US qoqqobbii Ertiraarra kaastee hariiroo cimsachuu yaaddi, gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarratti dhiibbaa qabaa?

Yunaayitid Isteetis qoqqobbii Ertiraarra keesse kaasuun hariiroo dippilomaasii duraan Asmaraa waliin laafaa ture haaromfachuu akka barbaaddu Wall Street Journal gabaase.
Barruu miidiyaalee Ameerikaa ciccimoo ta'an keessaa tokko ta'e kun, maddeen dippilomaasii eeruun akka gabaasetti, Waashingiten "biyya adda baafamte, garuu tarsiimootiif baayyee barbaachiftuu taate, Ertiraa" waliin hariiroo haaromsachuu barbaaddi jechuun gabaaseera.
Akka barruu kanaatti taanaan, qoqqobbii Ertiraarra ture kana kaasuun hariiroo haaromsachuun adda durummaan kan barbaachiseef rakkoo naannoofi addunyaa sababa waraana US-Israa'e Iraan irratti bananiifi Ulaan Hormuuz cufachuu isaati.
Barreeffamni kun, hidhatan Iraaniin deeggaramuufi Yaman keessa socho'u Huutiin sababa waraana Iraan irraa kan ka'een Ulaa Baab El-Mandeb cufuuf waan dhaadatuuf, qarqara Galaana Diimaa tarsiimawaa barbaachisaa ta'e qabdu Ertiraa waliin hariiroo tolfachuun yeroo kana keessa barbaachisaadha jedha.
Akka Wall Street Journal jedhetti, gorsaan olaanaa dhimma Afrikaa Pirezidant Doonaald Tiraamp Masaad Faares Byuloos, yeroo darbe pirezidant Isaayyaas Afa-warqiifi ministira dhimma alaa Ertiraa Osmaan Saaleeh waliin awal argee ture.
"Yunaayitid Isteetis qoqqobbii Ertiraa irraa kaasuuf yaada qabdi," jechuun dubbate Buloos.
Qaama carraaqqii waggoota kurnan baayyeetiin booda yeroo jalqabaatiif bulchiinsi Tiraamp biyyattii waliin hariiroo cimaa bakkatti deebisuuf taasisaa jiruuti.
Waxabajji bara 2025, pirezidant Isaayyaas Afawarqii gaaffiifi deebii miidiyaa biyyattiirratti taasiseen waa'ee " Asmaraa fi Waashingiten gidduu dubbatee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbii taasisee tureen, Isaayyaas walitti dhufeenyi taasifamuun bara bulchiinsa Tiraamp jalqabaa keessa kan qortamedha jechuun, "waggaa jalqabaa hojjenneerra, garuu waggoota sadan itti aanan hafaniif osoo hin hojjetiin, Baayiden dhufee waggaa fur ture, amma walumatti waggaa saddet guute," jedhe.
"Sochii amma Waashingitan keessa jiruun, osoo hin mufatin, osoo hin ariifatin, gara xumuraatti osoo hin deemin walitti dhufeenya keenya bara Baayiden addaan cite haaromsuu danda'uu qabna,'' jedhe Isaayyaas.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp xalayaa pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiif barreessuu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasaqal hime.
Akka odeeffannoo Yamaanee Gabremasqal fuula X irratti baasetti, ergaa Tiraamp gaafa Adoolessa 30,2025 Pirezidantiif erge kun "Waashingiten Asmaraa waliin hariiroo wal kabajuufi wal ijaaruu deebistee jalqabuu barbaaddi".
"[Hariiroon] dhugaafi wal kabajuurratti hundaa'e carraa nagaa Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa keessa jiraachuu fooyyeessa," jedhan aanga'aan Ertiraa kun.
Akka Yamaaneen jedhutti taanaan, Tiraamp miidhaafi rakkoo bulchiinsi Baayidan addunyaarratti uume deebisee foyyeessuuf" jira.
Bulchiinsi Joo Baayidan yeroo Waayit Haawus turetti, waraana Tigraay keessa tureen wal qabsiisee ejensiiwwan nageenyaafi biizinasiiwwan Ertiraarra qoqqobbii kaa'ee ture.
Gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarratti dhiibbaa qabaa?
Waggootaaf Ertiraa qoqqobaa kan turte Ameerikaan hariiroo cimsachuu kan barbaadduuf sababa qarqara Galaana Diimaaf akka ta'e ibsameera.
Garuu Ameerikaan yeroo kanatti maalif hariiroo Ertriraa waliin cimsachuu barbaadde?
Gaaffii ulaa Itoophiyaan dhiyeessa jirtutti gufuu ta'uu malaa?
