Iraan ajajoota waraanaa fi misaa'eloota Huutiif erguu Rooyitersi gabaase
Rooyitarsi maddoota dhimma kana beekan wabeeffachuun akka gabaasetti, Iraan baatii kana keessa hidhattoota Huutii Yaman deeggaruuf ajajoota Waraana Eegumsa Warraaqsa Islaamaa (IRGC), gorsitoota waraanaa, misaa'eloota fi diroonii gara Yaman ergeera.
Maddoonni kunneen akka jedhanitti, deeggarsi kun Huutiin doonii daldalaa Galaana Diimaa fi naannoo Baab al-Mandaab keessa socho'an irratti dhiibbaa akka cimsuuf kan kaayyeffate.
Rooyitarsi akka gabaasetti, namoonni 10 hanga 21 ta'an IRGC keessaa ergamuu fi isaan keessaas ajajoonni olaanoon akka jiran himameera.
Isaanis sirna misa'lootaa haaraa irratti leenjii kennuu fi hojii waraanaa Huutii deeggaruuf gara Yaman imaluu isaanii maddoonni ibsaniiru.
Haa ta'a malee Huutiin fi mootummaa Iraan himata kana haalaniiru.
Iraanis yeroo hedduu Huutii Yaman misa'eloot fi meeshaa waraanaa biroon ijaaruuf deeggarsa tokkollee akka hin goone irra deddeebitee haaltee turte
Garuu mootummaa Yaman kan Saawudiin deeggaramu bakka bu'uun Ministirri Odeeffannoo Muammar al-Iryani, ajajoonni IRGC fi meeshaaleen waraanaa gara Yaman dhufuu isaanii mirkaneessan.
Kaayyoon isaanii humna waraanaa Huutii cimsuu fi nageenya geejjibaa Galaana Diimaa fi Baab al-Mandaab irratti balaa uumuuf jedhu jechuun himatan.
BBC'n gabaasa Rooyitarsii kana of isaaf ammatti hin markaneeffannee