Hoomachi waliin wallaalame daandii guute jennaan warri Naayijeeriyaa ilaaluuf yaa'an

Waan hoomacha fakkatuufi namoota

Madda suuraa, Nesrea

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Wanti hoomacha fakkaatu daandii guddaa Naayijeeriyaa haguugee argamnaan ejensiin eegumsa naannoo biyyattii qorachuu jalqabe. Uummatis yaaddoo nageenyaa kaasaa jira.

Ejansiin Eegumsa Naannoo Biyyaalessaa Naayijeeriyaa namoonni waan waliinsaa adda hin baafamne kanarraa akka fagaatan akeekkachiiseera.

Hoomachi daandii bulchiinsa Kaadunaa- Abujaa geessurra kan uffisee jiru yoo tahu magaala guddoo biyyattii naannoo kaabaatti quunnamsiisa.

Shufeeroti doqdoqqee dhibbaan lakkaa'aman hoomacha kana suuraa kaasuuf yeroo dhaabbatan mul'ataniiru.

Waan kuni guyyoota muraasaan dura kan mul'ate yoo tahu suuraaleen miidiyaa hawaasaa irra qoodamaa jiru.

Namoonni garii keemikaalatu dhangala'e yoo jedhan kaan ammoo akka waan hoodaa tahetti ilaalaa jiru.

Konkolaachiisaan daandii sanarra oofaa ture Isaah Amiinuu konkolaachisaan biraa ''hurriin samiirraa jige,'' jedhee itti himuu dubbata.

''Odeeffannoon jalqaba dhageenye kana- samiirraa hurriin jige waan jedhu,'' jedha. ''Akkuma namoota kaanii anis ilaaluuf dhaabadheen ture garuu cabbii fakkaata,'' jedhe.

Amiinuun hoomacha kana tuquu sodaachuu himuun namoonni baayyee kaan garuu itti siqaa akka turan hime.

Ejansiin Eegumsa Naannoo Naayijeeriyaa tuutni waajira Kaaduunaa irraa ergame naanniicha daawwachuu hime.

Saamudni hoomacha, biyyoo akkasumas bishaan naannicha jiru fudhatamee qorannoof laabraatoritti ergamuu himuun maal akka taheefi dhiibbaan naannoo irratti qabu adda baafama jedhe dhaabbatichi.

Ejansiin kuni uummatni hoomacha, biyyoofi bishaan naannicha jiru hamma qorannoon xumuramutti fayyaa isaanii eeguuf jecha harkaan akka hin qabne gorseera.

''Jalqaba maal akka tahe adda baasuu qabna ergasii akkatti namoonni of eeggatanii fi balaa inni fiduu danda'u ibsina,'' jedhan dubbihimaan dhaabbatichaa.

Qorannoon marsaa duraa akka agarsiisutti konkolaataa fe'umsaa balaan mudannaan waan dhangala'e tahuu hin oolu jedha. Haa tahu malee konkolaatichi waan akkamii akka tahe waan barame hin jiru.