UK waraana Ameerikaa fi Iraanitti dabalamuufi?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akeekkachiisa Iraan booda UK'n haleellaa yeroo kamitti isheerratti raawwatamuuf jedhu kamuu ofirraa ittisuuf qophee ta'uu beeksifte.

Mootummaan biyyatti waraana ishee guyyaa fi halkan sa'aatii 24 guutuu nageenya biyyattii eegsisuuf qophaa'ii ta'uu ibse.

UK'n ibsa kana kan baafte Iraan buufatawwan waraanaa Biriteen, Ameerikaan akka itti fayyadamtu hayyamuun "kaayyoo haleellaa sanaa tumsuudha" jechuun erga akeekkachiistee booda.

UK, Ameerikaan buufatawwan waraanaa Biriteen keessatti argaman irraa hojiiwwan "ittisaa" akka raawwatu hayyamterti.

Haa ta'u malee, haleellaa kallattiin Iraan irratti raawwatamu keessatti hirmaachuu akka hin barbaadne ibsite.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan mootummaa Biriteen waraana Ameerikaa keessatti "hirmaataa" ta'uu himate. Humni Eegumsaa Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) immoo, biyyoonni Ameerikaaf deeggarsa waraanaa kennan kamiyyuu balaa itti dhufu kamuu fudhachuuf qophaa'uu qabu jechuun akeekkachiise.

Ameerikaan halkan 13f walitti aansuun haleellaa Iraan irratti gaggeessite.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yeroo hedduu mootummaa Biriteen fi MM duraanii UK Keyir Istarmer waraana kana keessatti deeggarsa gahaa akka hin kennineef qeeqaa turan. Haa ta'u malee, Iraan ibsa isheen baaste keessatti UK waraana kana keessaa qaama tokko ta'uu himatte.

Bara kana keessa, Ameerikaan buufatawwan waraanaa RAF Fayirford kan Giloucestershire fi Diyeegoo Garciya Galaana Hindii keessatti argamu fayyadamuun buufata waraanaa Iraan haleeluuf UK irraa eeyyama argatte.

Kaayyoon haleellaa sanaas bufata waraanaa Iraan kan biyyoota naannawa Galoo Galaanaa fi dooniiwwan ulaa Hormuuz keessa deeman irratti haleellaa raawwatan dadhabsiisuu ture.

Ministirri muummee haaraan UK Andii Burnham waliigaltee kana jijjiiruu akka hin barbaadne ibsameera. Torban darbe waliigalteen Ameerikaa waliin jiru akka itti fufu murtaa'uun isaa ibsameera.

Dhaabbanni oduu Tasnim, kan IRGC waliin hidhata qabatu, Ameerikaan guyyoota lama dura buufata RAF Fayirford irraa xiyyaarota waraanaa kaastee Iraan irratti haleellaa raawwachuu gabaaseera.

Ministeerri Ittisaa UK garuu odeeffannoo kana irratti yaada hin kennine.

Akeekkachiisa Iraan kanaaf deebii kennuun, mootummaa Biriteen keessaa dubbi himaan mootummaa, "Humnoonni waraanaa keenya haleellaa biyya keessaa fi alaa kamiyyuu irraa UK eeguuf yeroo hunda qophaa'oo dha," jedhan.

Itti dabaluunis, "Nageenya qilleensaa fi misaa'elaa sadarkaa hedduun ijaarame fayyadamuun, Humna Galaanaa Mootummaa, Humna Lafa fi Humna Qilleensaa akkasumas michoota keenya NATO waliin taanee of ittisna," jechuun ibse.

Mootummaan Biriteen waraana kana keessatti bal'inaan hirmaachuu akka hin barbaanne ibsee, "Lammiilee keenya, fedhii keenya fi michoota keenya seera idil-addunyaa kabajuun ni eegna. Garuu walitti bu'iinsa kana keessatti caalaatti hin hirmaannu," jedhan.

Bitooteessa 19, Iraan buufata waraanaa Diyeego Garshiyaa irratti misaa'ela baallistikii lama dhukaaste. Odeeffannoon jiru akka agarsiisutti,isa keessaa tokko doonii waraanaa Ameerikaatiin rukutamee barbadaa'e.

Halkan Kamisaa, Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) halkan walitti aansee yeroo 13ffaaf haleellaa Iraan irratti raawwachuu isaa beeksise. Akka CENTCOM jedhutti, kaayyoon haleellaa kanaa dandeettii Iraan dooniiwwan daldalaa fi geejjiba galaanaa sodaachisuu qabu dadhabsiisuu dha.

CENTCOM dabalataan, ulaan Hormuuz amma iyyuu geejjibni galaanaa itti fufuu akka danda'u ibsee, dooniiwwan daldalaa deeggarsa waraana Ameerikaatiin karaa sana nagaan imaluu isaanii himeera.