Arsenaal Vinishiyees Juuner mallattesisuuf waliigaleeraa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Arsenaal taphataa Riyaal Maadirid Viinishiyees Juuner mallattesisuu akka barbaadu gabaafame.

Viinishiyees yoo kontiraata isaa hin haaressu tahe Arsenaal gara kilebichaatti fiduuf gaafataa jira.

Joosee Moorinihoon taphattoonni isaanii ciccimoon hundi akka turan barbaada.

Garuu Viinishiyes yeroo dhiyootti kontiraanni isaa kan dhumu yoo tahu waliigaltee haaraa Riyaal maadirid dhiyeesseefii ammayyuu hin mallatteesine.

Kana dura miindaa ilaalchisee akka walii hin galleefi Imbaappeen qixa akka kaffalamuufiif gaafachuun isaa ibsameera.

Arsenaal Atileetiikoo Maadirid irraa Juuliyaan Alvaarez mallattesisuuf rikardii Biriiten cabsuuf akka jedhan himame.

Taphataa kana Baarseloonaatu barbaada ture. Haa tahu malee, Atileetiikoo Maadirid Alvaareziin gurguruu akka hin barbaanne ibseera.

Inter Miilaan Kiristiyaan Roomeeroo Tootenhaam irraa mallattesisuu barbaada.

Riyaal Maadirid taphataa RB Leepzhig, Yaan Diyaamondeef paawondii miliyona 85 ol dhiyeesinaan kilebichi fudhachuu dide.

Liiverpuulii fi Maanchister Siitiinis taphaticha barbaadu turan. Amma dorgommii keessaa of baasaniiru.

Maanchister Yuunaayitid Maanuu Koonee Roomaa irraa mallattesisuuf gaafataa ture. Taphatichis Yuunaayitid galuuf fedha qaba.

Haa tahu malee, hoggantoonni Yuunaayitid hundi irratti walii hin galle. Kaazemiiroo bakka buusuuf taphataa madaaludhaa kan jedhu ammayyuu gaaffii kaasaa jira.

Bakka isaa Kaarlos Baalebaa Biraayitan irraa mallattesisuu kan filatanis jiru.

Tiilemaansii fi Andiree Saantos kan mallattesisu Yuunaayitid ammallee taphataa sarara gidduu utubaa tahuu danda'u hin mallattesifne.

Shuumenii Riyaal Maadirid irraa gaafachaa kan ture kilebichi Maadirid ammoo taphataa kanaaf waliigaltee yeroo dheeraa haaraa hdiyeesseeraaf. Akkasis tahee garuu gurguruu akka danda'amus hamiin jira.

Juuvantas Buruunoo Fernaandez mallattesisuu akka barbaadu himame. Garuu Buruunoon Yuunaayitid waliin yeroo dheeraaf turuuf murteessuu torban darbe gabaasonni bahaniiru.

Waggaa darbes kileboonni Sawudii Buruunoof mallaqa guddaa dhiyeessanii ture. Taphatichi garuu fedha akka hin qabne ibse.

Yuunaayitid gara Shaampiyoonsi Liigiitti waan deebi'eef taphataa kana waan gurguru miti.

Cheelsiin taphattoota 48 qaba. Isaan keessaa garuu Piriimer Liigiif galmeessuu kan danda'u 25 qofa. Kanaaf taphattoota baay'ee ammayyuu gurguruu qaba.

Zhaavii Aloonsoo bara kana jabaannee dorgomuuf ni yaalla. Garuu eessatti akak xumurru yeroon nutti hima jedha.

Eeznoo Maareshkaa Roodirii dhabuu akka hn barbaanne hime. Roodiriin Riyaal Maadirid galuu barbaada. Ammoo Baarseloonaanis taphataa kana halaan barbaada.

Hansii Filik sarara gidduu irra Firaank Diyoongi nama bakka bu'u barbaada. Diyoongii fi leenjisichi akka waliigalaa hin jirre ibsameera.