Laayibeeriyaatti duula guddaa gaggeeffameen kookeeniin dolaara mil.370tti shallagamu qabame
Dhiyeenya magaalaa guddoo Laayibeeriyaa Monrooviyaatti kookeeyniin hammisaa olaanaa ta'e duula seera kabajchiisuun to'atamuu aangawoonni beeksisan. Duulli kun duula isa guddaa seenaa biyyattii keessatti kan jalqabaa ta'e dha jedhameera.
Viidiyoo fi suuraawwan poolisiin gadhiiseen sanduqoonni fi boorsaawwan saamsaman konkolaataa fe'iisaatti fe'amanii mul'atu. Qorattoonni qabeewwan kunneen kokeenii sadarkaa olaanaa of keessaa qaba jedhu.
Ajajaa olaanaan poolisii Giriigorii Koolmaan BBC'tti akka himanitti qorannoon foorensikii meeshaaleen kunneen kookeenii ta'uu mirkaneessuu himan. Gabaa ammaatti immoo dolaara mil. 370tti shallagamu jedhan.
Duula Duu’aazoon jedhamu, iddoo magaalaa Monrooviyaa irraa gara bahaatti kilomeetira 20 fagaattee argamtu keessatti gaggeeffameen, lammiilee biyya lamaafi lammiileen Libeeriya namoonni hedduun to'ataman.
Namoota qabaman kanneen irratti hanga yoonaatti himanni seeraa ifatti baname hin jiru.
Ajajaan poolisii akka jedhanitti, qorichi sammuu nama hadoochu kun Roobii hardhaa to'atame, qorannoo yeroo dheeraa bu'uura godhachuun hordoffii hojii daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu Libeeriyaa keessatti gaggeeffamaa tureen bira gahamuu ibsan.
"Gidduu waggoota 2018 fi 2023, Libeeriya keessatti daddabarsii fi geejjibni qoricha sammuu namaa hadoochuu bal'inaan mul'achaa ture. Waggaa tokkoo fi walakkaatti as hordoffii irra turre, kunis bu'aa opireeshinii sanaati," jedhan Koolmaan.
Qorichi sammuu namaa hadoochu kun "qoratamee kokeenii ta'uun isaa mirkanaa'uu" isaas dubbataniiru.