Ameerikaan biyyoota Arabaaf meeshaa waraanaa akkami dhiyeessuuf jirti?

-

Madda suuraa, iStock

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ameerikaan michoota ishee Baha Giddu Galeessaa jiraniitti gurgurtaa meeshaa waraanaa doolaara biiliyoona 8.6 raggaasifte. Murteen kun kan darbe yeroo atakaroon waraanaa Iraan fi Ameerikaa akkasumas Israa'elii fi Iraan gidduutti deemaa jirutti.

Murteen gurgurtaan kun kan raawwatame erga Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon dursee Kongireesii Ameerikaatiin osoo hin ilaalamin dafee akka raggaasifamu dubbatanii booda.

Erga dhuma baatii guraaandhalaa waraanni Ameeikaa fi Israa'el fi Iraan irratti haleellaa bananii eegale Israa'elii fi biyyoonni Galoo Galaanaa haleellaan misaa'elaa fi dirooniin Iraan hedduutu isaan mudate.

Haleellaan kun dhiyeessii meeshaa waraanaa Ameerikaa isaanii hir'isuun sirna ittisa qilleensaa isaanii irratti dhiibbaa uumeera.

Meeshaaleen waraanaa waliigaltee kana keessatti argaman keessa sirna ittisaa qilleensarraa fi kaan kan dabalatudha.

Sirni ittisa qilleensarraa kun misaa'eloota dhufan addaan kutuuf kan oolu yoo ta'u, meeshaalee ittisaa sadarkaa olaanaa qaban kanneen meeshaa waraanaa Ameerikaa keessatti argaman keessaa tokko ta'a.

Sirnoonni kunneen haleellaa misaa'ela qolachuuf kan ooludha. Sirna ittisaa sadarkaa olaanaa waraanni Ameerikaa itti fayyadamu keessaa tokko.

Waliigaltichi Sirna Meeshaa Waraanaa misaa'ela hin qajeelfamne gara meeshaa waraanaa sirritti qajeelfamuutti jijjiiruuf ga'uumsa sirrii fi olaanaa (APKWS) jedhamu kan of keessatti qabatedha. Kunis sirna rookkeetota salphaa gara meeshaa waraanaa qajeelfama qabuu fi bakka sirritti rukutuu danda'utti jijjiira.

Meeshaalee kanaan walqabatan kan gara Israa'elitti ergaman doolaara miliyoona 992 yoo ta'u akkasumas sirna ajaja waraanaa Kuweet doolaara biiliyoona 2.5n bitachuu kan dabalatudha.

-

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaxar meeshalee haleellaa rawwatani fi qilleensarratti qolatan kanneen hanga doolaara biiliyoona 5tti dhiyaatutti bitachuu akka dandeessu hayyamameefira.

Yunaayitid Arab Emireets ammoo hanaga doolaara miliyoona 148n bitachuu akka danddeessu eerameera.

Jimaata darbe ibsa baaseen, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa, adeemsa gamaaggama kongireesii seera to'annoo al-ergii meeshaa waraanaa keessatti taasifamu bira darbuun, "dantaa nageenya biyyaalessaa Ameerikaatiif" yeroo sirni gurgurtaa hatattamaan itti raawwatuudha jedhe.

meeshaan waraanaa Kuweetiif dhiyyatu raadaraan ittisa qilleensaa biyyattiin adda baasuu akka fooyyessuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisera.

Ministeerri Dhimma Alaa baatii Bitootessa keessa gurgurtaa meeshaa waraanaa adda addaa doolaara biiliyoona 16.5n UAE, Kuweet fi Jordaniif raggaasiseera.

Waliigalteewwan kunneenis UAE'f diroonii, misaa'ela, sirna raadaraa fi xiyyaara F-16, Kuweetiif ammoo sirna raadara ittisa qilleensaa fi misaa'elaa kan hammate ture.

Waraana Iraan keessatti meeshaa waraanaa Ameerikaa baay'inaan fayyadamuun yaaddoo uumeera. Ogeeyyiin tokko tokko US waraana guddaa biraa kan akka waldhabdee Chaayinaan Taayiwaa irratti taasiftuuf Ameerikaan meeshaa gahaa qabaachuu dhiisuu dandeessi jechuun ibsu.

Gabaasni Giddu-gala Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa baase akka jedhetti, Ameerikaan waraana ammaa kanaaf meeshaa waraanaa gahaa qabdi. Haa ta'u malee gara fuulduraatti waldhabdee guddaa ta'eef meeshaa waraanaa dabalataa ishee barbaachisuu mala.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka jedhetti gurgurtaan hatattamaa kun nageenya biyyaatiif barbaachisaa dha.