Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Baadimmeetti haleellaa dirooniin xiqqaatu namoonni 4 miidhaman'
Naannoo Tigraay godina kaaba lixaa naannawa Baadimmee, gandoota baadiyyaa Baadimmee tokko kan taate Biyaaraa kan jedhamtutti Wixata Sadaasa 17, 2026 haleellaa diroonii raawwatameen namoonni afur miidhamuu maddeen BBC'tti himan.
Naannoo haleellaan kun itti raawwatame jedhamu ollaa Baadimmeetti walitti bu'iinsa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti tibbana raawwatame hordofee jiraattonni naannichaa buqqa'uun wayita gabaafamaa jirutti kun mudate.
Haleellaa diroonii kanaan miidhaman lammiilee nagaa ta'uu maddeen BBC himan.
Magaalaa Shiraarootti kan argamu hospitaala Maayaamii fi buufata fayyaa Addiihagaraayitti fudhatamuun isaanii himame.
Hakiimni waliigalaa hospitaala Maayaamii Dr Haagos Waldasamayaat hospitaala isaaniitti miidhamtoota diroonii lamaaf waldhaansi godhamaafii akka jiru himan.
Haleellaa kanaan ija isheerraa miidhaa jabaan kan gahe dubartiin ganna 37 gara hospitaala Shireendasillaaseetti dabarfamuu ibsanii jiru.
Miidhamaan lammaffaan nama ganna 22 ta'e miidhaan salphaan waan irra gaheef, yaala fayyaa godhameefiin booda gara mana isaatti deebi'uu isaa dubbataniiru.
"Caccabaan waan sanaa akka isaan rukute dha. Namoonni achitti argaman baay'ee ta'anis, kan miidhaman garuu namoota afur qofa ta'uu nutti himaniiru" jedhaniiru.
BBCn dhimmicha ilaalchisee Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Birasaaw Shifarraaw yaada gaafatus deebii battalaa hin arganne.
Haleellaa kana hordofuun Komaandi Poostiin Kaaba Lixaa kaleessa Kibxata Sadaasa 18 bara 2026 ajaja dabarseen, godinicha keessatti yeroo fi iddoo kamiyyuu "namoonni afurii ol akka walitti hin qabamne" dhorke.
Ajajni Komaandi Poostichaa Televizhinii Tigraay irratti darbe, tarkaanfichi kan fudhatame "godinicha keessatti nagaa fi tasgabbii buusuuf" yaadamee akka ta'e ibseera.
Kanaafis, magaalaa Shiree dabalatee godinicha keessatti galgala sa'aatii 12:00 irraa eegalee sochiin baajaajii fi doqdoqqee dhorkameera.
Ambulaansotni sa'aatii 24 akka socho'an hayyamameefiin ala, konkolaataan kamiyyuu sa'aatii kaa'ameen ala akka hin sochoone Komaandi Poostichi uggura kaa'eera.
Naannichatti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota Tigraay gidduutti lolli gaggeeffamaa jiraachuu isaa jiraattonni BBCn dubbise himaniiru.
Qindeessituun naannawa gandoota baadiyyaa Baadimmee Aadde Daanaayit Attaalaay, Wixta haleellaa diroonii raawwatameen kanneen miidhaman dursee lola naannicha tureen lubbuu ofii baraaruuf jiraattota buqqa'anii Shiraaroo kan deeman yoo ta'an qallaba fidachuuf gara ganda Biyaaraa wayita deebi'an balaan kun irra gahuu ibsan,.
"Garas imalus, kan deebi'us makiinaa tokkicha, Isuzu imaltootaa adii tokko. Haleellaan dirooniis kan qaqqabe konkolaataa kanarra" jedhan.
Dubartii takkaa fi dhiironni akka miidhaman akkasumas konkolaachisaa fi gargaaraan isaa akka keessatti argaman dubbatu.
Waraanni erga eegalee as gara Shiraarootti namoonni buqqa'an 1,233 akka gahan aadde Daanaayit ibsaniiru.
Gariin isaanii qubsuma buqqaatotaa keessa, kan hafan immoo hawaasa keessa hirkatanii jiraachaa akka jiranis ibsaniiru.
Torban darbe naannoo daangaa Itoophiyaa fi Eertiraatti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsi "meeshaa waraanaa gurguddaadhaan deeggarame" gaggeeffamaa akka ture jiraattonni BBCtti himaniiru.
Walitti bu'iinsa kana hordofuun jiraattonni naannoo daangaatti dhihoo jiraatan buqqa'uu isaaniis ibsaniiru.
Naannoo Tigraay Shiraaroo, Aaddii Hagaraayi fi Biyaaraa jedhamanitti jiraattonni argaman akka BBCtti himanitti, lolli jalqaba torban darbe gaggeeffame naannoo baadiyyaa kan waliin gahe ture.
Waraana kana irratti meeshaaleen waraanaa gurguddoon kanneen akka madfii fi diroonii hojiirra ooluu isaanii jiraattonni lama dubbataniiru.