Indiyaatti diddaan mallattoo Bararoo qabu Ministira Barnootaa aangoorraa buuse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Indiyaattii sirna barnootaarratti haaromsi akka godhamu, waraqaaleen qormaataa miliqfamanii bahuurratti gaafatamni akka jiraatuufi Ministirri barnootaa biyyattii aangoo akka gadhiisuu mormiin godhamaa ture ministirichi aangoo gadhiisuu booda goolabame.

Diddaan kun mallattoo bararoon kan beekamu yeroo ta'u, dargaggoonni hedduun caasaa India Cockroach Janta Party(CJP) jedhu jalatti torbanoota hedduuf mormii gaggeessaa turan.

Qaamni mormii kana dursaa ture kun Ministirri Barnootaa biyyattii Daarmeendiraa Praadaah aangoo gadhiisuuf xalayaa galchuun dhagaahamuu booda mormichi xumuramuu beeksise.

Diddaan kun torbanoota shaniif magaalaa Niiw Delhii bakka Jantaar Mantaar jedhamutti gaggeeffamaa ture.

Aangoo gadhiisuu qondaala kanaa booda CJP dimookrasiitu injifatee jedhe. Deggartootni sochii kanaa kumootaan lakkaa'aman bakka mormiitti bahanii gammachuusaanii ibsataa jiru.

CJP paartii siyaasaa idile miti. Sochii dargaggootaa kana qajeelchuuf gurmaayee yeroo gabaabaatti online gubbaa beekamti horate, hordoftootas argate.

Gurmuun kun bararoo AIn hojjetamte akka mallattootti fayyadamuun qoosaa adda addaa online gadhiisaa ture.

Diddaan kun Mootummaa Ministira Muummee Naarendiraa Moodiirratti mormiin cimaa akka jiru agarsiisa.

Wixata darbes mormitoota gara Paarlaamaa biyyattiitti imalaa turan irratti tarkaanfii fudhatameen hedduun miiidhamaniiru.

Piraadaan X gubbaa aangoo akka gadhiisu yoo beeksisu, ''fedhii, hawwiifi abjuu dargaggootaa nan kabajaa'' jedhe

Oduun aangoo gadhiisuu qondaala kanaa akkuma dhagaahameen gaggeessaan garee CJP godoo bakka qabsoo itti gaggeessan Jantaar Mantaar keessaa bahee sagalee guddaan ''milkeessineera'' jedhee iyye.

Ergasii dargaggoonni hedduun daandiitti bahanii sirbaa fi shubbisaan gammachuusaanii ibsaa turan.

Paartichi mormiinsaanii galma gahuu ibsee xumuramuus erga beeksisee booda kumootni naannnicha osoo hin gadhiisiin gammachuu ibsachaa turan.

Hedduu yaada BBCf kennaniin guyyaa kana arguuf hawwaa akka turan dubbataniiru.

CJPn kan hundeeffame Abbaan murtee olaanaa Indiyaa dargaggoota hojii dhabeeyyii gaazexessitootaafi aktivistoota of godhaniin bararoo jedhee erga waamee ijarame. Aanga'aan kun booda warra digirii hin qabneenin jedhee jedheera. Booda garuu bararoon mallattoo qabsoo kanaa ta'e.

Sochii kana kan hooggane Abhijeet Dipke, dargaggeessa ganna 30 barataan Yunivarsiitii Bostan duraaniifi nama tarsiimoo kominikeesnii siyaasaan ogeessa ta'eedha.

Sochiin kun Inistaagiraam gubbaa hordoftoota miliyoona 26 argate.