Dhimma Ertiraarratti qorannoo addatti kan gaggeessaniifi siyaasaa Gaafa Afrikaa kan Xiinxalaan Dr Nagaraa Guddataa BBCn dubbiseera.
Wanti jedhamaa jiru kan hojiirra oolu taanaan sadarkaa waraanni US-Israa'el Iraan waliin taasisan hammaachaa dhufuu isaa akeeka kan jedhu Dr. Nagaraan, kan lamataa ammoo Ameerikaan imaammata biyya alaashee jijjiiraa deemuu agarsiisa jedha.
Ameerikaan kanaan dura pirinsippilootarratti hundoofti ture kan jedhu hayyuun kun, amma garuu nageenya biyyaalessaa ilaalcha keessa galchuun dhiibbaa Iraan fi qaamolee Iraaniif ergamanii waraanan irratti dhiibbaa tooftaa ittiin gootu hordofti jechuun ibsa.
Bulchiinsa Doonaald Tiraamp kana jalatti Ameerikaan imaammata dhimma alaashee jijjiiraa jiraachuu kan himu Dr. Nagaraan, biyyoota bara bulchiinsa Dimokiraatotaa akka diinaatti farrajamaa jiran ilaalchisee imaammatashee jijjiiraa jirti jedha.
Erga Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii qqoqqobbii Ertiraa irraa ka'ee Ameerikaan qofaatti qoqqobii irra keessee jirti.
"Kana kaasuuf yaaduun ishee Iraan fi warra Iraaniif waraana ergisaa (Proxy war) keessatti hirmaatan irratti dhiibbaa gochuudhaaf karaa Galaana Diimaa kana qabachuuf kan akeekedha."
Ameerikaan hariiroo Ertiraa waliin tolfattee Galaana Diimaa argachuun ishee gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaasturratti dhiibbaa ni qabaataa kan jedhamu gaafatameera Dr.Nagaraa Guddataa.
"Kun akkaan dhiibbaa ni qabaata. Maaliif jennaan Ameerikaan yeroo baayyee gara Itoophiyaati. Itoophiyaan warra Dhihaa waliin walitti dhufeenya nageenyaa, akkasumas kan gargaarsa namoomaa dheeraa qabdi. Ameerikaan dhuftee naannoo kana kan buufattu yoo ta'e akkuma kan Jibutiiti jechuudha. Ertiraaf ammoo humna/faayidaa jii'oopolotikaa kennaaf. Akka isheen dhiibbaa gama Itoophiyaatiin dhufu haalaan ofirraa qolattu ta'a."
Kana jechuun ejjennoo dippilomaasiishee akkaan ol kaasuu akka danda'u kan ibsu hayyuun kun, haata'u malee hidhattoonni Huutiifi kaan Ertiraa irratti xiyyeeffachuu danda'u waan ta'eef balaas ni qabaata jedha.
"Kana jechuun biyyoonni Ertiraatiif fallaa dhaabbatan ammoo Ertiraatti mufachuu danda'u jechuudha."
Qoqqobbii Ertiraarra kaa'ame
Ertiraan bara 2009 hidhattoota al-Shabaab Somaaliyaa keessa jiran deggeruu isheetiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin qoqqobbii irra kaa'amte.
Ertiraan himannaa kana cimsitee haalteetti.
Gareen qorannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waggoota dheeraaf Somaaliyaa fi Ertiraa keessatti qorannoo erga gaggeessee booda, himannaa Ertiraan hidhattoota al-Shabaab deeggarti jedhu kan bara 2009 qoqqobbii irra geesseef ragaa quubsaa hin arganne.
Ameerikaan (bulchiinsa Obaamaa jalatti) ''imaammata alaa walaba ta'een Ertiraan adabuuf'' duula dippilomaasii geggeessaa jirti jechuun himatteetti.
Kana malees, Bitootessa 2017 keessa Ameerikaan qoqqobbii mataa ishee humna galaanaa Ertiraarra kaa'uun mootummaa Ertiraa dallansiise.
"Tarkaanfii dabalataa hubatamuu hin dandeenyee fi sababa hin qabnedha... tapha durii bu'uura seeraa ijaarsaa fi seera qabeessummaa hin qabnedha," jette.
Caamsaa bara 2021 keessa Ameerikaan qoqqobbii viizaa qondaaltota mootummaa ammaa fi duraanii, miseensota humnoota tikaa fi namoota dhuunfaa waraana naannoo Tigraay Itiyoophiyaa waliin hidhata qabu jetterratti akka kaa'amu beeksiftee turte.
Kana malees, bulchiinsi Doonaald Tiraamp bara darbe baatii waxabajjii keessa biyyoota biroo 11 waliin "sababii nageenya biyyaatiin" Ertiraarra uggura viizaa guutuu kaa'ee ture.












