Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Oromoo wal ajjeesee reeffa walii bineensa nyaachisun arge'- Ob. Maammoo Gadaa
Maatii horsiisee fi gariin qotee bulaa keessatti dhalatanii guddatan.
Waayee aadaa, seenaa, eenyummaa barsiisuu fi dadammaqinsa siyaasaa Oromoo keessatti nama akka Odaatti beekamanidha.
Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu'uun filannoof kaadhimamamnii beeku. Kongiresii Biyyoolessaa Oromoo bakka bu'anii Paarlaamaa Itoophiyaa seenaniis beeku.
Sochii Qeerroo Oromoo kan diddaa Maastarpilaanii ture dabalatee si'a lama mootummaa Itoophiyaatiin hidhamanii jiru.
Welleewwan qabiyyeen siyaasaa qaban hedduu sirbanii jiru. Kitaabotas barreessanii jiru.
Ammaan tana manguddoo ganna 80ti. Obbo Maammoo Gadaa eenyu, tibbana maaltu isaan qunname? BBC'n dubbiseera.
Dhiyaadhaa:
'Maatii aadaa fi Gadaan bulu keessaayin bahe'
Dhalootaa fi guddinni isaanii Giddugaleessa Oromiyaa aanaa Boosati.
Hawaasa horsiise bulaa fi gariin qonnaan bulaa aadaa Gadaan bulu keessatti dhalatanii guddachuu himatu. Maqaansaanii jalqabaatuu Gadaa ture.
Akkamiin maqaan isaanii har'aa kun akka moggaafameef yoo yaadatan, "eessumni koo akka na barsiisuuf ijoollummaatti warra koo irraa na fudhate. Mana eessuma kiyyaa yoon dhaqu maqaan keenya tokko ta'e. Kanaaf maqaan jijjiiramuun dirqaman ture. Eessumni kiyyas maqaa Maammoo jedhuun mana barnootaatti na galmeesse."
Obbo Maammoo Gadaa jaalala aadaa uumata isaaniif qabaniin hedduun isaan beeku. Gama kanaan aadaa fi eenyummaan Oromoo akka dagagaaguu hojiin dhaloota dammqsuu hojjechaa turan olaanaadha.
"Maatii aadaa fi Gadaa bulu keessattin dhaladhee guddadhe. Siyaasaan ammayyaa dhiyoo dhuftellee uummanni keenya qe'ee isaa keessa aadaa ofiitiin wal bula, waldhabbii aadaa ofiitiin hiikkata. Balleessu gumaa walii baasa."
Amantaan Waaqeffannaa bakka duudhaa isaa ganamaatti akka deebi'u barsiisaa, galmoota waaqeffannaa hedduu hundeessaa turan.
Irreechi Oromoo bifa har'a mul'atu kanaan ifee addunyaatti akka mul'atu hojiin dhaloota aadaa isaa kana jaalatu qaruu, uuffatni aadaa Oromoo beekamu gaheen Obbo Maammoo Gadaa laayyoo hin turre.
Obbo Maammoon bara isaa guutuu hanga raagu kana waan aadaa fi duudhaa Oromoo tursiisuu, beeksisuurratti manguddoota akka siidaatti dhalootni hin daganne keessaa nama tokko.
Jaarsummaa gaa'elaa gaa'ela aadaa keessatti manguddoota maatii hedduun lakkaawatan keessayi.
Manguddoo araaraa dhibdee gosaa hiikanis namni kun. Keesummaa dhibdee darbee qomoowwan Karrayyuu fi Ituu jidduutti dhalatuuf manguddoon gaaddisa jaarsummaa jalaa hin dhabamnee hangafaa tokko Obbo Maammoo Gadaati.
Hirmaannaa siyaasaa
Hirmaannaan siyaasaa Obbo Maammoo Gadaa dargaggoota dadammaqsuu, qabiyyeewwan weellee isaanii fi hirmaannaa paartii keessatti qabaniin ibsama.
Jalqaba kan sochii siyaasaatti na make ijoollummaatti wanti dhagahe jedhu.
Gaaf waggaa saddeet-sagal ture, firri koo tokko magaalaatti hidhamuun oduun dhagahe raajii natti ta'e jedhu. Maaliif jennaan, hanga yeroo saniitti nama hidhamuu fi hiikamu dhagahee hin beeku jedhu.
Umrii sanitti horii malee nama hidhamu dhagahee hin beeku kan jedhan Obbo Maammoon, "Haadha tiyya bira dhaqeen maal hidhame harka hidhame moo luka hidhame jedhee gaafadhe" jedhu
Haati isaanii waayee mana hidhaa mootummaa hubachiisuu himu. "Maaliif hidhame?" kan jedhus haadha isaanii gaafachuu itti fufuu himu.
Poolisiitu hidhe naan jedhan jedhu. "Namni isa hidhe afaan isaa hin dubbatu. Achumaa roorroon Oromoorra jirti, nama Oromoo miidhun ni jira kan jedhu" kunis qabsoo akkan jalqabu sababa naa ta'e jedhu.
