Yukireen man-kuusawwan gurguddaa daldala onlaayinii Raashiyaa haleelte

Madda suuraa, Reuters/social media
Yukireen diroonniwwan fageenya dheeraa imalan fayyadaman man-kuusaa daldala onlaayinii Raashiyaa galtee dirooniif oolu jette haleelte.
Man-kuusawwan kunneen kan dhaabbata Welberries jedhamuu yoo ta'u, halkan edaa haleellaa Yukireen gaggeessiteen namoonni 15 madaa'aniiru.
Yukireen guyyaa afur keessatti yeroo lammaffaa man-kuusaa dhaabbata daldalaa onlaayinii beekamaa kanaa kan haleelte yoo ta'u, dhaabbatichi galteewwan diroonii Raashiyaan omishtuu akka dhiyeessu beeksisfte.
Guyyaa afur dura man-kuusaa wal-fakkaataa haleeluun namoonni saddeet du'uun ni yaadatama.
Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Roobii ibsa kennaniin, waraanni Yukireen dirooniwwan fayyadamuun wiirtuwwan lojistikii "waraana Raashiyaaf galteewwan diroonifi meeshaalee garaa garaa dhiyeessun beekaman" haleluu ibsan.
Yukireen yeroo dhiyoo as buufataalee boba'aafi wiirtuwwan galtee omisha meeshaalee waraanaa Raasihyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessitu cimsitee jirti.
Daangaa Raashiyaa keessa fageenya kilomeetira kumaan lakaa'amu seenuun haleellaan diroonii Yukireen gaggeessitu Raashiyaatti qormaata guddaa ta'aa jira.






