Gosoota kaansarii 11 dargaggoota irratti dabalaa jiran - saayintiistonni sababoota isaa akeekaniiru

Namoota lama ilmaa fi haadha mana nyaataa keessa

Madda suuraa, Caroline Mousdale

Ibsa waa'ee suuraa, Kaaroliin Muusdel fi ilma ishee Biraadleey Koombis, kan ganna 23tti kaansariin du'e
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gosoonni kaansarii kudha tokko dhibee dargaggootni Inglaand hedduun saaxilamaafii jiran ta'uu xiinxalli ni agarsiisa.

Sababa isaa bal'inaan ibsuunis ulfaataa dha.

Furdinni waggoota kurnanootaaf walitti aansee namarra turuun gahee ijoo taphachuu danda'a jedhama. Garuu sababni isa qofa jechuu miti.

Saayintiistonni Institiyuutii Qorannoo Kaansariii fi Impeeriyaal Kolleejjii Landan ammas dargaggoonni mala jireenyaa fayyaalessaa uumuun saaxilamuummaa kaansarii qaban hir'isuu danda'uu jedhu.

Dhibeen kaansariin namoota umriin isaanii 10 olii, 20, 30 fi 40moota keessaa irratti maaliif babal'ataa jira kan jedhu waggootaaf hiibboo saayintiistootaa ture.

Poortsmaawuz kan jiraatu, Biraadleey Koombis, yoo kaansariin du'u ganna 23 ta'a.

Haati isaa Kaaroliin Muusdeel, mallattoolee dhibee kanaa ''muddaa'' haa agarsiisu malee gurbaan kun umrii dargaggummaatti kaansarii mari'amaaniin hin qabamu jettee irra dabraa turte.

Akka isheen jettutti ilmi ishee taphataa kubbaa miilaa garii-piroofeeshinaala ta'ee mallateessuufi nama gammadaa ture waan tureef "dhugumatti dargaggeessa fayyaalessa" ture. Wantumti balaa akkasiif isa saaxiluu hin turre jechuun ni danda'ama, jetti.

Waggaa 1ffaa yunivarsiitii seenetti ulfaatinni isaa ni hir'ate, garaa isa dhukkubuu jalqabe. Garaa kaasuu fi, dhiiga gat-teechisuu isa eegale.

Dargaggeessa dhukkubsatee saree hammatee ciisu

Madda suuraa, Caroline Mousdale

Ibsa waa'ee suuraa, Biraadley, saree isaa waliin

Mallattoolee dhibee kanaa qorachuuf ji'oota 18 fudhate. Jalqaba viidiyoo mar'imaanii qorachuuf viidiyootu fudhatame – kiloonoskooppii jedhama – kaansariin sun waan guddaa tureef agartuu kaameraa gaaddiddeessuun hin mul'atu.

Baqaqsanii yaaluu fi keemooteraappiin dhiitawuu san hir'isuu waan hin dandeenyeef Biraadleey saree isaa waliin du'e

"Akka haadhaatti baay'een gadde, abjuu isaa kubbaa miilaa illee osoo argee jireenya ajaaibaa jiraatayyu, abjuu isaa dukkanneesse, kaansarii mar'imaanii isa qabe dursee hin baramne," jetti Kaaroliin.

Kaaroliin ilmishee fi dargaggoonni kuun maaliif akka kaansariin du'an baruu barbaaddi

Madda suuraa, John Angerson

Ibsa waa'ee suuraa, Kaaroliin ilmishee fi dargaggoonni kuun maaliif akka kaansariin du'an baruu barbaaddi
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni tokko akkamiin kaansariif akka saaxilamu baruun baay'ee ulfaatadha.

Garuu, gareen saayintiistotaa haala biyyaalessaa UK kaansarii fi haala jireenyaa walcinatti ilaalanii jiru, yoo kun sababa ta'eef.

