Kongireensii Federalawaa Oromoo fi ABO-WBO Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru irratti maal jedhan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Paartileen Siyaasaa Oromoo Marii Biyyaalessaa xumurarra ga'e jedhame ilaalchisee ejjannoo akkamii qabu? Yaadota garaagaraa fi deebii Mootummaa.

Yeroo mootummaan Itoophiyaa mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf murteessaa ta'e gara xumurarra ga'eera jedhutti, namootni siyaasaa fi paartileen mormitoota Oromoo qeeqaa adda addaa dhiyeessaa jiru.

Mariin biyyaalessaa kun ''marii dantaa Oromoo kabachiisu miti'' jechuunis falmu.

Deeggartootni Mootummaa garuu Marichi rakkoo siyaasaa Itoophiyaa furuu bira darbee egeree biyyattif bu'uura cimaa kan kaa'udhaa dha jedhu.

Kanneen kana mormaan ammoo mootummaa biyya bulchutu akka isaaf ta'utti haala miijeffataa jira malee rakkoo biyaattiif furmaata waaraa kan fidu mitii jechuun falmiin siyaasaa itti fufeera.

Waggoota shanan, ja'an darban keessa mariin biyyaaleessa akka gaggeefamu kan gaafataa ture, Kongiraansiin Federaalawaa Oromoo KFO'n marii biyyaalessaa gaggeefamaa jiru kana irratti hirmaataa hin jiru.

Dura Taa'aa Itti-aanaan KFO kan ta'an Obbo Mulaatuu Gammachuu '' warri waliin mari'ataa jiran irra caalaan isaanii warruma duranuu waliin mari'achuu danda'aniidha, rakkoon garuu warra walii hin galle gidduutti jira." jedhan.

Marii warra waldhibdee qaban giddutti taasifamu waan hin taaneef marii rakkoo keenya furu miti jennee keessaa of baafne jechuun BBC'tti himan.

KFO'n Filannoo biyyaalessaa irraas, Marii Biyyalessaa irraas, akkasumas dhimmoota ijoo biyyattii murtee barbaadan akkasii keessaa of baasuun furmaata akkamii fidaa isa jedhurratti kan gaafataman obbo Mulaatuun akkas jedhu.

Mariin biyyoolessaa nuti gaafanne "haqa qabeessa, kan hunda hirmaachisee fi amanamaa ta'e malee kan qondaalotnii fi namootni mootummaan barbaadu qofti itti walga'anii haasa'an miti.''

Silaa kan ta'uu qabu warra ilaalacha fi yaada adda adda qabu, gareewwan mootummaa waliin walitti bu'iinsa keessa jiran, warra rakkoolee siyaasaa fi ilaalcha garaagaraa hedduu qabaniidha. Yaadota gamaa gamanaa kana walitti fidanii akkamitti biyya kana nagaafi tasgabbitti deebifna isa jedhutu irratti mari'atamuu qaba ture. Amma garuu kan ta'aa jiru warruma kaabinee mootumaa yaada waldhabdee hin qabneedha jechuun hirmaachisaa ta'uu dhabuu isaa qeeqan obbo Mulaatuun.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi mootummaa isaanii yeroo adda addaatti mariin biyyaalessaa waldhibdee siyaasaa amma jiruuf qofaa osoo hin taane, dhaloota dhufuuf waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan qophaa'e jedhu.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa ulaagaa barbaachisu hunda guutee walaba ta'ee kan seeran hundeeffame akka ta'e himu.

Komishiniin kun bara 2021 tti paarlamaa itoophiyaatin hundaa'e. Rakkoolee siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii mariidhaan furuuf ajandaa waliinii qopheessuu fi waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu kaayyoo jedhu qaba.

Haa ta'u malee, paartileen mormitootaa fi gareewwan mootummaan lolaa jiran adeemsa kana irratti hirmaachuu didan.

Sababni isaanii adeemsi kun mootummaa qofaan to'atamaa jiraachuu fi haalli siyaasaa walaba ta'e dhabamuudhaa jedhu.

Akka mootummaan jedhutti marichi yaada mootummaa qofaa akka hin taane, yaadota hawaasaa walitti qabuuf, naannolee garaagaraatti mariiwwaan qophii hojii fi walitti qabinsi yaadaa geggeeffamaa tureera.

Namoonni siyaasaa yaada fi ilaalacha adda addaa qaban hedduunis yaada isaanii akka dhiyeessan carraan uumameera jedha mootummaan.

Kanneen kana Morman ammoo yaadaa kana irraa faallaa ta'e dhiyeessaa jiru.

