“Puutin fi Shiin meeshaa waraanaa akka Iraanitti hin gurgurre waadaa galaniiru”- Tiraamp
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin fi Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing meeshaa waraanaa Iraanitti akka hin gurgurre waadaa akka isaaf galan dubbatan.
Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa Isaanii Tiruuth irratti akka maxxansanitti, yeroo dhihoo Shii Jinpiing waliin Beejiingitti mari'ataniin, "haala kamiinuu meeshaa waraanaa Iraanii hin kenninu, hin gurgurrus" jechuun Shiin akka isaanitti hime ibsan.
Tiraamp akka jedhanitti, waadaan kun mootummaa Chaayinaa qofa osoo hin taane dhaabbilee oomisha meeshaa waraanaa Chaayinaa hunda kan dabalatu dha.
Akkasumas, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutinis waadaa walfakkaataa akka isaaniif galan dubbatan.
Tiraamp, ''meeshaa waraanaa Yukireenitti osoo hin taane, biyyoota NATO tti qofa akkan gurgurru Putin ni hubata.'' jedhan.Isaan gatii meeshaa guutummaatti ni kaffalu. Meeshaa waraanaa kanaan maal akka godhan garuu hin beeku,” jedhan.
Kanaaf biyyoonni Iraan waliin walqabatee maqaan isaanii yeroo baay’ee kaafamu kunneen waraana kana duubaa “harka akka qaban jedheen amanan” jedhan.
Itti dabaluudhaanis, “Harka keessa yoo qabaatanillee isaan miidha malee hin fayyadu” jechuun akeekkachiisan
Dubbiin isaanii kun yeroo Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan irratti cimsaa jirtu fi mootummaa Tiraamp, Raashiyaa fi Chaayinaan Iraan deeggaruu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaa jirutti dhaga'ame
Haa ta'u malee, hanga ammaatti Chaayinaa fi Raashiyaan, Tiraampiif waadaa akkasii galuu isaanii ilaalchisee ifatti yaada hin kennine.