Qorannoon kun kaansariiwwan mar'imaanii, seelota pilaazmaa, tiruu,kalee, qalqalloo hadhooftuu,rajiijii, gadaamessaa, afaanii, harmaa fi ovaarii dabalaa jiraachuu mul'ise.

  • Kaansariin mar'imaanii fi harmaa dargaggoota lafa darban irratti heddummata. Waggaatti UK keessatti 11,500tu qabamaan. Kan rajiijii fi qalqalloo hadhooftuu gad aanaa dha.
  • Kaansariin mar'imaanii fi ovaarii addatti dargaggoota irratti dabalaa jira.

Qorannoon Institiyuutii kanaa haalaa fi amallis balaa saaxilamummaa kaansarii akka dabalu mirkaneessaniiru.

Garuu hammi sigaaraa aarsituu, baay'inni alkoolii fudhattuu, sadarkaan sochii qaamaa, hammi foon diiminaa fi foon bilchaatee qophaayee fi hammi nyaata faayibarii gad-aanaa fudhatamuu fa'i kanneen saaxilamummaa murteessani.

Haalaa fi amalli kunneen sababoota saaxilamummaan kaansarii dabaluu qabu malee maaliiif kaansarii akka dabale hin agarsiisan.

Gabaasni kun ragaan tokkichi dabaluu kaansariif sababa ta'uu mirkanaaye furdina gar-malee fi borcii qofa. Kun bara 1990 bahee ture.

Tiishuun coomaa akka malee hormonii qaama keessaa kan akka insuliinii, ni jijjiira, kun balaa kaansarii ni ta'a.

Garuu, kunis deebii isa sirrii miti fi quubsaa miti.

Fakkeenyaaf, kaansariin mar'imaanii namoota 100 irratti mul'ate keessaa kan 20 ta'anii ulfaatina gar maleetiin uumamu, 80 kan ta'an sababni hin baramne akka qorattoonni jedhanitti.

Qorattoonni kaansarii ittisuun ni danda'ama jedhu, kanneen hammaatoo ta'an garuu miti. 40% kaansarii addunyaatti mul'atan haala jireenyaa ofii tolchuun ittisuun ni danda'ama.

"Saaxilamummaan dargaggootaa dabaluun garuu yaaddessaa dha," jedhu Institiyuutii Qorannoo Kaansariirraa Prof Montserrat García Closas.

"Garuu, haala jireenyaa fayyaalessa qabaachuun saaxilamummaa kaansarii hir'isuun ni danda'ama-fakkeenyaaf, qaaman dammaqaa ta'uu fi ulfaatina qaama ofii madaalawaa tolchuun."

Dargaggoota irratti kaansariin dabalaa jiraatus, ammallee namoota umrii maanguddoo irra jiranitu baay'inaan qabama jedhu qorattoonni.

Waggaatti dargaggoota 1,000 keessaa tokko ( kan umriin 20, 30 fi 40moota) yoo qabamu manguddoota 100 (umrii 50, 60 fi 70moota) keessaa tokkotu waggaatti qabama jedhe.

Qorannoon sababoota saaxilamummaa isaa ammas itti fufeera. Nyaatota akka malee warshaa keessatti proses ta'anii fi keemikaalota akka PFAS fi qorichoota anti-baayotiksii ilaalchiee qorannoon godhamaa jira. "Wanti barame hin jiru."

dhugaatiiwwan mi'aawoo, gubiinsi qaamaa, faalamni qilleensaa, baakteeriyaawwan fi qorichoonni farra aramaa fa'is ilaalcha keessa galanii jiru.

Beekumsi namoonni kansaarii irratti qaban dabaluu isaa irraan kan ka'e, namoonni umrii dargaggummaa irratti argaman mallattoolee xixiqqoo yoo argan gara mana yaalaa deemuu dabalaniiru.

Tarii kunis baay'inni namoota "kaansariin qabaman'' jedhamanii akka dabalu godheera.