Gareen hidhatee mootummaa waliin lolaa jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO'n) gama isaan adeemsi marii biyyoolessaa amma gaggeeffamaa jiru kan dantaa Oromoo kabachiisuu utuu hin taane kan mootummaa biyya bulchu qofaaf haala kan miijessuu jechuun qeeqe.

''Marii Biyyoolessa kana keessaa qooda fudhachaa kan jiru kaadiroota mootummaati. Humnooti siyaasaa Oromoos ta'e bakka buu'oonni ummataa keessa hin jirani. Kan saboota biyyattii gar biroos akkasuma.'' jedhe WBO.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gama isaan yaada siyaasaa garaagaraa walitti fidee waliigaltee biyyaalessaa ijaaruuf hojjataa kan jiru akka ta'e ibsa isaa yeroo adda addaatti kennuun kan eeru.

Kaayyoon isaas mootummaa tokko deeggaruu osoo hin taane waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu dha jechuun of ibsa.

Marii jalqabbii bade' '-KFO

Paartileen siyaasaas ta'ee gareewwaan hidhatan kanneen yaada addaa adda qabani fi amma maricha irratti qeeqa kaasaa jiran maalif hin hirmaanne?

Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa waggoota dheeraaf walitti qabamaa dhufe marii siyaasaa hunda hirmaachiseen furmaata argachuu akka qabu KFO'n ijjannoo cimaa qabaa jedhu Dura Taa'aa Itti-aanaan paartichaa Obbo Mulaatuu Gammachuu.

Haa ta'uu malee akkuma marichi jalqabameen KFO'n hirmaachuu dide. Sabaabni maali?

''Haal-dureewwan bu'uuraa malee mariin taasafamu bu'aa hin fiduu jennee dhiifne.''

Akka Obbo Mulaatuun jedhanitti, adeemsi mariichaa mootummaa qofaan osoo hin taane qaamota walaba, amanamoo fi hunda biratti fudhatama qabaniin qindaa'uu qaba.

Garuu mootummaa Paarlaamaa harka 98 ol paarti biyya bulchuun guutame keessatti komishinaroota mariichaa ykn qaamota araaraa ofuma isaatiin filatee ''koottaa mari'adhaa'' jechuun, 'Marii jalqabbii bade ta'ee ''jechuun ibsu.

''Namni lama yeroo wal dhabuu, akkuma aadaa Oromoottu, inni tokko jaarsa dhugaa isaa isaaf ilaalu filatee, inni garbiraa jaarsa utuu hin kaawwatin akkamiin jaarsummaan taa'ama? akkamiin abbaan dhugaa adda baha? yoo jaarsummaan akkasiitti taa'ames araara dhugaa ni fidaa?''

Waliin taanee nama walaba ta'e , keessayyis haa ta'uu biyya alaatii dippiloomaatota haa ta'anii, jaarsolee biyyaa haa ta'anii akka hunda keenyaaf ta'utti filachuu akka qabnu yaada dhiyeessineef mootummaan gurra hin kennine jedhu Obbo Mulaatuun.

Itti dabaluunis, ''yoo Waaqni isaan gargaaree mariin kun furmaata fide, Marii Biyyalessaa kana barii waraanni naannolee garaagaraa keessatti nama ajjeesaa jiru, nama samaa jiru yoo dhaabate? kanneen gaaffi qabna jedhanii qawwee kaasan yoo gara nagatti deebi'anii biyyi kun tasgabbofte, nuti keessatti hin hirmaanne jennee qeeqa dhiyeessinu tokko hin qabnu. Garuu kun waan ta'uu danda'uudha? isa jedhu gaaffiin keenya.

Yoo kana gochuu hin danda'u ta'e, maali kaayyoo fi galmi Marii Biyyaalessaa?jechuun gaafatu.

"Mariin kun rakkoo hin furu"-WBO

Gareen hidhatee mootummaa waliin wal lolaa jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan ibsa Adooless 19, 2026 baase keessatti marii biyyaalessaa amma gaggeeffamaa jiru irratti qeeqa cimaa dhiyeesseera.

Waltajjii marii olaantummaa mootummaa jalatti gaggeefamu irratti gaaffilee siyaasaa Oromoo yoo ittuu hammaatan malee furmaata kan argatan mitii jedhe.

''Adeemsi kun mootummaa gara sirna pirezidaantummaatti ceesisuuf fi mootummaa naannolee dadhabsiisuuf yaalii taasifamu'' jechuun eere.

Diraamaan dhiima kana duuba jiru Oromiyaa qoqqooduu, Finfinne fi Dirree Dawaa Oromiyaa jalaa baasuuf kan yaadame jechuun yaaddoo isaa ibseera.

