mancaatiin kun sagantaa misaa'elaa Iraan guutuutti balleessa jechuu akka hin taane cimsanii ibsan.

Suuraawwan saatalaayitiitis naannoo buufataalee misaa'elaa gurguddoo waraana keessatti miidhamanitti hojiiwwan suphaa fi ijaarsaa bal'aan gaggeeffamaa jiraachuu agarsiisaniiru.

Buufata misaa'elaa Kermanshah keessatti, bakkeewwan kanaan dura barbadaa'an irratti gamoo haaraan ijaaramaa jiru. Haaluma walfakkaatuun, naannoo waraanaa Paarchii kan baha Tehraanitti argamu keessaa hafteen gamoo miidhamanii kaafamaniiru.

Xiinxalaan CIA duraanii Jiim Laamsan, sochiin albuuda baasuu naannoo Shahruud'tti mul'atu oomisha misaa'elaa waliin walqabachuu akka danda'u dubbateera. Gabaasni biraa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Alaa irraa bahe suuraawwan saatalaayitii daldalaatti fayyadamuun buufataalee Paarchiin, Khajir, fi Shahruud qorateera.

Gabaasichi naannoo lafa irraa irratti gara oomisha guutuutti deebi'uu isaatiif ragaan xiqqoon jiraatus, kutaalee dhaabbilee kanaa kan lafa jalaa keessatti garuu sochiin tokko tokko itti fufee jiraachuu bira gaheera.

Paarchiin keessatti, dhaabbanni oomisha misaa'ela boba'aa jajjaboo ammallee gara haala duraaniitti akka hin deebine fakkaata. Khajir keessattis bakkeewwan oomisha misaa'ela boba'aa jajjaboo fi dhangala'aa keessatti hirmaatan irratti mallattoon miidhaa guddaa mul'ateera.

Shahruud dhaabbilee biroo caalaa hojiiwwan deebisanii ijaaruu irratti fooyya'iinsa caalu agarsiisaa kan jiru fakkaatus, gara sadarkaa oomisha duraaniitti deebi'uu isaa mirkaneessuuf ammallee ragaan gahaan hin jiru. Wanti xiyyeeffannoo qorattootaa harkise tokko babal'ina itti fufiinsa qabu kan goda lafa jalaa (tunnels) Shahruud keessatti argamuudha.

Ogeeyyiin kunniin faayidaa isaanii isa dhugaa irratti ragaan kallattii hin jiru.

Walumaagalatti, suuraawwan saatalaayitii hanga miidhaa ykn sochii ijaarsaa gaggeeffamaa jiru agarsiisuu danda'u malee, waan dhaabbilee lafa jalaa keessatti raawwatamaa jiru sirriitti ibsuu hin danda'an.