US fi Iraan walitti dhukaasuu jabeessuun yaaddoo hammeesse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Iraan haleellaa halkan walitti aanu 13ffaaf irratti raawwatame haaloo bahuuf buufatalee waraanaa US Baha Gidduugaleessaa qabdu dirooniin haleeluu beeksifte.

Qarqara galoo galaanaa Iraan, naannoolee Lixa , Kaabaa fi Gidduugaleessaattis dhukaasni dhagaahameera. Akka miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaasetti haleellaa Kibba Lixa biyyattiitti US raawwatteen namootni afur ajjeefamanii shan ammoo miidhamaniiru.

Boodammoo Iraan humna walta'aa USfi Kuweet rukutuu ibsite. Baahireeniifi Jordaan keessattis sagalee akeekkachiiftuu haleellaa dhagaahameera. Dirooniin kufuu hordofee Iraaqitti balaliin qilleensaa haqameera.

Biyyootni lamaan dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii booda wal haleeluu kan jabeessan US qabeenya Iraan ugguramee ture itti dhimma bahuuf karoorfachuu hordofeeti. Dhibdeen boyyoota lamaanii daranuu akka hammaatus sodaatameera.

Kamisa darbe Tiraamp balaa dooniiwwaniifi fe'isa ulaa Hormuz keessatti miidhamaniif beenyaan kan kaffalamu qabeenya Iraan harka US jirurraa ta'a jedheera.

Miidhaan qaqqabu guddaa ta'uus, baasiisaa haala kanaan danda'uun haqa qabeessa jedheera yaada Truth Social gubbaa maxxanseen.

Ministirri Haajaa Alaa Iraan Abbaas Araagchii qabeenya biyya biraa fudhatanii sababa wal hin qabanne fuula duratti mudatuuf ittin fayyadama jechuun dubbii barbaacha guddoodha jedhe.

''Muddama mirkaneessuun bareeda ykn naga qabeessa miti'' jedhe Araagchiin.

Waxabajjii darbe US fi Iraan sanada wal hubannaa abbaa qabxii 14 irratti waliigaluu booda ulaan Hoemuuz banamee ture. Guyyoota 60f dhukaasa dhaabuufis walta'nii ture.

Haata'u malee waliigalteen kun mallattaa'ee torbanoota sadii booda Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu obba'eera jedhe. Iraan ulaa Hormuz keessatti doonii waan haleelteef isaanis haaloo bahuu dubbate.

Sanadni walhubbannaa biyyootni lamaan mallatteessan lakkoofsa 11ffaarra US maallaqa Rippaablika Islaamaa Iraan ugguramee ture fayidaarra akka oolu ni gadhiifti'' jedha.

Erga walitti dhukaasuun deebi'ee ka'ee Ulaa Hormuuz to'achuuf US tattaaffii gochaa kan jirtu yoo ta'u, gareen Iraaniin deeggaramu Huutiinis naannicha yabala Galaana Diimaa gubbaa dooniiwwaniif yaaddoo dabaleera.

Kunis gatiin boba'aa erga Caamsaa darbee yeroo duraaf barmeelatti $100 akka ta'u sababa ta'eera.

Kamisa darbe Tiraamp haleellaa Hutiin raawwatuuf Iraaniin cimsee akka adabu dhaadateera.

Yaada marsariitii Axios jedhamuuf kenneen ammoo duula waraanaa jabaa Iraanirratti banuuf itti yaadaa jiraachuu, haleellaan kunis kan amma dura raawwatamee hin beekne akka ta'u dubbate.

Erga Adoolessaatii US fi Iraan gidduu muddamni akka malee hammaataa jira.