Mariicha kaaeessatti hirmaata kan jiru kaadiroota mootumma malee humnooti siyaasaa Oromoos ta'e bakka buu'oonni ummataa mitis jedhe.

Paartii KFO irraa Obbo Mulaatuun gama isaaniin fooyya'iinsi heera mootummaa yaadamaa jiru kan mirga ummanni Oromoo qabsoo dheeraa booda argate laaffisuu ykn duubatti deebisu akka hin taane yaaddoo qaban ibsu.

Keessumaa dhimma Finfinnee fi Dirree Dawaa ilaalchisee yaadni magaalota kana Oromiyaa irraa adda baasuu jedhu yoo dhiyaate rakkoo biraa irratti rakkoo siyaasaa haaraa uumuu akka danda'u akeekkachiisan.

Mootummaan Federaalaa fi Komishiniin Marii Biyyaalessaa garuu himata kana irratti yeroo garaagaraatti deebii kennaniin, mootummaa federaalaa heeraa jijjiiruuf karoora dhokataa qaba yaadni jedhu ragaa qabatamaa kan hin qabne ta'uu ibsan.

Ibsa Komishinichi yeroo garaagaraatti baase keessatti, hojii isaa seera Paarlaamaan biyyattii baase irratti hundaa'ee raawwachaa jiraachuu eere.

Waamicha hidhattotaf taasifame..?

Naannolee hunda keessatti mariiwwan qophii duraa geggeeffamuu fi kanneen biyya alaa jiraatan dabalatee lammilee kumaatamaan lakkaa'aman keessaa bakka bu'oonni hawaasaa filatamanii ajandaan walitti qabamuu Komishinarri Olaanaan Komishiinii Marii Biyaalessaa Pirof. Masfin Ar'aayaa tibbana kan BBC'tti himan.

Gareewwan hidhatan hirmaachisuun aangoo mootummaa fi waliigaltee siyaasaa irratti kan hundaa'u ta'uu kan ibse komishinichi, yeroo hedduu gareewwan hidhatanis ta'ee kaan maricha hin hirmaanne akka hirmaataniif balballi marii akka isaanif banaa ta'e waamicha dhiyeessaa tureera.

Waamicha isaaniif taasifame jedhame kana ilaalchisee WBO ibsa isaa keessatti waan eere hin qabu.

Dura taa'aa itti aanaan paarti KFO obbo Mulaatuu Gammachuu garuu, "Yoo mootummaan garee hidhateen, 'qawwee kee lafa kaa'i koottu mari'adhu jedhuun nageenya isaaf eenyutu wabii ta'a? Eenyu abdatee lafa kaa'ee dhufa?

Yoo marichi milkaa'uu baate eessan deebi'ee gala? Yaadni kee hin fudhatamne yoo jedhaniin eenyutti himata dhiyeeffata? Gaaffileen kunneen deebii argachuu qabu"jedhu.

Akka isaanii jedhanitti, mootummaa fi gareewwan hidhatan walitti fiduu fi amanamummaa uumuun hojii qaama walabaati malee gama mootummaa qofaatiin raawwatamuu qabu akka hin ta'in dubbatu.

Kanaafis akka Fakkeenyatti mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduutti araarri wayita taasifamu Afrikaa Kibbaa Piriitoriyaatti akkasums marii nagaa mootummaa fi WBO gidduutti Tanzaaniyaa Zaanzibaaritti gaggeeffame kaasanii, qaamni sadaffaan amanamaan jiraachuun barbaachisaa akka ta'e falmu.

Silaa qaama mootummaas qaamolee kaafis wabii ta'ee walitti fidutu jiraacuu qaba

Yroo araara tplf fi mootummaa maaf piritooriyaa deemame, yeroo OLA fi mootummaan mari'atan maalif Zaanzibvar deemame.

Malee qaama jaarsolee gamtokkee mootummaan qofaan lakkaawateen akkamitti amanee mari'achuu dhufa kun waan hin fakkannedha.

Akka mammaaksa ''Akka inni nyaatuuf waami akka inni hin nyaanneef irraa har'i'' jedhan sanaati

Xiinxaltootni siyaasaa mariin biyyaalessaa biyyoota waraanaa fi walitti bu'iinsa keessaa turan keessatti milkaa'uun isaa hirmaannaa qaamolee siyaasaa hunda, amanamummaa adeemsaa isaa fi hojii irra oolmaa waliigaltichaa irratti akka hunda'u himu.

Kanaaf maricha keessaa gareewwan hidhatan fi paartileen mormitootaa yoo alatti hafan waliigaltee siyaasaa guutuu ta'e taasisuun akka rakkisu eeru.