Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Anis silaa Ayaatolaa Kaameenii fa'aa waliin du'a ture' - Miinstiirri dhimma alaa Iraan akkamiin akka du'a oolan himan
Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii haleellaa Israa'elifi US waloon Iraanirratti bananii turaniin akkamitti du'a jalaa akka hafan yeroo jalqabaaf dubbatan.
Guraandhala 28, 2026 US-Israa'el waloon haleellaa tasaa Iraanirratti bananiin gaggeessaa olaanaa duraanii Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, dabalatee qondaalota heddutu du'e.
Yeroo haleellaan sun gaggeeffamu Ayaatolaa Kaameenii waliin gamoo tokko keessa turuu kan himan Abbaas Araagchii, akkamiin akka ofii lubbuun oolan dubbataniiru.
Abbaas Araagchii af-gaaffii gaazexeessaa Iraan Javad Moghouei waliin Afaan Faarsitiin gaggeessan waabeffachuun miidiyaan Israa'el The Jarusalem Post akka gabaasetti, US-Israa'el qaawwa nageenyaa fayyadamuun haleellicha raawwachuu ibsan.
Haleellichi Iraan keessatti qaawwan nageenyaa cimaan mudachuufi taateen sun akkamiin akka mudate hanga ammaattuu bira akka hin gahamne dubbatan Abbaas Araagchii.
Akka gabaasa The Jerusalem Post kanaatti, ganama gaafa Waxabajjii 28, Ayaatolaa Alii Kameenii wajjin mariyachuuf mooraa biiroo Ayaatolaatti argamanii turuu kan himan ministiirri dhimma alaa Iraan, waa'ee marii dhimma nikularaa US waliin godhamuu Ayaatolaa Alii Kameeniif gabaasuuf akka turanis dubbatu.
"Ganama sa'aatii saditti Alii Hejaazii [ajajaa waliigalaa humna waraanaa duraanii] waliin turre, waa'ee gabaasa marii godhamuuf deemaa turre," jechuun battaluma sanatti haleellaan eegaluu himu.
"Duumessi waraanaa akka jiru natti dhagahamaa ture, battaluma sanatti haleellan jaqlabe," jechuun dhohiinsa booda waan mudate gaazexeessaa Iraan Javad Moghouei waliin haasa'uu itti fufan.
"Kutaa tokko keessaa baanee jijjiga gara galma wal-gahiitti gaafa dhufnu sagalee [wawwannaa] dhageenye. Bishaan gubbaarraa gadi yaa'aa jira. Waanti hunduu jijiigeera," waan ture yaadatu.
Humnoota nageenyaa mooraa sana keessa turan keessaa loltuun dargaggeessi tokko hatattamaan fuudhee osoo ittiin deemuu baatee haleellaa dabalataa mooricha irratti gaggeeffameen silaa isaanis akka du'an himu.
"Loltuun tokko harka koo na qabee, haleellaan dabalataa gaggeeffamuu waan maluuf hatattamaan akkan achii deemu na dirqisiise," jechuun konkolaataa nama dhuunfaan loltuun dargaggeessi tokko fuudhee gara biiroo ministeera dhimma alaatti akka isaan geesses himu.
Haleellaa US-Israa'el gaggeessanii qondaalonni siyaasaafi waraanaa biyyattii heddu ajjeefamanii naasuun mudatus, waraanni yoo ka'e jedhamee dursamee senaariyoon yeroo balaa lafa taa'ee akka tureefi waraanni gaggeeffamuu booda suni hojiitti hiikamuu ibsan.
Gaggeessan tokko yoo ajjeefame eenyu bakka bu'uu akka qabu, koodii qunnamtiifi qophiin barbaachisu dursee gaggeeffamuu ibsan.
Haa ta'u garuu, akkaataan haleellichi itti gaggeeffame qaawwaa tikaa guddaa kan argamsiise ta'uu qofa osoo hin taane, qondaalonni biyyattii hedduunsaanii biiroo idilee itti fayyadamaa turan dhiisanii ulaa lafa jalaa keessa akka turan dirqamuus himan.
Abbaas Araagchii ministiira dhimma alaa ta'uusaanifi dippilomaatii ta'uurraa kan ka'e gaggeessitoota biyyoota garaa garaafi hawaasa idiladdunyaa qunnamuuf bilbila fayyadamuun dirqama akka ture kaasun, gaggeessitoonni biroo garuu guutummaatti bilbila fayyadamuu dhiisanii akka turan ibsu. Sababni ammoo, Israa'elifi US bilbilasaanii hordofuun haleellaa irratti gaggeessuu waan danda'aniifi.
"Hundi keenyaa biiroo fayyadamaa hin turre. Naannoo ministeera dhimma alaa bakka wayii qopheessine. Hammam haleellaa irraa bilisa akka ta'e hin beekun ture. Garuu dhumarratti ulaawwan lafa jalaa yoo ta'e malee bakki nagaan tokko hin turre," jedhan Abbaas Araagchii.
Ulaan lafa jalaatuu balaa haleellaaf saaxilamaa turuu kan himan, dippilomaatiin Iraan kun Israa'el sochii qondaalota biyyattiirratti odeeffannoo gahaa akka qabdus hin haalle.
'Mojtaabaa Kameenii argee hin beeku'
Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii booda, gaggeessaa olaanaa Iraan kan ta'an Mojtaabaa Kameenii arganii akka hin beeknes dubbatan.
Mojtaabaa Kaameenii haleellaa US-Israa'el gaggeessanii miidhaan cimaan akka irra gahetu amanama. Sababa miidhaan irra gaheefi yaaddoo nageenyaa dabalataaf uummatatti mul'atanii hin beekan.
Waa'ee hariiroo gaggeessaa olaanaa haaraa, Mojtaabaa Kameenii, waliin qaban yoo gaafataman wal-arganii akka hin beekne dubbatan Abbaas Araagchii.
"Argee hin beeku. Nama tokko ykn namoota muraasa ta'an irraa kan hafe namni biraas waan arge natti hin fakkaatu," jechuun erga waraanni eegalee gaggeessaa olaanaa biyyattii wajjin wal-arganii akka hin beekne himan.
Dubbiin Abbaas Araagchii kun iddoon argama Mojtaabaa Kameenii icciitii cimaan akka eegamu kan akeekudha.