Obbo Maammoon miseensa Adda Bilisummaa Oromoos turan. Jaarmiyaa ABO bakka bu'uun hawaasa Boosatii fi Fantaalleef filannoo bara 1984 qophaa'aa tureef kaadhimamanii akka turan boodas Addi Bilisummaa Oromoo chaartarii keessaa bahuu isaan osoo hin filannoorratti hin hirmaatin hafuu isaanii himu.
Boodarra Paartii Kongiresii Biyyoolessaa Oromootti makamuun filannoo Itoophiyaa 2005 (1997) irratti hawaasa naannawa Boosatiin filatamanii miseensa Paarlaamaa Itoophiyaa ta'anii tajaajilanii jiru.
Dammaqiinsa siyaasaa yeroo san tureefi aarsaa uummatni yeroo san kaffale hin dagatan.
Weellisaa Maammoo Gadaa
Obbo Maammoo Gadaa 1970mootaa kaasee hanga har'a raaganii arrii filatanitti welleewwan hedduu baasaniin beekamu. Welleewwan Obbo Maammoo kanneen aadaa, jaalalaa fi siyaasaati.
Qabiyyeewwan siyaasaa quuqqaa uummataa sirna jalatti wellisanii irratti kan xiyyeeffatani turan. Mootii Haylasillaasee, sirna Mangistuu Haylamaariyaam Darguu, sirna TPLF mataa itti ta'e ADWUI keessatti welleewwan isaanii quuqqaa uummataa fi dhiibbaa sirnaa kan himanii fi hawaasa kan qaran turan.
"Umrii teenyan garree turullee inuma laafa abbaan irree" jechuun wellee baasan qabu.
Wellee kanaan wanti dhaabbatee hafu akka hin jirre cunqursitootaaf ergaa dhaamuuf akka baasan dubbatu.
"Laafaan ni jabaata, jabaanis in laafa. Wanni hin jijjiiramne dhugaa ofii malee hin jiru" jedhu.
Wellee qabiyyee gadii kana qabu sirna ADWU jalatti roorroo uummata Oromoorra ture ibsuuf wellisuu dubbatu:
"...Dadhabaa inse'inaa sabni mataa gadqabannaanii
Sareenuu qeerrensaa garatti dheechitu dhabnaanii
Itti hin baacu namni ka'u galaana nama nyaata uummanni..."
Wayita sanatti uummanni ukkaamsaa jala turuu himuuf wellee bahe dha. Uummata kana hin tuffatinaa, beekaan uummata in tuffatu ergaa jedhu dabarsuufi uummanni humna akka qabuu yaadachiisuufi abdiis horuuf wellisuu yaadatu.
Wellee kana qabsoo Maastarpilaanii duran sirbe garuu akkuman ani jedhe ta'e jedhu kolfaatii.
Wayita filannoo 2005 (1997) dammaqina siyaasaa uummatni horatee fi hoggansaa haala sana gaggeessu dhabuu kan gaabbiin yaadatan Obbo Maammoon haala sanarratti wellee hojjetanii turan.
"Hoggansa kan dhabne, itti wareegame lammiin daangaan hinqabne" qabiyyee jedhu qaba welleen gaafasii.
Akka wareegama hawaasa keenyaatiin Oromoon akka galma gahuu hin dandeenye. Lubbuun itti wareegamte garuu baay'eedha kan jedhan manguddoon ganna 80, hoggansi Oromoo dammaqinaa fi kaka'umsa uummata ture qindeessee galmaan gahuu hin dandeenye.
"Makiinaa meeshaa guddaa fe'ee motorri sochoosuu dadhabe tokko sitti fakkaata uummanni Oromoo."
Wayita amma soorama bahaniin jiranittis haala Oromiyaan keessa jirturratti wellee itti aanu qopheessaniiru Obbo Maammoon.
"Takkumaa hin agarree ani umriin dabarse keessaa
Kan awwaalaa hafee reeffa nyaachisan bineensaa
Kun wallaala malee maal isinii bu'a bu'aanii
Diinallee yoo ta'ee kabajamuu qaba du'aanii
Jagni diinan tuquu harka isaatittin gallaanii
Diinan maal jennaree Oromoon keenya wal qallaanii…"
Hin qarooma jennaan duubattin deebi'a dhaloonni
Harka eega galee ilman namaa in dararu goonni
Silaa maal taatanii booji'amaafi kan du'e haaloo baatanii "
Oromoo wal ajjeesun arge jedhu sababa wellee kana itti hojjetaniif yoo himan. "Oromoo wal ajjeesee reeffa walii bineensa nyaachisu, ibiddaan gubun arge."
Akka safuu Oromootti nama du'e, boojuus haaloo bahuun safuudha jedhu.
Obbo Maammoo yeroo ammaa magaalaa Adaamaa kan jiraatan yoo ta'u umrii raagan kanatti manni isaan umrii sooromaaf ijaarratan sababa misooma kooridarii diigamee deeggarsi walitii qabamaafii jira.