Giyookeresh warri isa qeeqan dogoggoruu mirkaneessuun Arsenaaliin waancaatti bute

Madda suuraa, Reuters
Taphi bara kanaa jalqabamuu dura Arsenaal jifataa goolii 20 fi isaa ol lakkoofsisu argachuun waancaaf murteessaa akka ta'e bal'inaan dubbatamaa ture.
Ze Gaaners carroomuun jifataa beekamaa addunyaa Viktar Giyookeresh argateera.
Osoo akka qeeqamuu isaatii Sambata galgala ga'umsa ajaayibaa fi gooliiwwan lama lakkoofsisuun abdii kilabichi waancaa harkaan ga'achuuf qabutti lubbuu hin horu ture.
Lammiin Siwiidiin kilaba Poorchugaal Ispoortiing Lisban irraa paawondii miliyoona 64n Arsenaal seene kun akka kilabasaa duraanii ta'uu baatus hanga ammaatti taphoota hundarratti Arsenaaliif goolii 21 argamsiiseera.
Maanchistar Siitii waliin waancaarratti kokkee walqabaa kan jiran Arsenaal, tapha Fulhaam waliin taphatan goolii 3 fi 0 dhaan injifachuun morkii waancaa simsateera, as keessatti goolii lama kan lakkoofsise Giyookeresh gumaachi isaa salphaa hin turre.
Kilaba duraanii Ispoortiing keessatti taphoota 102 irratti goolii 97 galchuun jifataa filatamaa addunyaa ta'ee badhaasa Ballon d'Or kan injifate Giyookeresh Arsenaal wayita seenus kanumatu irraa eegamaa ture.
Garuu bakka eegameti argamuu dhabuunsaa qeeqa irratti heddummeesse.
Haata'u malee jifataan kun ammallee iddoo murteessaatti Arsenaaliif wayita bu'aa buusu argama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii xumuraaf darbuuf taasifamurratti morkataa isaanii Atileetikoo Maadiriid irratti kubbaa peenaalitiin argamte gara gooliitti erga geeddaree booda morkii Piriimer Liigii Fulhaam waliin taasisan irratti goolii lama inni galche kilabicha tarkaanfii tokko waancaatti buteera.
Akkuma jedhame kana osoo gooliin isaa faarfamuu kilabichi waancaa kan nyaatu taanaan, qeeqi Giyookeresh irratti heddummaataa jiru kun seenaasaa waliin ka'uu dhiisuu mala.
Giyookeresh tapha Fulhaam irratti goolii jalqabaa daqiiqaa 9ffaarratti wayita galchu waliigalatti lakkoofsi goolii isaa 20 ga'e.
Kanaanis erga bara taphaa 2014-15 as taphataa jalqabaa bara jalqabaa Arsenaal seenetti goolii 20 fi isaa ol galche ta'eera.
Bara sana erga Aleksis Sancheez taphoota hundarratti goolii 25 galchee taphataan Arsenaal bara jalqaba kilabicha seenetti taphoota hundarratti goolii 20 galche hin turre.
Torban kun Giyookereshiif torbee milkaa'inaati. Arsenaal dorgommii Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa xumuraaf darbuuf taasisu akka abdiidhaan itti fufu erga taasisee booda Piriimer Liigii keessattis akka morkii waancaa cimsatu gumaacheera.
Keessattuu taphi Sambataa isaaf adda ture. Erga Arsenaal seenee tapha boqonnaa duraa irratti goolii galchee, kubbaa gooliif ta'us mijeessee kenne.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa ga'umsa Giyookeresh torban kanaa irratti wayita yaada kennu ''ga'umsa olaanaarra ture,'' jechuun jaje.
''Maadiriiditti keessattuu boqonnaa dura ga'umsi isaa gaarii ture, har'ammoo daqiiqaawwan taphate hunda akka gaariitti taphate, goolii galchuun alatti kubbaa gooliif ta'u gumaacheera,'' jedhe.
''Kubbaa tuqe akkasumas gara gooliitti yaale hunda bu'aatti geeddareera. Ga'umsa kanaan innis kilabichis hamilee horatu jedheen yaada.''
Bukaayoo Saakaas amma ga'umsaatti waan deebi'e fakkaata, Arteettaan qindoomina isaaniis jajeera.
Taphattoonni lameen sababa miidhama carraa sirriitti wajjin taphachuu hin arganne kan jedhe Arteettaan, garuu taphattoonni kunneen wayita qindoominaan taphatan yeroo murteessaatti kilabicha akka fayyadan mul'isaniiru jedhe.
Jifataan duraanii Ingilaand Waayini Roonii ''bara taphaa kana guutuu akkaataa Giyookeres itti taphatu jaalladheera,'' jedhe.
''Kilabasaaf guddoo gumaacheera jedheen yaada. Ittistoota sirriitti qaba, gumaachi goolii isaa olaanaadha. Kun yeroo kilabichi isa barbaadutti argamuusaati, wayita morkii waancaatti,'' jechuun jaje Rooniin.
''Kun wayita lakkoofsa sagal fiddu waan argachuu qabdu isa sirriidha.''
Taphataan duraanii Arsenaal Pool Mersan ''wayita inni taphatu taphataa ga'umsa gaarii qabu ta'uun arga. Erliing Haalaand na yaadachiisa,'' jedhe.
Viktar Giyookeresh taphoota darban saddeet irratti goolii shan galcheera, kun jifattootaaf waan salphaa miti.
Taphataan kun akkaataa tapha isaa, kubbaa sirriitti to'atee taphachuun gara gooliitti geeddaruu isaarratti qeeqamaa ture.
Ga'umsa akkasiin dhuguma garee Arsenaaliif madaalaa? gaaffiin jedhu irratti ka'aa ture.
Tapha Sambataa duraa gooliiwwan isaa morkii waancaaf taasifamu keessatti qabxii Arsenaal argate keessaa lama qofa gumaache, erga Fulhaam irratti ga'umsa ajaayibaa mul'isee garuu shanirra ga'eera.
Kilaboota sadarkaa 1-10 jiran keessaa Fulhaam kilaba lammaffaa Giyookeresh irratti galchedha.
Garuu akkasis ta'ee liigicha keessatti raashiyoon goolii fi daqiiqaa taphaa gidduu jiru kan Giyookeresh sadarkaa shanaffaarra jira.
Jifataan kun bara kana hanga ammaatti taphoota Piriimer Liigii irratti goolii 14 galcheera.
Kanaanis Arsenaal dharraa dheebuu waancaa waggoota 22 akka ba'u abdii ta'eera.












